"Obboleessa koo Abiy Ahmad waliin rakkoo hin qabu"- Ilma Musevenii, Jeneraal Muhoozii

Muhoozii Kaayiruniigaabaa

Madda suuraa, AFP

Ilma pirezidaantii Yugaandaafi qondaala waraanaa olaanaa biyyattii kan ta’an Jeneraal Muhoozii Kaayiruniigaabaa daawwannaaf daawwannaaf Itoophiyaa jira.

Ajajaa humna waraanaa lafoo kan ta’an Jeneraal Muhoozii daawwannaa hojiitiif Finfinnee galuu isaa ministeerri dhimma alaa beeksiseera.

Janaraalli Yugaandaa kun wayita Finfinnee gahutti Janaraal Daarektarri Tajaajila Odeeffannoofi Tika Biyyaalessaa Obbo Tamsageen Xurunaa simannaa taasisaniiruuf.

Janaraalichaan alattis Deetaan Ministeera dhimma alaaa Yugaandaa Okeelloo Oriyeem fi aanga'oonni nageenyaafi waraanaa biroon waliin Finfinnee galaniiru.

Sabaa himaaleen Yugaandaa akka jedhanitti Janaraalichi Finfinnee kan deemef hafeerraa ministira muummee Abiy Ahmad tasianiif hordofeeti.

Jeneraal Muhooziin ministeera muummee Abiya Ahmad waliin wal arguuf akka jirus ibsamee jira.

Qondaalli waraanaa Olaanan Yugaandaa kun fuula Tiwiitara isaa irratti wantoota falmisiisoo ta'an maxxansuudhan beekama.

Abbaa isaa bakka bu'uun pirezidaantii Yugaandaa ta'a jedhamee eegamaa kan jiru gaheessi ganna 48 Jeneraal Muhoozin yeroo tokko, "soorma bahuufan jira" jedhee ture.

Gama biroon ammoo mootummaan Itoophiyaa fi humnoonni TPL yeroo wal waraanaa turan TPLF deeggaruun fuula Tiwitaraa irratti barreessun namoota heddu falmisiisee ture.

"Humni ittisaa Tigraay kaayyoo isin dhaabattaniif nan deeggara. Warri obboloota keenya Tigraay gudeedanii fi obboota keenya ajjeessan adabamuu qabu, "jechuun barreessee ture.

Ergaa Tiwiitaraa kana hordofee mootummaan Yugaandaa, kuni yaada jeneraalichaati malee yaada mootummaa biyyattii akka hin taane ibsee ture.

Oduu himaan ministeera ittisaa Yugaandaa kan ta'e Biriik Filiiks yaanni Jeneraal Muhozin Tiwiitara irratti barreesse uummata Yugaanda fi waraana biyyattii bakka hin bu'u jechuun BBC tti himee ture.

Mootummaan Yugaandaa yaanni jeneraalichaa ijjannoo biyyattii miti jedhus, Jeneraal Muhoozin humnoota TPLF deeggaruun waanti Tiwiitara irratti barreesse ammayyuu jira.

Jeneraal Muhoozin TPLF deeggaruun yeroo garaa garaatti haa barreessu malee yeroo immoo "obboleessa koo" ministeera muummee Abiy Ahmad waliin rakkoo homaa hin qabu jechuun barreessee ture.

"Obboleessa koo Abiy Ahmad waliin rakkoo qabaadhee hin beeku. Inumaayyuu nan kabaja. Kanin barbaadu Itoophiyaan akka nagaa taatudha," jechuun suura ministeera Abiya Ahmad waliin Tiwiitara irratti maxxansee ture.

Guyyaa tokko dura Jeneraal Muhoozin fuula Tiwiitaraa irratti ergaa barreessen: "Tasgabbiin Baha Afrikaa Itoophiyaa fi Yugaandaa irratti hundaa'a. Lagni Naayil biyyoota haadha Afrikaa ta'an kana lamaan irraa madda. Wal hubannoon gidduu keenya akka jiraatuf gara Itoophiyaa imaluufan jira!"

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo dhiyoo as Jenereraal Muhoozin abbaa isaa Museveenii bakka bu'uun hojii dippilomaasif gara biyyoota ollaatti imalaa jiru.

Daangaa Yugaanda fi Ruwaandaa gidduu waggaa sadiif cufamee ture akka banamuuf hojii dippilomaasif gara Kiigalii imalee ture.

Akkasumas, pirezidantii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa bara aangoo isaa xumuraa jiruuf ergaa akka qaqqabsiisuuf Museeveeniitiin gara Keeniyaatti ergamee ture.

Janaraalli siyaasa Yugaandaa keessatti dhiibbaa gudaa uumuun beekamu kun, biyyattii bakka bu'uudhaan gara biyyoota hollaatti imaluun isaafi guddina saffisan argachaa jiru ilaalcha keessa galchuudhaan, Pirezidaant Museeveeniin ilma isaanii aangoo isaaniif qopheessaa jiraachuu agarsiisa jechuun namoonni dubbachaa jiran hedduudha.

Janaraalli umuriin isaa waggaa 48 ta'e kun Museeveeniifi haadha isaa bara 2016 ministeera barnootaa biyyattii ta'uun muudamte Jaanet Museevenii irraati.

Bara 1974 keessa Taanzaaniyaa keessatti kan dhalate Muhooziin, Saayinsii Siyaasaa biyya Ingiliizitti baratee bara 1999 ammoo waraana biyyattiitti