Saadiyoo Maanee jalqabbii Waancaa Afrikaa irratti gahuumsa addaan dhiyaate

Taphataan beekamaa Seneegal Saadiyoo Maanee jalqabbii gulaallii Waancaa Afrikaa kan bara 2023 irratti daqiiqaa 98ffaa irratti galchii lakkoofsiseen biyyi isaa Ruwaandaa tokkoo fi duwwaan akka injifattu taasiseera.
Taphataan fuulduraa kun tapha dirree magaalaa guddoo Seneegal Daakaritti taasifameen daqiiqaa dhumaa irratti sarara ittisa tapahattoota Ruwaandaa cabsuu danda'eera.
Maanen bara kana daqiiqaa dabalataatti si'a lama rukuttaa gara goolitti jijjiirera, kunis tapha baniinsa Waancaa Afrikaa Seeneegal Zimbaabwee wajjin Kaameruunitti taphattteen, daqiiqaa 97ffattti galchii ittiin ijifatan erga galcheen booda jechudha.
Taphataan lammii Senegaal Saadiyoo Maaneen kanaan dura tapha tokkoorratti sadii galchuun taphataa galchii hedduu biyya isaaf galche ta'eera.
Waancaa Pirimiyeer Liigiifi Chaampiyeens Liigii barana waan dhabeef Liivarpuul turuu dhiisuu danda'a osoo jedhamuuti kana kan galmeesse.
Gulaallii Waancaa Afrikaa bara 2023'f taasifamuun guyyaa yeroo darbe Beeniin waliin kan taphatte Senegaal galchii 3fi 1'n injifatte. Galchii sadanuu Saadiyoo Maaneetu galche.
Kanaanis, Maaneen tapha 86 irratti galchii 31 galchuun seenaa kana dura Henrii Kamaaraan biyya isaa Senegaaliif galmeesse caaluu danda'eera. Kun ammoo goolii inni miillana lakkoofsise osoo hin dabalatiinidha.
Taphataan ganna 30 kuni waliigalteen inni Liivarpuul waliin qabu waggaa tokko qofatu hafe.
Tapha lama tapahataniin gareen Saadiyoo Maanee kun, Garee L keessaa qabxii shan harkaan ga'ataniiru. Beeniniifi Mozaambikiin si'a tokko qofa kan taphatan, Roobii wliin taphau.
Liivarpuul ammas bittaa maaneef maallaqa Baayer Muunik dhiyeesse kuffise
Kilabni Jarman Baayer Muuniik Saadiyoo Maaneef bitachuuf gatiin amma dura dhiyeessa Liivarpuuliin kuffifamuu hordofee ammas gatii sirreesse £30m dhiyeessus Liivarpuul ammas gatii kana kuffiseera.
Muuniik jalqaba gatiin dhiyeesse £25m yeroo ta'u, kilabichi amma paawundii miiliyoona shan qofa irra buusee deebi'e.
Liivapuul taphataa isaa sarara fuulduraa kana gurguruuf €50m gaafachuun isaa beekameera.
Kilabichi taphataa sarara fuulduraa Muunik barkurnee tokko achi ture Robart Luwaandooskiirraa fedha qabaachuunis ibsameera.
Saadiyoo Maanee Daakaaratti waayee deeggartootani biyya isaa Liivarpuuliin akka gadhiisu barbaaduu hordofee deebiin akka qoosaatti kenne deggartoota kilaba isaa mufachiiseera.
Maaneen ''waan isaan barbaadan na godha ni agartu'' jechuun dubbate ture. Boodas dhimma hegeree isaarratti dubbachuu akka hin barbaannee fi dubbiin akkaan afarfamee sunis qoosaaf waan dubbate akka ta'e ibse.












