Tajaajila 'Telebirr' nama siimkaardii qabu maraaf qabsiisa malee maallaqa liqeessu

Nama 'Telebirr' fayyadamuun kafaltii raawwataa jiru

Madda suuraa, Ethiotelecom/twitter

Baatilee 14 dura Itiyoo-telekoomiin tajaajila kan eegale sirni moobaayiliin maallaqa daddabarsu 'Telebirr' Jimaata darbe tajaajiloota haaraa liqiifi qusannoo ifa godhee jira.

Tajaajiloonni liqiifi qusannoo kun kutaa hawaasaa dhibbeentaa 60 ta'u sirna faayinaansii keessa hin seennee bira gahuuf eegalame jedhan hoggantuu olaantuun Itiyoo-telekoom Aadde Fireehiwoot Taammiruu BBCtti yoo dubbatan.

Tajaajiloonni haaraan moggaasa 'Malaa', 'Indakiisee' fi 'Sanduuq' jedhamuun ifa godhaman, maamiltoonni maallaqa akka qusatan, yoo fedhanis akka liqeeffatan gargaara.

'Telebirr' amma dura deeggarsa gatii boba'aa, kafaltii gibiraa, daddabarsa maallaqaa, bittaa fi gurgurtaa akkasumas biyyoota alaarraa maallaqa ergamu fudhachuuf oolaa ture.

Aadde Fireehiwoot sababa 'Telebirr' tajaajilawwan haaraa kunneen eegaluuf waggaa tokkoo ol ture yoo ibsan, "hayyamni nuuf kenname kana hin dabalatu ture" jedhu.

"Kanaaf tajaajiloota kaan eegallee hanga Baankiin Biyyaalessaa nuuf hayyamuutti turre" jedhan.

Ofii tajaajiloonni kunneen maali?

Tajaajiloonni liqiifi qusannoo 'Telebirr' haaraa eegale maamiloonni qabsiisa tokko malee maallaqa akka liqeeffatan ykn ammoo qusachuu danda'an gargaara jedhu Aadde Fireehiwoot.

'Sanduuq'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

'Sanduuq' tajaajila qusannoo yoo ta'u maamiloonni maallaqa dhalaafi dhala-malee akka ol kaa'aniif filannoo lamaanuu qaba.

Tajaajilli qusannoo dhala qabu kan guyyuu herreegamuu fi maallaqa maamiloonni guyyuu argatan kan agarsiisudha jedhu.

'Indakiisee'

Maamiltoonni 'Telebirr' kaffaltii raawwachaa osoo jiranii maallaqni yoo isaan hanqate 'Indakiisee' irraa argatu.

Maamiloonni maallaqa kaffaltiif isaan hir'ate hanga birrii 2000 ittiin kafaluu danda'u.

Tajaajilli kun kaffaltiiwwan akka ibsaa fi bishaanii raawwachuufis ni gargaara.

'Malaa'

Tajaajilli kun ammoo maamiloonni namoota dhuunfaa akkasumas dhaabbileen daldalaa karaa ittiin liqii argachuu danda'anidha.

Tajaajila kanaan namoonni dhunfaa ji'atti hanga birrii kuma 10, dhaabbileen daldalaa ammoo hanga birrii kuma 100 liqeeffachuu danda'u jedhan Aadde Fireehiwoot.

Namoonni dhunfaa maallaqa liqeeffatan guyyaatti, torbee fi ji'aan akkamiin akka deebisanii kaffalan sirni mijaawee jira jedhan.

Dhaabbileen daldalaa ammoo ji'a sadii, ji'a jahaa fi sagal keessatti akkaataan itti deebisan tolfamee jira.

Tajaajilli kun "hojii ittiin raawwachiisuuf akkasumas yaada haaraa qabatanii namoota gara daldalaa seenuuf maallaqa ka'uumsaa dhaban yaada keessa galchuun kan tolfamedha.

''Kanaafi namoota sirna faayinaansii keessa hin jirre bira gahuuf humna ta'a jennee kan yaadne," jechuun ibsan.

Tajaajiloonni sadan 'Malaa', 'Indakiisee' fi 'Sanduuq' waggaa jalqabaa ji'atti jiddugaleessaan namoota miliyoona 3 hanga 4 tajaajiluuf yaada kan qaban yoo ta'u, maallaqa birrii biliyoona 19.5 hanga 20 sochoosuuf karoorfamuu Aadde Fireehiwoot BBC'tti himaniiru.

Kana keessaa tajaajila liqii kan kennu 'Telebirr Malaa' qooda guddaa hanga birrii biliyoona 9.8 qaba. 'Indakiisee' birrii biliyoona 6.4, tajaajila qusannaa kan kennu 'Sanduuq' ammoo birrii biliyoona 3.3 sochoosa jedhame.

Namoota irra deddeebiin liqii fudhatan dabalatee waggaatti maamiloota miliyoona 108 tajaajiluuf karoorfamuus himaniiru.

Namootni gamanumaan tajaajila liqii 'Malaa' fayyadamuu eegalaniiru jedhan Aadde Fireehiwoot.

Liqii qabsiisa malee, akkamiin?

Dhaabbileen faayinaansii maallaqa yoo liqeessan qabsiisa barbaadu. 'Telebirr' garuu qabsiisa tokko malee tajaajila kana kennuuf akka jiru himu Aadde Fireehiwoot.

Haata'u malee sirnichi hubannoo nam-tolchee ykn 'Artificial Intelligence' fayyadamuun baasii fi galii maamila sanii irratti hundaa'ee maallaqa liqeeffamu hayyama.

Sirnichi sochii maallaqaa maamilootaa ilaalee maamilootaaf qabxii kenna. Fakeenyaaf namni maallaqa liqeeffatee deebisu qabxiin olaanaan kan kennamuuf yoo ta'u, namni qabxii olaanaa qabu maallaqa wayyaa qabu liqeeffachuu danda'a.

Tajaajilli kana namni siimkaardii qabu martuu karaa aappii mobaayilii 'Telebirr' ykn ammoo lakkoofsa bilbilaa gabaabaa #127# argachuu danda'a.

Haata'u malee maallaqni maamilli amma dura karaa 'Telebirr' daddabarsaa ture ilaalcha keessa galfamee liqiin hayyamama.

Tajaajilli kun akkuma tajaajilawwan faayinaansii kaanii yaaddoo qabaachuu danda'a jedhu Aadde Fireehiwoot. Haata'u malee aadaa Itoophiyaa ilaalcha keessa galchuun tolfames jedhu.

"Maamilli hundi [liqeeffatee] hin deebisu jechuu hin dandeenyu. Hawaasni keenya liqeeffatee hin deebisne jedhamuu hin fedhu, san akka ciminaatti fudhanne.

''Ammoo namni liqeeffatee yoo deebisuu dide, lammata liqaa hin argatu. Kanaaf al tokko birrii 2000 liqeeffate baduu moo waggaatti al lama, sadii birrii kuma lama, kuma afur liqeeffachuu wayyaaf? Kana hawaasa keenya hubachiisuuf ni hojjenna."

"Rakkoon homtuu nu hin mudatu hin jennu. Damee faayinaansii keessatti maallaqni qabsiisaan liqeeffamus baduu danda'a. Garuu to'annoo keenyaa ala ni ta'a jennee hin yaadnu. Isa qorannee itti seenne," jedhan.

Biyya ummanni dhibbeentaa 60 ta'u tajaajila faayinaansii hin arganne keessatti kasaaraa sodaannee tajaajila rakkoo hedduu furuu danda'u eegaluu dhabuun sirnaa miti jennee yaadna jedhan.

Tajaajila kana sirnaan fayyadamuun namoonni jireenya isaanii fi kan maatii isaanii jijjiiruu danda'an miliyoonaan lakkaa'aman jiru kan jedhan hoggantuun kun hiree namoota kanaa balleessuu hin qabnu jedhan.

Imala 'Telebirr' baatilee 14

Tajaajila erga eegalee waggaa fi baatilee 2 kan lakkoofsise 'Telebirr' maamiloota miliyoona 22.2 horachuu himu hoggantuun Itiyoo-telekoom Aadde Fireehiwoot.

Baatilee 14 kana keessatti maallaqa birrii biliyoona 34.1 sochoosuu dubbatan.

Kana keessaa dhibbeentaan 18 maallaqa erguu fi baasuu yoo ta'u dhibbeentaan 40'ni ammoo sa'aatii qilleensaati jedhan.

Maallaqa waliif erguun, kaffaltii tajaajilawwanii raawwachuun, akkasumas bittaa fi gurgurtaan ammoo dhibbeentaa hafe haguuga.

Dhaabbilee mootummaa kafaltii gibiraa, bishaan, elektiriikii fi kaan sassaaban hedduu, baankilee 13 fi dhaabbilee daldalaa kuma 22 waliin hidhata kan qabu 'Telebirr', sadarkaa biyyaatti bakka bu'oota kuma 79 ol qabaachuu himu.

"Kana yeroo gabaabaa keessatti milkeessuu akka milkaa'ina guddaatti ilaalla" jedhan Aadde Fireehiwoot.