Haleellaa Tel Aviiv hordofuun Israa’el Yaman haleelte

Madda suuraa, AP
Israa’el buufata doonii Hodeedaa kan haleelte, gareen Huutii dirooniin Tel Aviiv dirooniin erga rukutee guyyaa tokko booda.
Ministirri ittisaa Israa’el Yo’aav Galaant biyyisaanii haleellaa kana raawwachuun garee Huutiif dhaamsa dabarsuuf ta’uu himan.
‘’Ibiddi Hodeedaa gubaa jiru Baha Giddugaleessatti mul’ata, sababni barbaachiseefillee ifaadha,’’ jedhan.
Miidiyaan hidhattoota Huutiitti hidhata qabu akka beeksisetti, haleellaa Sambata darbeen namoonni sadii ajjeefamuun, namoonni 80’n mada’aaniiiru.
Qondaalli Huutii Mohaammad Abdulsalaam, haleellaa sanaan’’ weerara hamaa Israa’el Yamanirratti raawwatte’’ jedhanii ibsan.
Har’a Dilbata ganama Waraanni Israa’el akka ibsetti, misaayila Yamanirraa dhukaafame otoo daangaa qilleensaa Israa’el hin seeniin rukutee kuffise.
Waraani Israa’el itti dabaluun akka ibsetti, caccabaan misaayila kanaa miidhaa namaarraan akka hin qaqqabsiifneef magaalaa buufata doonii handaara Galanaa Diimaatti argamtu Eyilaatitti sagalee akkeekkachisa iyyiisiisan.
Haleellaan Israa’el raawwatte Huutiin Filisxeemota Gaazaa akka hin gargaarre dhiibuuf kan dubbatan Obbo Abdulsalaam, kun deeggaruu tasumaa hin dhiisnu jedhan.
Israa’el kallattiin Yaman haleeluun kan jalqabaa yoo ta’u, ji’oota muraasa darban keessa Huutiin Yaman haleellaa misaayilaa fi diroonii dhibbaan lakkaa’aman Israa’elirratti raawwateera.
Viidiyoon buufata Hodeedaarra gadhiifame akka agarsiisutti Sambata halkan ibiddi guddaan buufaticha dhuunfateera.
Mootummaan Huutii Sana’aa keessa maadheeffate akka ibsetti, Israa’el buufata kuusaa boba’aa handaara galaanaatti argamuu fi buufata annisaatti dhiyaatee argamu haleelte.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haleellawwan diroonifi misaa'elaa hidhattoonni Huutii ji'ootaf narratti gaggeessaa turan jettuuf Israa'el kallattiin haleellaa gaggeessun deebii kennuunshee kun kan jalqabaati.
Israa'el jeettiwwan waraanaashee fayyadamuun haleellaa gaggeessite kanaan buufata doonii Hodeedaa kan Galaana Diimarratti argamurratti xiyyeeffatte.
Buufata doonii Hodeedatti laboobni abiddaa guddaan samiitti olka'ee suuralen agarsiisu.
Mootummaan Huutii Sana'aa jiru akka beeksisetti Israa'el kuusaa boba'aafi buufata ibsaa qarqara galaanaa jiru irratti haleellaa gaggeessite. Haleellaa kanaan namoonni nagaan miidhaman akka jiranis beeksise.
Ministiirri Ittisaa Irsaa'el Yaa'ov Gaalant, "Warri Huutii si'a 200 ol haleellaa nurratti gaggeessan. Yeroo jalqabaaf lammii Israa'el irratti miidhaa geessisnaan nutis isaan haleelle. Yeroo barbaachisaa ta'etti bakka kamittuu kana ni goona" jedhan.
Kaleessa haleellaan diroonii Huutiin "anatu raawwate" jedheen magaala Tel Aviiv keessatti gaggeeffamee ture.
Israa'el diroonin kun kan Israan omishteefi fageenya dheeraa deemuu danda'u ta'uu beeksifte.
Haleellichaan namni ganna 50 tokko yoo du'u, namoonni saddeet ammoo mada'aanii ture.
Israa'el haleellaa kana qolachuu osoo dandeessuu garuu dogoggora namaan miidhan akka irra gahe beeksiftee ture.
Haleellawwan diroonifi misaa'elaa Huutin kana dura irratti gaggeessaa ture hunda Israa'el qilleensarratti kuffistee turte.
Israa'el kanaan dura Huutii Yaman irratti haleellaa gaggeessuu baattis, USfi UKn barana irra deddeebin qiyyaafannoo waraanaa humna Huutiti kan jedhan irratti haleellaa qilleensarraa irra deddeebin gaggeessaa turan.
Sababa waraana Gaazatti gaggeeffamaa jiruun Huutin Hamaas cinaa akka dhaabbatu beeksisuun hanga Israa'el waraana Gaazaa dhaabdutti anis haleellaa hin dhaabu jechuun irra deddeebin beeksisaa ture.












