Israa'el haleellaa qilleensarraan qondaala olaanaa Hezbollaa ajjeeste

Madda suuraa, Getty Images
Halleellaa qileensarraa Israa'el gaggeessiteen hogganaan isaa tokko Kibba Libaanusitti ajjeefamuu Hezbollaan hime.
Gareen Iraaniin deeggaramu kun haloo bahannaaf rokkeettii hedduu gara Israa'elitti dhukaasuu hime.
Qondaalli Hezbollaa Israa'el ajjeeste Mohaammad Niimaa Naaser kan jedhaman yoo tahu, ji'oota sagal darbaniif Israa'elii fi Hezboollaan walitti dhukaasaa turuu irraa kan ka'e naannichatti waraana bal'aa bana jedhamee sodaatameera.
Hezboollaan gara buufata waraanaa Israa'elitti rokkeettii fi misaa'ela gara 100 tahu dhukaasuu himeera.
Hezbollaan misaa'eloota Israa'elitti kan dhukaasef ajjeechaa Israa'el qondaala isaanii irratti raawwateef ''haloo bahannaafidha'' jedhe.
Humni waraanaa Israa'el rookkeettiiwan hedduun dhukaafaman lafa qullaa irratti kufuu himuun abidda kaasanis namni du'e akka hin jirre ibseera.
Humni waraanaa Israa'el akka jedhetti qondaalli Hezboollaa ajjeefame Naaser Garee Waraana Aziiz jedhamu hoggana.
Kibba Lixa Libaanus irraa rokkeettiiwan hedduu kan gara Israa'elitti dhukaasu humni Naaser gaggeessu kana tahuu Israa'el himteetti.
Akkasumas Naaser qondaala Hezboollaa ''gita'' Taaleb Saamii Abdullaahi, kan ji'a darbe keessa ajjeefamuun Hezbooollaa dheekkamsiisee ture.
Taaleb Saamii Abdullaahii ajjeefamuun Hezboollaa dheekkamsiisuun rokkeettii 200 ol akka gara Israa'elitti dhukkaasu taasiseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ergasii UN fi US dabalatee biyyootni adda addaa muddamni naannichatti uumame akka tasgabbaa'uuf gaafataa turan.
Waraanni yoo dabalataan naannichatti ka'e akka malee hammachuu akka danda'u fi Iraaninis dabalachuu akak danda'u sodaatameera.
Daangaa Israa'elii fi Libaanus irratti guyya guyyaan dhukaasni daangaa qaxxaamure jira.
Erga Hamaas Onkololessa 7 Israa'el haleelee waraanni gidduu isaaniitti banamee Hezboollaan gara Israa'elitti dhukaasaa ture.
Hezboollaan gara Filisxeem akka dhaabbatuu yoo ibsu Iraanis ejjennoo wal fakkaataa qabdi.
Qaamoleen lamaan jechuun Hezbollaa fi Hamaas Israa'el, UK fi biyyoota biroon akka qaama shororkeessaatti galmaa'aniiru.
Torbanoota darban keessa israa'el muddama naannoo daangaa gara Kaabaa Libaanus waliin jiru ilaalchisee karaa dippilomaasii hin furamu taanaan tarkaanfii waraanaa fudhachuun nan tasgabbeessa jette.
''Hezboollaa guyya guyyaan cimsineee haleelaa jirra. Libaanus keessatti tarkaanfii barbaachisu fudhachuuf akka biyya tokkootti qophii guutuus qabna,'' jedhan ministirri waraanaa biyyattii.
''Haala mijeessinee turuu filanna, garuu haalonni akka waraanatti gallu nu dirqisiisan yoo uumamnaan akkatti lollu beekna'' jedhan.
Hezboollaan akka malee kan hidhate yoo tahu, Hamaas caalaa akak humna jabaa qabutti ilaalama. garuu Israa'el waliin humna guutuun waraanatti galuu akak hin barbaanne ibseera.
''Israa'el waan barbaaddu murteessuu dandeessi. Waraana daanga'e, waraana guutuu, waraana gar tokkeen aggeeffamu,'' jechuun Itti Aanaan garichaa Naa'im Qaasim APtti himaniiru.
Hanga ammaa namoonni 400 ol Libaanus keessatti kan ajjeefaman yoo tahu, irra caalaan isaanii loltoota Hezboollaati.
Israa'el keessatti namoota 25 yoo tahan irra caalaan loltoota tahuu himamaeera.












