Iraan loltootashee Israa'el Sooriyaatti ajjeefteef haaloo bahuuf dhaadatte

Mormitoonni alaabaa Israaeliifi Ameerikaa gubaa jiru

Madda suuraa, Reuters

Iraan haleellaa Israa'el Wixata gamoo qoontsilaa Iraan magaalaa guddoo Sooriyaa, Damaasqootti argamu irratti raawwatteef deebii haaloo bahuu akka kennitu dhaadatte.

Gaggeessaan olaanaa Ayaatolaa Alii Komaanii Israa'el "yakka raawwatte kana itti gaabbiti" yoo jedhan, Pirezidant ebiraahim Rahiis ammoo "osoo deebii hin kenniiniif bira hin darbamu" jechuun dhaadatan.

TV mootummaa Iraan akka gabaasetti, janaraalota lama dabalatee miseensonni Eegdota warraaqsaa torbaafi Sooriyaanonni ja'a ajjeefamaniiru.

Humna waraanaa Israa'el ammoo gabaasaalee miidiyaa biyya alaarratti yaada hin kennu jedhe.

Haata'u malee, aanga'aan mootummaa Israa'el maqaan hin eeramne tokko Roohitarsitti akka himanitti, warri ajjeefaman kunneen "warra haleellaa qabeenya Israa'el fi Ameerikaa duuba turaniifi ammas haleellaa biroo karoorsaa jiranidha."

Kanneen ajjeefaman keessaayis ajajaa olaanaa Humna Qudus, Birgaadar Janaraal Mohaammad Reezaa Zaaheedi fi Itti aanaan isaanii Birgaadar Janaraal Mohaammad Hadi Haajii-Raahimi akka argaman himame.

Mootummoonni Iraanii fi Sooriyaan haleellaa gamoo Imbaasii Iraaniitti aanee jiru barbadeessee kana balaaleeffataniiru.

Waraanni Israa’el garuu miidiyaalee biyya alaatiif dhimmicha irratti yaada hin kennine.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haata’u malee waggoota dhihoon asiitti qiyyeeffannoowwan adda baafamaniifi Sooriyaa keessatti maallaqa Egdoota Waraaqsaan deeggaramu, Iraan waliin hidhata qabuu fi leenjii’u jedheen irratti haleellaa raawwachu amaneera.

Israa’el erga Onkololeessaa darbe Gaazaa keessatti waraannii eegalee as, haleellaawwan daangaa qaxxamuruun gareewwan hidhattoota Hezboollaa fi Lebaanooniifi Sooriyaa keessatti Iraaniin deeggaraman Kaaba biyyattii irratti raawwataniif deebii kennuuf haleellaan raawwattu dabaluun gabaafameera.

Haleellaan Wiixata kaleessaa raawwatame ammo walitti bu’insicha akka hin arbeessine sodaatameera.

Ministeerri Ittisa Sooriyaa, xiyyaarri waraanaa Israa’el guyyaa Wiixataa gamoo qontsilaa Iraan kan lixa Damaasqoo naannoo Meezeehiitti argamu irratti qiyyeeffateera jedhe.

Raayyaan Ittisa Sooriyaa misaa’eloota muraasa kan fashalleessee yoo ta’u, garuu darbuun gamicha barbadeessaniiru. Namoota gamicha keessa turan ajjeesseera, miidhaan irraan qaqabsiiseeras jedhe ministeerichi.

Reeffa baasuufi namoota miidhaaman lubbuun oolchuuf jijjigaa keessaa baasuudhaaf yaaliin taasifamaa akka jiru Ministeerichi ibse.

Ministeerichi hanga miidhaa qaqabee fi eenyummaa miidhamtootaa maqaan hin eerre.

Gamoo haleelameen qondaaltoonni ajjeefaman

Suuraaleefi waraabbiiwwan viidiyoo miidiyaalee hawaasaa gubbaatti qoodaman garuu gamichaan alatti urkaa fi aarrii yoo bahu agarsiisan. Gamoo barbadaa’eetti aanee kan argamu imbaasiin Iraan garuu miidhaan irra qaqabe hin jiru.

Ambaasaadarri Iraan Huseen Akibaarii ‘‘Jeettiiwwan waraana Israa’el F-35 gara jabiinaan naannoo maneen jireenyaa fi gamoo qonstolaarratti qiyyeeffatan’’ jedhan.

Ambaasaadarichis buufata TV mootumaa Iraaniitti akka dubbataniitti, haleellichaan dippilomaatoota dabalatee namoonni shanii hanga torba ta’an ajjeeffamaniiru.

Ibsa boodara Eegdoonni Waraaqsichaa kenneen ammo, Birgaadar Janaraala Mohaammad Reezaa Zaaheed fi Birgaadar Janaraal Mahaamad Hajii Raahiimin dabalatee, qondaaltoota waraanaa ‘‘ajajootaafi gorsiitoota waraanaa olaanoo’’ jedhaniin ajjeeffamu ibsan.

Miidiyaan Iraan akka gabaasaniitti, gaheessi wagga 63 Zaaheed qondaala olaanaa Humna Qudaas kan turan yoo ta’u, Leebaanoosiifi Sooriyaatti bara 2008 hanga 2016tti ajajjaa ta’un tajaajilaniiru. Haajii Raahiim ammo itti aanaa isaa akka turan ibsame.

Kanaafu Zaaheediin ajajaa Iraan olaanaa duula Israa’el raawwattuun ajjeesseefaman keessaa tokko ta’aniiru.

Dhaabbanni Mirga Namoomaa Sooriyaa UKtti bu’ureeffate, dursaa Olaanaan Humna Qudiis, gorsiiftoonni Iraan lamaa fi eegdoonni warraaqsichaa shan, waliigalatti namoonni saddeeti ajjeeffamu ibseera.

Ministirri Dhimma Alaa Sooriyaa, Fayiisaal Meekidaadiim, ‘‘haleellaa gara jabiinaan guutame’’ jedhaniin balaaleeffachuun, haleelichaan namoonni nagaa saaxilamtoota ta’u kaasan.

Ministirichi itti dabalauudhaan hawaasni addunyaa kanaaf deebii akka kennuuf cimsuun kaasan.

Dubbii-imaan Waayitii Awuus, Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan waa’ee haleellichaa akka beekan dubbataniiru.

Dubbii Himaan Raayyaa Ittisaa Israa’el, Riir Adimiiraal Daani’eel Haagaarii ibsa Wiixata gaazexessitootaaf kennaniin, buufata humna galaanaa magaalaa kibba Israa’el Elaat irratti haleellaan diroonii raawwatamu ibsan. Diroonichi kan Iraaniin hojjatame yoo ta’u Iraaniin kan ergameedha jedhan.

Haleellichi kan raawwatames haleellaa Israa’el Damaasqoo fi guyyaa Jimaataa ammo magaalaa kaabaa Alepoo irratti raawwate hordofee akka ta’e shakkama.

Dhaabbanni Mirga namoomaa Sooriyaa akka jedheetti, haleellaa kanaan loltoonni Sooriyaa 38 fi miseensoonni garee Hezboollaa Liibaana kanneen Iraaniin deegaraman torba dabalate namoonni 53 ajjeeffaman.

Amajjii darbe keessas haleellaa Israa’el Meezeeh irratti raawwatteen, qondaaltoonni olaanoon eegdoota Waraaqsaa dabalatee miseensoonni tika Sooriyaa hedduun ajjeeffamaniiru jedhameera.

Haleellaa kanaan gamoon Imabaasii iraan hin miidhamne