Paartileen mormituu waamicha marii MM Abiy Ahimadirraa maaliif hafu?

Ministirri Muummee Abiy Ahimad guyyaa Wiixataa hoggantoota paartilee mormituu garagaraa waliin waajjira isaaniitti mari’ataniiru.
Mariin kuni kaayyoon isaa wantoota kana dura raawwatamaniirratti yaada paartilee siyaasaa mormituu walitti qabuu akka ta’e ibsan.
Tokkoffaa ‘’yaadaafi qeeqa walitti qabuudha. Kan biraammoo sirreeffamoota galtee imaammataa ta’an adda baasuun,’’ fuula duratti tumsa barbaachisuurratti mari’achuu akka ta’e beeksisan.
Marii kanarratti hirmaattonni dhimmoota siyaasaafi nageenyaa garagaraa Ministira Muummee Abiy Ahimad gaafachuu isaanii BBC'tti dubbataniiru.
Gama kaaniin gartuun paartilee mormituu Kokasii jedhuun of waaman akka hin hirmaanne Pirofeesar Mararaa Guddinaa BBC’tti himaniiru.
Miseensa Kokasii kan ta’an Dura Taa’aan KFO, isaan dabalatee ABO fi paartileen biroo waamicha marii Ministira Muummee Abiy Ahimadirraa dhihaatuufis akka hin hirmaanne dubbatan.
‘’Gara 13 [paartilee] taana baay’een keenya hin dhaqne,’’ jechuun himan. ‘’Tiyaatiruma hojjechuudha, nutti haa hafu jennee dhiifne’’ jechuun BBC’tti himan.
Gartuun kokasii paartilee mormituu kuni kana dura Komishinii Marii Biyyaalessaa rakkoowwan biyyattii bubbulan furuuf hundaa’e keessas akka hin hirmaanne beeksiseera.
Komishiniin Marii Biyyaalessaa garuu hidhattoota qawwee qabatanii lolaa jiraniyyuu mariitti fiduuf haala mijeessaa akka jiru ibse.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
KFO fi ABO’n filannoo biyyaalessaa jahaffaa keessaa bahuun alatti yeroo adda addaatti bulchiinsa MM Abiy Ahimad irratti qeeqaafi komii dhageessisuun beekamu.
Pirofeesar Mararaa Guddinaa turtii BBC waliin taasisaniin maaliif waltajjii bulchaan biyyaa waamanirraa akka hafan himaniiru. Mufiidhaa? Akka asiin gadiitti dhihaateera.
---------------------------------------------------------------------------------------------------
BBC: Yeroo waamicha taasisan waa’ee maalii mari’anna jedhan?
Pirof. Mararaa: Gaafa tokko waan mootummaan guddina biyyaa gubbaatti hojjete kaleessa [Dilbata] isa ilaaltu jedhani. Har’ammoo [Wiixata] muummicha ministeeraatu isin dubbisa jedhani.
Borummoo [Kibxata] leenjii fudhattu jedhani.
BBC: KFO’n ala ABO’n jiraa? Ykn paartiin biraa jiraa kan hin hirmaanne?
Pirof. Mararaa: Nutis hin dhaqne, ABO’nis hin dhaqne. Paartiin Hibir Itoophiyaa jedhan tokkoos hin dhaqne. Paartiin Walaayittaa tokkoos hin dhaqne. Warri Kokasii keessan jiran baay’een hin dhaqne.
BBC: Maali sababi keessan?
Pirof. Mararaa: Bu’aa hin qabu, tiyaatirii hojjechuudha. Rakkoo biyyaa gubbaatti dubbachuu erga dhiisanii turaniiru. Mariirraas hin baqatu. Marii dhugaa hin barbaadani. Isaaniis ofis rakkisuu hin barbaanne.
BBC: Akkan dubbii keessanirraa hubadhetti, bu’aa hinqabu mari’achuuni jettanii haftanii?
Pirof. Mararaa: Ee bu’aa homaa hinqabu.
BBC: Yeroo darbe Marii Biyyaalessaa keessaa hafuu keessan komishinichi komataa ture. Mufiidha qabduu?
Pirof. Mararaa: Mufii odoo hin taane tapha taphachuutti deeme mootummaani. Rakkoo biyya kanaa hiikuudhaaf qophiis hinqabu fedhiis hin qabu.
BBC: Maalirraa kaataniiti akkas jettan?
Pirof. Mararaa: Waggaa jaha wajjiin jiraanne mitii? Waggaa jaha keessatti rakkoon bal’achaa deeme malee wanti hiikame [furame] hin jiru.

Madda suuraa, Abiy Ahmed /Twitter
BBC: Marii biyyaalessaa keessaa hafuu keessaniis odeeffanneerra. Bulchaan biyyaa yeroo mari’achiisanis hafuu keessan nutti himtani. Hafuun keessan rakkoo jira jettaniif furmaata fidaa?
Pirof. Mararaa: Waan hin taane hojjechuurra yoo xinnaate xinnaate dhiisunis waan tokkodha jechuukooti. Waan nuti barbaannu, gaaffii nuti gaafannu biyya keessas gaafachaa turre.
Alas yennaa wajjiin deemne Nezarlaandis wajjiin dhaqneerra. Bakka bu’aan mootummaa bakka jirutti torban tokko turre. Biyya Ingilizii wajjiin dhaqneerra. Afrikaa Kibbaa wajjiin dhaqneerra.
Akkuma nama duude ofuma isaanii hojjetu. Nama hin dhagahani. Rakkoo hiikuu fedhii agarsiisaa hin jirani. Karaa ofii deemanirra malee karaa biraa mariidhaani rakkoo akkasitti hiikuuf fedha hin qabani.
Kana keessatti qooda fudhannee bu’aan nuuf homtuu ijaa hin jirreef, saba kenyaafis homtuu ijaa hin jirreefi dhiifne jechuu kooti.
BBC: Nezarlaand, Afrikaa Kibbaa jettan marii akkamiiti? Warra mootummaa wajjiin dhaqxanii?
Pirof. Mararaa: Paartileen gara 10 olii Nezarlaandis yeroo tokko dhaqneerra, biyya Ingiliziis akkatti Ingiliziin rakkoo Kaaba Ayilaand hiikte dhaqnee torban tokko achitti muuxannoo fudhachaa turre.
Ji’a afur fuuldurammoo Afrikaa Kibbaa dhaqnee achittis torban tokko turre. Iddoo sadanuu bakka bu’aan mootummaa jira. Inuma dhagahu, waan nuti barbaannus beeku.
Garuu rakkoo sana hiikuudhaafi fedhii hin qabani. Hamma isaan fedhii hin qabaannettimmoo akka sabni keenya miidhamaa jirutti barbaachisaa miti jenneetu dhiifne.
[Sababa rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessa jiruun lammiileen nagaa miidhamaa jiru. Kana dura mootummaan hidhattoota WBO waliin marii marsaa lamaa taasisuus hin milkoofne.]
BBC: Amma sabni miidhamuu kaaftan. Tarii walgahii sanarratti argamtanii miidhama, rakkoo jettan sana himuun furmaata hin fidu turee?
Pirof. Mararaa: Waggaa jaha biyya keessatti yaalleerra. Biyya alaattis biyya sadii dhaqnee muuxannoo, rakkoo jiru hubanneerra. Karaa sana mootummaan deemuu hin barbaadu.
Aangoo yookiin du’a jedhee itti deemaa jira. Akka warri Amaaraa jedhan ‘’bishaan tumuu’’ ta’e. Kanumaaf dhiifne.
BBC: Isin nama siyaasaati. Siyaasas barsiisaa turtaniittu. Namni siyaasaa ni ijibbaataa? Yoo haftan furmaata fida jettanii yaadduu?
Pirof. Mararaa: Siyaasa akkuma sitti mul’atetti hojjetta. Yeroon nuti qooda fudhannu jira yeroo barbaachisaa ta’e.
Yennaa ilaallu wanti kuni footoodhaaf [suuraaf] yoo ta’e malee waan biraatif waan baay’ee barbaachisu nutti hin fakkaanne. Siyaasa bu’aa ilaaltee itti deemta hamma beekumsa keetti.
BBC: Galatoomaa!
Pirof. Mararaa: Tole.












