Marii MM Abiy fi hoggantoota paartilee siyaasaarratti dhimmoota maaltu ka'e?

Madda suuraa, ABIY AHMED ALI/FB
Ji'a Guraandhalaa irraa kaasee kutaalee hawaasaa gara garaa waliin marii taasisaa kan turan Ministirri Muummee Abiy Ahmad, marii isaanii marsaa 12ffaa aanga'oota paartilee siyaasaa waliin taasisaniiru.
Wixata Ebla 01, 2024 walga'ii MM Abiy waliin taasifamerratti paartilee siyaasaa biyyaalessaafi sadarkaa naannootti socho'an irraa aanga'oonni siyaasaa 400 ol hirmaachuu isaanii hirmaattonni BBCn dubbise himaniiru.
Sambatarraa kaasanii gara Akaadaamii Hooggansa Gahoomsuu Afrikaatti kan galan aanga'oonni paartilee siyaasaa, akkuma hirmaattota marii duraan turanittii 'Pirojektoota gurguddoo' mootummaa magaalaa Finfinneetti ijaaraman Dilbata daawwataniiru.
Mariin Wixata ganama waajira ministeera muummeetti gaggeeffame yeroo jalqabetti, MM Abiy mariidhaaf kan ta'u yaada ka'umsaa ykn haasaa raawwii mootummaa ibsu osoo hin taasisiin hirmaattotaaf kallattiin akka gaaffii dhiyeessaniif gara carraa kennuufiitti akka deeman aanga'oonni paartilee siyaasaa lama BBCn dubbise himaniiru.
Yeroo ministirri muummee gaaffii akka gaafataniif carraa kennuu jalqabetti, hirmaattonni garri caalan harka akka baasan dursaan Shongoo Biyyaalessaa Agawu Obbo Alaamirroo Yirdaawu BBCtti himaniiru.
Ministira muummeetiif gaaffii dhiyeessuuf carraa kan argatan waliigalatti hirmaattota lakkoofsaan 20tti siqanidha jedhan.
Aanga'oonni paartilee ministira muumee maal gaafatan?
Aanga'oonni paartilee siyaasaa sadii BBCn dubbise wanti marii turerratti akka ka'e eeran dhimma koriidarii daandiifi 'pirojektoota gurguddoo' biroo magaalaa Finfinnee keessatti ijaaramaa jiraniiti.
Dursaan Paartii Ummata Affaar Obbo Muusaa Adam, "pirojektii kanana walqabatee lammileen ni buqqa'u," yaadni jedhu akka ka'e dubbatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Obbo Alaamirroon gama isaaiitiin, "misooma koriidarii daandiifi dhimmoota fakkaataniin lammileen kaafaman sabarratti kan hundaa'edha," gaaffiin jedhu dhiyaachuu ibsaniiru.
Dhimma kanarratti deebii kan kennan ministirri muummee Abiy, "Finfinnee keessa [bakki jireenyaa] kan saba tokkoo ta'e hin jiru" jechuun namoonni sababa pirojektichaatiin ka'aa jiran saba bu'uura haala godhateen kan hin taane ta'uu ibsuu isaanii Obbo Alaamirroo himaniiru.
Pirojektoonni magaalattii keessatti ijaaramaa jiran dursee "qorannoon kan taasifame" akka ta'e ministirri muummee ibsuu isaanii dubbatan Obbo Muusaan ammoo. "Namni kamiyyu mana malee hin hafu, kan amma keessa jiran yoo caale malee jiraanya kanaa gadi ta'e hin qabaatan," deebii jedhu kennuu isaanii yaadatan.
Pirojektoota mootummaan ijaaraa jiru waliin walqabsiisee aanga'oonni paartilee siyaasaa, "ijaarsawwan [pirojektootaa] caalaa nagaafi tasgabbiin lammilee dursi kennamuufiif qaba," yaada jedhu kaasanii akka ture itti-aantuun Paartii Sooshaal Dimokiraatik Paartii Itoophiyaa (PSDPI) Dr. Raahel Baafee ibsaniiru.
MM Abiy kanaaf deebii yeroo kennan akkas jedhan: "Yoo xiqqaate walitti bu'iinsa biyya keessaa itti fufsiisna adeemsi itti jenne hin jiru. Hanga danda'ametti nagaan akka jiraatu ni barbaadna," jechuu isaanii Dr. Raahel yaadataniiru.
Obbo Muusaan gama isaaniitiin, "Waliin dubbachuufi rakkoowwan karaa nagaatiin furuudhaaf nuti qophiidha," deebii jedhu kennuu isaanii himaniiru.
Marii kanarratti dhimmi Komishinii Marii Biyyaalessaa ka’uu ibsameera.
Akka kanneen hirmaatan jedhanitti, gaaffiin ka’e Paartiin Badhaadhinaa karaa adda addaan maricharratti ‘’dhiibbaa uumaa jira’’ yaada jedhu kan akeekudha.
Obbo Alaamirroo akka ibsanitti, gaaffiiwwan ka’an keessaa ‘’Komishinii Marii Biyyaalessaa keessatti baay’inaan kan bakka buufaman namoota Badhaadhinaati,’’ kan jedhu jira.
Dhimma kanarratti Ministirri Muummee Abiy deebii kennaniin Paartiin Badhaadhinaa akkuma paartii kaanii ‘’akka qooda fudhataa tokkotti’’ akka ilaalamu ibsuu isaanii Obbo Alaamirroo ibsaniiru.
MM Abiy ‘’Adeemsa [Marii Biyyaalessaa] irratti dogongoroonni uumaman yoo jiraatan fidaa, mirga keenyaan ala yoo deemne jalaa eegalee ni sirreessina.
‘’Haa ta’u malee, dhimmi jalaan eegalee jiru seeraan [raawwatamaa] jira. Seera Marii Biyyaalessaa akka hin cabsine of eeggannoo olaanaan hojjetaa jirra,’’ jechuu isaanii himaniiru.
Dura Taa’aan Shangoo Biyyaalessaa Agaw Obbo Alaamirroo dhimmi biraa marii kanarratti ka’e dhimma ofiin of bulchuu ummata Agawiifi Raayyaadha.
Obbo Alaamirroo ummanni Agaw ‘’ammaan achi Naannoo Amaaraa keessa jiraachuu akka hin dandeenye’’ ibsuun gaaffii naannoo ta’uu dhiheessuu isaanii ibsaniiru.
Namni biraa walgahii kanarratti hirmaatan biroos ‘’asiin Tigraay keenyadha jedha, achiin Amaarri keenyadha jedha. Maaliif furmaata hin kennitan,’’ jechuun dhimma Raayyaa gaafatuu isaanii dubbatan.
MM Abiy dhimma ummata Agaw ilaalchisee ‘’ummanni Agaw hammataadha. Humnooti siyaasaa muraasni dogongora raawwataniin Amaaraa waliin hin jiraadhu jechuun yaada siyaasaa sirrii miti.
‘’Kuni rakkoolee furuun kan furmaata argatudha,’’ jedhuu isaanii Obbo Alaamirraw dubbatan.
Gaaffii ummata Raayyaa ilaalchisee mootummaan rakkinichi akka furamu kan barbaadu ‘’Amaaraanis, Tigraayis ‘kiyya’ jechuu isaanii dhaabanii, ummanni Raayyaa hiree ofii akka murteeffatu,’’ akka ta’e dubbataniiru jedhameera.
Hirmaattonni maal jedhan?
Hirmaattonni BBC’n dubbise hoggantoonni paartilee yeroo dheeraa booda Ministira Muummee Abiy argatanii waliin mari’achuu isaanii akka gaariitti ibsaniiru.
Haa ta’u malee, gaaffileen hirmaattotaan ka’an kan garaa nama gahaan miti jedhaniiru.
Dura Teessuun I/Aantuu Dr Raahel, gaaffiin dhihaate ‘’kan gurmaa’e miti’’ jedhan. Kunis kan ta’e xiyyeeffannoon marichaa adda bahee dhihaachuu dhabuu isaatti jedhan.
‘Raawwii kana dura tureerratti fi kallattii gara fuulduraarratti haa haasofnu, gaaffii dhiheessa,’ jedhame jedhan.
Kanaanis, hirmaattonni waan itti fakkaate kaasan jedhan.
Dura Taa’aan Ummata Afaar Obbo Muusaan gama isaaniin paartileen gaaffilee dhiheessuuf carraa argatan ‘’hamma danda’ame wantoota barbaachisan sirnaan ibsaniiru,’’ jedhanii akka amanan himan.
Deebii MM Abiyyiin kenname ‘’iftoominni kan keessatti mul’ate’’ jechuun ibsan.
Yaada wal fakkaataa kan kaasan Obbo Alaamirroo, ‘’gaaffileen ciccimoo ministira Muummee qoran’’ hin kaane jechuun dubbatu.
Wal tajjii kanarratti walitti bu’iinsawwan Amaaraafi Oromiyaa keessa adeemaa jiran ni ka’u jedhanii eeganii akka turan himan.
‘’Waa’ee waraanaa [walitti bu’iinsa] kan kaase hin jiru jechuun danda’ama. Dimshaashumaan ‘osoo nagaan bu’e’ namoonni jedhan jiru.
‘’Paartileen Amaaraa turani. Garuu cimanii dhimmicha kaasuu hin dandeenye,’’ jechuun ibsan.
Obbo Alaamirraw ‘’namni tokko yeroo dheeraaf yeroo dubbatu ga’umsa qalbiin caqasuu MM Abiy keessatti argeera,’’ jechuun waan taajjaban dubbatan.












