Mootummaan Israa'el tamsaasa Al Jaziiraa akka ugguru hime

Ilmi hoogganaa Biiroo Al Jazeera Gaazaa (kan suuraa irraa mul'atu) Waa'eel Al Dahduuh Amajjii darbe haleellaa qilleensaa Israa'eliin ajjeefame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ilmi hoogganaa Biiroo Al Jazeera Gaazaa Waa'eel Al Dahduuh (kan suuraa irraa mul'atu) Amajjii darbe haleellaa qilleensaa Israa'eliin ajjeefame

Paarlaamaan Israa'el seera mootummaan akka miidiyaalee gurguddoo cufuuf aangoo kennuuf raggaasiseera. Xiyyeeffannaa mootummaa keessaa tokko miidiyaa biyya Qataar, Al Jazeera dha.

Ministirri Muummee Israa'el Beenjamiin Neetaniyaahuu seera kana ''hatattamaan hojiirra oolchuun'' damee Al Jazeera isaan bira jiru akka cufsiisan himaniiru.

Michuu Israa'el kan taate US ammoo tarkaanfii kanaan yaadda'uu ibsiteetti.

Yeroo ammaa Gaazaa keessa, bakka waraanni itti raawwatu hunda deemanii kan gabaasaa jiran gaazexeessitoota Al Jazeera qofa.

Miidiyaaleen kaan akka Gaazaa hin seenne dhorkamaniiru.

Akka seera paarlaamaan Israa'el, Knesset, raggaasiseetti miidiyaaleen yookiin marsariitiiwwan gabaasaa qabiyyee nageenya biyyattiif balaa ta'an tamsaasan ''yeroof ugguramuu'' danda'u.

Seerri kun yeroo tokkotti guyyaa 45f miidiyaa tokko ugguruu danda'a, booda ilaalamee adabbiin dheerachuu danda'a.

Seerri kun hanga Adoolessaatti yookiin hanga waraanni jajjabaan Gaazaa xumuramutti hojiirra oola.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Kanaan booda Al Jazeeran Israa'el irraa hin gabaasu,'' jechuun X irratti barreessan Aab Neetaniyaahuun.

Miidiyaa kanaan ''chaanaalii shororkeessaa'' jedhaniin.

Aanga'oonni mootummaa Israa'el Al Jazeeran gabaasa loogii qabuu fi faallaa Israa'el ta'e tamsaasuun beekama jechuun waggootaaf himataa turan.

Himati isaan miidiyaa kanarratti dhiheessan erga Hamaas Onkoloolessa 7 haleellaa eegalee akkaan cimeera.

Aanga'oonni kunneen miidiyaan kun Hamaas waliin hidhata cimaa qaba jechuun qeequ.

Al Jazeeraan himannaa kana jabeessee haala.

Al Jazeeran dhimma kanarratti ibsa baaseen akkas jedhe: ''Neetaniyaahuun cunqursaa Al Jazeera irratti raawwataa jiru kanaaf sababa qabatamaa addunyaaf dhiheessu homaa hin qabu. Sobaa fi maqa-balleessii miidiyichaa fi hojjettootasaarratti oofuun alatti ragaa qabatamaan hin jiru.''

''Himannaa maqa-balleessii fi doorsisa miidiyaa kanaa fi nageenyummaa hojjettootaaf'' Ministira Muummee Beenjamiin Neetaniyaahuu akka seeraan gaafatu ibseera miidiyaan kun.

Al Jazeeran mootummaan Israa'el irra deddeebiin itti yaadee gaazexeessitoota isaa haleeluu himateera.

Ilma hoogganaa Al Jazeera damee Gaazaa Waa'eel Al Dahduuh kan ta'e gaazexeessaa Al Jazeera Hamzaa Al Duhduuh, dabalatee gaazexeessitoonni hedduun haleellaa qilleensarraan Israa'el raawwattuun ajjeefamaniiru.

Israa'el gaazexeessitootarratti qiyyaafatteetti jedhamuun himata irratti dhihaatu haalteetti.

Biyyi wiirtuu Al Jazeera taate Qataar waraanni Israa'el fi Hamaaz gidduutti ji'oota ja'aa oliif deemaa jiru akka dhaabbatuuf jaarsummaa taa'aa turte.

Kanaan dura jaarsummaa kanaan milkooftee kanneen Hammasiin qabaman keessaa 105 gadhiifamaniiru.

Ergasii garuu hin milkoofne. Garuu biyyattiin ammas taanaan jaarsummaarraa duubatti hin deebine. Tarkaanfiin Israa'el kun adeemsa jaarsummaa kanarratti dhiibbaa uuma yaaddoon jedhu jira.