Ameerikaan maaliif dhimma Baha Jidduugalaatti akkas cichiti?

Loltuu magaala keessa imalaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ameerikaan waggoota kudhan ta'aniif Baha jidduugalaa keessatti si'omtuudha.

Fakkeenyaaf, Iraaq irratti weerara raawwachuun, garee Bulchiinsa Islaamaatiin loluudhaan, Israa'eliifi Saawudi Arabiyaaf meeshaa waraanaa erguudhaan naannicha keessatti haala adda addaatiin hirmaataa turte.

Ofii dhimmoon Ameerikaan akka dhimma biyyoota Baha Jidduugalaa keessatti si'ominaan hirmaattu taasisan ijoon maali fa'ii laata?

Oggeessoonnis Ameerikaa Baha Jidduugalaa keessatti kan hirmaataa jirtu sababii qabeenyaawwan anniisaa, daandiiwwan daldalaa, tasgabbii siyaasaa naannichaa, sochiilee farra shororkessummaa fi walitti dhufeenya Israa'el waliin qabdu ka'umsa akka ta'u malu kaasu.

Loltoonni US Baha Jidduugalaa keessaa qabduu kan bara 2007tti Iraaq qofa keessaa kuma 160 qabaachaa turte ammaan tana haalaa hir'ateera.

Ammatti US loltoota biyyoota Masriidhaa hanga Afgaanistaaniitti argamaniitti bobba'an 40,000 qabdi.

Loltootashee ammalleen hir'isuun dhimma Waashingitaniif gaaffii tarsiimoo ta'e keessaa tokkodha. Mee dhimmoota ijoo ta'an kaafnee waliin haa ilaallu:

Dhiyeessitii anniisaa

Bahi Jidduugalaa addunyaarratti naannawa qabeenyi bob'aa fi argama gaazii umamaati.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Biyyoota akka Saawudi Arabiyaa, Iraan, Iraaqi, Kuweeti fi Gamtaa Arab Imireets biyyoota waggootaaf Ameerikaan imaammatashee akka jijjirtuu taasisan keessaayi.

Haata'u malee, waggoottan 15 darban keessa oomishni boba’aa fi gaazii Ameerikaa biyya keessaa dabaluu isaatiin, keessattuu guddachuu gaazii sheeliitiin wal qabatee, biyyattiin hirkannaa anniisaa biyya alaatii galfamu irratti qabdu hir'ateera.

Haata'u malee, ammattis peetiroliyeemiifi gaazii umamaa alatti ergaa jirti. Ta'us gatii boba'aa addunyaa kan walitti hidhate waan ta'eef, rakkoon kamuu yoo dhiyeessitii fi oomishaa boba'aa Baha Jidduugalaa mudatuu jijjirama gatii boba'aa addnuyaarratti fiduudhaan qaala'insa diinagdee hordofsiisa.

Kanafuu tasgabbaa'uun haala diinagdee addunyaa kan gahee Ameerikaan addunyaarratti qabdu kan cimsu waan ta'eef oomisha boba'aa biyyoonni Arabaa gabaaf dhiyeessan itti dhiheenyaan hordofti.

Kana malees dorgomtuu Ameerikaa waltajjii daladalaa kan taatee, Chaayinaan boba'aa Baha Jidduugalaa irratti hirkatti.

Kanaafuu Ameeriikaadhaaf Baha Jidduugalaa to'achuu jechuun harka lafa jalaatiin dhiyeessitii boba'aa Chaayinaa hodofuu jechuu akka ta'e himu, Landaniitti pirofesara Walitti dhufeenya Idil-addunyaa kan ta'an Giilbart Achcaar.

Buufata oomisha boba'aa

Madda suuraa, Reuters

Fedhii diinagdeefi fe'umsa dooniiwwanii

Bahi Jidduugalaa oomishaalee fi tajaajilwwan Ameerikaatiif, keessattuu meeshaalee waraanaatiif gabaa murteessaadha.

Akka Inistitiyuutii Qorannoo Nagaa Addunyaa Istookholmiitti, bara 2019 hanga 2023tti naannoolee addunyaa meeshaalee waraana Ameerikaan hojjattu fudhatan keessaa Bahi Jidduugalaa dursarratti argama.

Yeroo kana keessatti waliigalli gurgurtaa meeshaalee waraana Ameerikaan gara Saawudi Arabiyaa, kaataar, Kuweetiifi Israa'eliitti ergite parsantaa 30 akka ta'e Insitituyutiin kun kan ibse.

Doonii garagalte

Madda suuraa, Getty Images

Kana malees Bahi Jidduugalaa qaxannaa ijoo daldalalli ittiin darbuudha jedhan, Ispeshaalisitiin naannichaafi Quunnamtii Alaa Mana Maree Awurooppaa (ECFR) Hugh Lovaat.

Waraanaa gaazaa hordofuunis hidhattoonni Huutii dooniiwwan daldalaa karaa Galaana Diimaatiin darban irratti haleellaa banuudhaan sochii daldalaa irratti rakkoo umuunisaanii ni yaatama.

Waggaadhaan dooniiwwan kuma 17 ol boba'aa, qorichaa fi meeshaalee murteessoo ta'an fe'udhaan karaa Galaana Diimaatiin darbu. Kunis daldala addunyaa waliigalaa keessaa kan harka 12 haguuguudha.

Haleellaa hidhattoota huutii sarara daldalaa kana jeeqee dhaabsiisuudhaafis Ameerikaan UK waliin ta'udhaan tarkaanfii fudhataa jirti.

Kunis ''Ameerikaan sarara galaanaa addunyaa irra imaluudhaaf bilisummaan akka jiraatuuf dursa kennuu kan agarsiisuudha'' jedhan Loovaat.

Suuz Kaanaaliin Masriifi Suluullu Hormuuz kan Iraan cimaas akkasuma morteessoodha.

''Isaanis daandiiwwan galaana addunyaa kan ammalleen diinagdee Ameerikaatiif barbaachisoo ta'aniidha'' jedhu.

Daandiiwwan ijoo dooniin irra imalan

Tasgabbii siyaasaa naannichaa

Looltoonni Alaabaa Ameerikaa qabatanii

Madda suuraa, Getty Images

Kanaan Ameerikaan alattis Awurooppaa, Eeshii fi Baha Jidduugalaa Afriikaatti dhiyaatu keessatti buufata waraanaahundeesuu fi akkuma barbaachisuutti buufata waraanaa qaxanicha keessatti qabdu cimsitee turu barbaaddi.

Yeroo ammaatti Baahireen, Kaataariifi Kuweet keessatti buufata waraanaa kan qabdu Ameerikaan, qaxanicha keessatti tasgabbiin siyaasaa akka bu'uuf itti dhiheenyaan hordofuun buufataaleen waraanaashee gahee olaanaa akka bahan, oggeessi damee kanaafi daarektarri Sagantaa Baha Jidduugalaa, Meeriisaa Kahurmaa ni dubbatu.

Seenaadhaan, fedhiin US naannicha keessatti qabdu boba’aa fi fedhii balaa komunismii to’achuuf qabduun kan hoogganamu yoo ta’u, amma garuu kanneen bira darbuudhaab dhiibbaa fi sadarkaa humna ol’aanaa ishee eeguuf yaalaa jirti.

Naannoon kun “Chaayinaa fi Raashiyaa waliin dorgommii humna guddaaf yaaddoo ijoo ta’ee itti fufee jira,” jechuun dabalti dubbatti.

Duula farra shororkeessummaa

Loltuu hidhate jiru

Madda suuraa, Getty Images

Waahila Instituyuutii Baha Jidduugalaa kan ta'an Kaaliid E;giindiiy, sababii Ameerikaan itti loltootashee qaxanicha keessa itti qubachiifte keessaa tokko duula farra shororkeessummaa gaggeessuudhaaf jedhu.

Biyyi cimtuun Ameerikaan shororkeessitoota balleessuuf waraanashee bobbaaftulleen, loltoonni ishee Baha Jidduugalaa keessa qubachuun ammoo ''gareen makaraarsitootaa akka umamuuf'' sababa biraa ta'eera jedhu Kaaliid'

Oggeessichis kanaaf akka agarsiiftuutti haleellaa Al-qaa'idaan waggaa 20n dura Fulbaana 11 Ameerikaarratti raawwate kaasuudhaan sababii loltoonni Ameerikaa Saawudi Arabiyaa keessa qubataniifiidha jedhu.

Ameerikaan Al-qaa'idaa qofa osoo hin taanee biyyootaa fi humnoota biraa waliin qindaa'uudhaan IS Iraaqiifi Sooriyaa keessatti lolte jirti.

Israa'el

Waggoota 60 darbaniif Ameerikaan Baha jidduugala keessatti dhimmi kamu caalaa dhimma Israa'eeliif dursa kennaa turte.

Ameerikaan michuu Bahaa Jidduugalaa keessaa qaba jettuuun keessa Israa'el tokko waan taateef, aanga'oonni Waashingitan DCtti argaman Teel Aviiviif deeggarsa akka taasisaniif dhiibbaa olaanaatu irra gaha.

Haleellaan Filisxeem Israa'el irratti miira wal makaa umee gama lachuun

Madda suuraa, Getty Images

Ameerikaan miichuudha kan jettuun Israa'el biyyoota Arabaa qaxanicha keessatti argaman hedduun akka diinaatti ilaalamti. Ameerikaanis kana jijjiruudhaaf hojii jaarsummaa hojjataa turte.

Israa'el yaalii Ameerikaatiin Masrii, Gamtaa Arab Emireetsi fi Baahireen waliin walitti dhufeenya qabdu akka fooyyeessituuf carraa uumeefiira.

Haleellaa Hamaas raawwate hordofuun gufatulleen biyyoota Arabaa kaan walinis akka walitti dhufeenya gaarii qabaattuuf gargaaraa turteetti.

Ameerikaan Israa'el damee dippilomaasitiin deegaruun alatti haleellaawwan kallatiidhaan diinoota ishee irraa irratti agaa'amamu ittisuudhaaf kutannoo cimaa qabaachu agarsiifte jirti.

Dhiheenya haleellaa Hamaas akka tasaa Israa'el irratti raawwate hordofuunis Ameerikaan dooniiwwan waraanaashee gara Israa'eliitti erguun ni yaatama.

Iraan haleellaa dirooniifi miisaa'el irratti raawwattuuleen Ameerikaan michootashee qindeessuudhaan irraa ittiftee jirti.

Itaanee hoo maaltu ta'a?

Loltuu hidhatee jiru

Madda suuraa, Getty Images

Xinxaltoonni tokko tokkos Ameerikaan hama waraana Baha Jidduugalaa keessaa qabdu yoo kan hir'iftu ta'e, Raashiyaafi Chaayinaan bakkashee akka bu'aniif carraa kennaafii jedhu.

Haata'u malee, xinxaltoonni kunneen, Ameerikaan Baha Jidduugalaa keessaa miilashee ni baafti jedhanii hin eegan.

Lammiileen Ameerikaa biyyoota Baha Jidduugalaa keessatti hirmaannaan akka hir'atuuf fedhii qabana irraa ka'un, tarii loltoota Ameeriikaa qaxanicha keessa qubachiisuurra, meeshaalee waraanaa miidhaa qaqabsiisan hammayyaatti fayyadamuun dhiibbaa naannicha keessatti qabdu itti fufudhaaf akka filamaataatti ilaaluu dandeessi jedhu.

Gama biraatiin ammoo, Ameerikaan gutummaa guutuutti Baha Jidduugalaa keessaa bahuudhaan xiyyeeffannooshee gara biraatti taasisuu qabdi kan jedhanis hin dhabaman.

Waahiilli Jidduugal Stimson kan Waashingitan keessa buufatee, Keelii Giriikoon Ameerikaan Baha Jidduugalaa keessaa marattee gutummaan bahuudhaan xiyyeeffannaashee Indoo-Paasifik irra taasisuu qabdi jedhu.

Keeliin jidduu galummaan Ameerikaan waggoota darban 10'f Baha Jidduugalaa keessatti taasifte qaxanicha keessatti jibbi Ameerikaa akka guddatu taasiseera jechuudhaan, turtii Ameerikaan Baha jidduugala keessatti qabdu barbaachisaa miti jedhu.