ICCn ajaja hidhaa gaafachuun Israa'el fi Hamaasiif hiika akkamii qaba?

Madda suuraa, Reuters
Manni Murtii Yakkamtoota Idil-addunyaa (ICC)n, Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamin Netaaniyaahuu ''yakkoota waraanaa fi yakkoota dhala namaarratti raawwateen himatamee hidhaan isa mudachuu danda'a'' jedheera. Qondaalli kun garuu mufannaadhaan deebii kennan.
Neetaniyaahuun hoogganaan ICC Kariim Kahaan faallaa Israa'el deemuun warra beekaman keessaatti jechuun jecha arrabsoo itti gadhiisan.
Abbaan alangaa kunis ajajni hidhaa ministira muummee fi ministira ittisaarratti akka ba'u gaafachuunsaa ilaalcha jibba Yihuudotaa (anti-semetism), kan addunyaarra walga'aa jiru, daran hammeessuudha jedhan Neetaniyaahuun.
Aab Neetaniyaahuun oduu kana akkuma dhagahaniin aarii fi rifaatuudhaan wayita haasaa taasisan, akka michuuwwan isaanii warri lixaa dhagahanitti afaan Ingiliziin dubbatan, dur akkas hin turre.
Yaadisaanii ergaasaanii Ameerikaadhaan ga'achuu akka ta'e ni beekama.
Gaaffii ajaja hidhaa ministira muummee Israa'el dallansiisee, aanga'oota siyaasaa biyyattii iyyisiise kana kan dhiyeessan gorsaa mootii Biriteen kan ta'an abbaa alangaa olaanaa ICC Kariim Kahaani.
Barreeffamni gaaffiin ajaji hidhaa akka ba'uuf ICCn qopheesse kun, himannaa ciccimaa hooggantoota Hamaas bebbeekamoo sadi, ministira muummee Israa'el fi ministira ittisaa biyyattii irratti dhihyaate.
Ibsi Aab Kahaan qopheessan kun qaamolee waraana kana keessatti hirmaatan hunda irratti seerri idil-addunyaa fi seeronni yeroo waraanaa hundi hojiirra ooluudhaan gaafatamummaan haqa qabeessi jiraachuu qaba jedha.
''Waraana lafoo haata'u, ajajaas haa ta'u, yookiin warra bulchitoota siiviliis haa ta'an- eenyuyyuu itti gaafatamummaa malee socho'uu hin danda'u. Hunduu akka balleessetti himatamuu qaba,'' jedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Aab Kahaan seerri nama adda qoodee hin hojjetu jedhan. Yoo akkas ta'e ''kufaatii seerichaatiif haala aanjessaa jirra jechuudha,'' jedhan.
Ajaji kun akka irratti ba'u kan barbaadame Israa'el irratti qofa osoo hin taane gareen lachuu (Israa'el fi Hamaas) akkaataa yakka raawwataniin akka gaafataniif yaadameeti jedhan qondaalli ICC kun.
Yoo akkas ta'e gaaffiin namoota hedduu deebi'as jedhan.
Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan ajaja hidhaa haala kanaan gaafachuun ''kan nama aarsu'' jedhan. Israa'el fi Hamaas walqixa gaafatamuu hin danda'an jedhan.
Hamaas ammoo hooggantooti isaa himannaa kana keessaa akka ba'an gaafateera. ICCn ''miidhamtootaa fi kanneen yakka raawwatan walqixxeesseera,'' jechuun himate Hamaas.
Inumaa ajaji hidhaa aanga'oota Israa'el irratti kan gaafatame barfateeti jechuun komatan.
''Erga weerartoonni Israa'el lammiilee nagaa kuma dhibbaan lakkaa'aman irratti yaakka waraanaa hedduu raawwatanii kun dhufe.''
Aab Kahaan xiyyeeffannaan isaanii garee walwaraanaa jiran kunneen walmadaalchisuu miti. Garuu yakka waraanaa fi yakkoota namummaarratti raawwatamaa jiruuf lachuu gaafatamoo ta'u kan jedhuudha.
Manni murtii kun bulchiinsa Filisxeem akka biyyaatti ilaala. Filisxeem Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii keessatti miseensa eeggattuudha. Kanaafuu waliigaltee Room (Rome Statute) kan ICC uume mallatteessuu dandeessi.
Aab Neetaniyaahuun dhimma kanarratti waan ejjennoodhaan labsan qabu. Utuu isaan ilaalanii Filisxeem biyya of dandeessu ta'uu akka hin dandeenye ibsu qondaalli Israa'el kun.

Madda suuraa, LightRocket via Getty Images
Pirezidantiin Israa'el Isaaq Heerzog gamasaaniin tarkaanfii ICC fi deebii quuqamtoonni mirga namoomaa kennaa jiranirraa komii qaban ibsaniiru.
''Akkaataa ICCn itti Israa'el fi Hamaas iddoo tokkotti ramade qaanessaa fi hojii sobaa ta'uun hubatamuu osoo qabuu, quuqamtoommi mirga namoomaa, abbaan alangaa ICC garee lamaanuu seeraan gaafachuufi jechuun galateeffachuun daba,'' jechuun komatan qondaalli Israa'el kun.
Jaarmiyaan mirga namoomaa Israa'el keessatti beekamaa ta'e, Btsel jedhamu, ajaji hidhaa kun ''Israa'el yakka qaanessaa hamilee dhala namaa barbadeessu irraa akka xiqqoo duubatti jettuuf ni gargaara,'' jedhe.
''Hawaasi idiladdunyaa Israa'el imaammata jeequmsaa, ajjeechaa fi barbadeessuu itti gaafatamummaa hin qabne qabattee akka itti hin fufne waa agarsiisaa jira,'' jedha ibsi jaarmiyaa mirga namoomaa kanaa.
Quuqamtoonni mirga dhala namaaf falman duula yeroo garaagaraatti gaggeessaniin biyyoonni lixaa, keessattuu US, kan biyyoota kaan yakka seera idiladdunyaa faallessu raawwattan jechuun qoqqobbii fi waan kaaniin adaban, Israa'el michuusaanii waan taateef osoo yakkashee arganii callisan jechuun himatu.
Tarkaanfiin amma Aab Kahaan fi tuuti isaa eegalan, kan barfateedha jedhanii amanu gareen quuqamtoota mirga namoomaa.
Aab Kahaan qondaalonni Hamaas sadi- Yahyaa Sinwaar, Mohammad Da'iif fi Ismaa'el Haniyeeh yakka ajjeechaa, dhala namaa ugguranii dararuu, yakka gudeeddii fi dararaa hamaa raawwachuun himachuun akka ajaji hidhaa irratti ba'u gaafatan.
Kariim Kaan wayita qorannoo gaggeessan miidhamtootaa fi kanneen haleellaa Onkoloolessa 7 jalaa baraaraman waliin gaaffii fi deebii akka taasisan ibsan.
Bu'uura kanaan Hamaas mirga dhala namaa sarbeera jedhan qondaalli kun. ''Jaallallifi hariiroon maatii gidduudhaa akka dhabamu, daa'imman maatii malee faca'anii akka hafan godhan.''
Akka Aab Kahaan jedhanitti Israa'el mirga ofirraa ittisuu qabdi. Garuu ''yakki duuchaatti, itti gaafatamummaa tokko malee raawwatamu Israa'el seera mirga namoomaa idiladdunyaaf bitamuu jalaa ishee hin baraaru,'' jedhan.
Israa'el seera mirga namoomaa idiladdunyaa hin kabajju yoo ta'e, Aab Neetaniyaahuu fi Ministirri Ittisaa Yo'aav Gaalaant ajaji hidhaa irratti ba'uun barbaachisaa akka ta'e mirkaneessaa jiru jedhan qondaalli ICC kun.












