Waliigalteen Gaazatti dhukaasa dhaabuu marsaa jalqabaa maal of keessatti qabate?

Madda suuraa, Reuters
Tiraamp halkan eddaa waarii keessa Israa'elifi Hamaas dhukaasa dhaabuu marsaa jalqabaatti waliigaluu isaanii ifa godhe.
Tiraamp "Israa'elifi Hamaas marsaa jalqabaa Karoora Nagaa keenya mallatteessaniiru" jechuun fuula miidiyaa hawaasaa isaa gubbaatti barreesse.
Namoonni butamanii harka Hamaas jiran hunduu yeroo dhiyootti akka gadi lakkifamaniifi Israa'elis loltootashee akka Gaazaa baastu ibse.
"Kana jechuun namoonni butaman hunduu yeroo dhiyootti gadi lakkifamu, Israa'elis loltootashee [Gaazadhaa] ni baasti," jechuun waliigalteen kun gara nagaa waaratti akka geessu beeksise.
Qaamoleen lamaanuu waliigaluunsaanii Baha Giddu Galaafi biyyoota Arabaaf boqonnaa akka ta'es beeksise Tiraamp.
"Guyyaan kun biyyoota Arabaa, Israa'elifi biyyoota naannoo sana jiran akkasumas USAdhaaf guyyaa addaati," jechuun biyyoota jaarsummaan gargaaran Masirii, Kaataariifi Tarkii gaateeffate.
Barreeffama miidiyaa hawaasaa isaarratti maxxanse kanaan, dhumarratti "WARRI NAGAA BUUSAN HAA GAMMADAN!" jechuun yaadasaa goolabe.
Akkaataa waliigaltee kanaan Hamaas namoota butee harkaa qabu hunda gadi lakkisee Israa'el ammoo loltootashee bakka itti waliigalametti baaste.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ministeerri Dhimma Alaa Kaatar ammoo waliigaltee dursaa kanaan Filisxeemonni mana hidhaa Israa'el jiran muraasni gadi lakkifamanii deeggarsi namoomaa Gaazaa akka seenu godhama.
Guyyoota dhufan hoo maaltu ta'uuf jedha.
Kamisa (har'a)
Kaabineen mootummaa Israa'el wal-gahuun karooricha irratti waliigalamerratti sagalee akka kennutu egama. Kaabineen Israa'el kan mirkaneessu yoo ta'e, dhukaasa dhaabuun battalatti hojiirra oola jechuudha. Kana hordofee Israa'el loltootashee bakka akka turaniif irratti waliigalametti baasti.
Qondaalli olaanan Filisxeem BBCtti akka himanitti, Israa'el guyyoota jalqabaa shananitti guyyaatti deeggarsi namoomaa konkolaataan 400 Gaazaa akka seenu ni hayyamti.
Jimaata
Qondaalli onaanan Waayit Haawus miidiyaa US kan ta'e CBStti akka himanitti, Israa'el sa'aatii 24 keessatti loltootashee Gaazaa keessaa baasuun bakka akka qubataniif irratti waliigalame qubsiisti.
Sun erga xumuramee booda, Hamaas sa'aatii 72 keessatti namota butaman hundumaa akka gadi dhiisuu eegalutu eegama.
Wiixata
US akka yaaddutti, Hamaas Wiixata irraa eegalee namoota butaman gadi dhiisuu eegala. Garuu, yoo danda'ameef Hamaas sana dura namoota butaman gadi dhiisuu akka eegala.
Waraanni Israa'el waliigaltee kana booda ulaa loltootasaa Gaazaa keessaa itti balsu qopheessaa akka jiru ibseera.
Qaamoleen hunduu waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaa haa kabadan
Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteereez dhaabbanni isaanii waliigalteen dhukaasa dhaabuu guutummaan akka hojiirra oolu akka deeggaru ibsuun "qaamoleen hunduu waliigalticha kabajuu qabu" jechuun waamicha dhiyeessan.
Deeggarsi namoomaa namoota Gaazaaf akka dhiyaatufi Gaazaan deebitee akka ijaaramtuufis waamicha godhan.
Waliigalteen kun gara nagaa waaratti akka cehu, namoonni butaman akka gadi lakkifamaniifi deeggarsi namoomaa hatattamaan Gaazaa akka seenu gaafatan Guteereez.
"Gidiraan uummataa dhaabbachuu qaba. Qaamoleen dhimmi ilaallatu hinduu carraa kanatti fayyadamanii mala siyaasaa mirga hiree murteeffannaa uummta Filisxeem mirkaneessufi gara furmaata biyya lamaa kan nagaafi tasgabbiin waliin jiraataniitti geessu akka soqanin gaafadha," jedhan.















