Dhimmoonni karoora Tiraamp Gaazaa irratti baasan qoran maal fa'i?

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp waraana Gaazaa xumuruu irratti karoorri baasan ''Baha Giddugaleessaa keessatti nageenya waaraa'' fiduuf humna qaba jedhan.
Karoora qabxii 20 of keessaa qabu Waayit Haawusitti michuusaanii Neetaaniyaahuu waliin ibsan.
Karoorri kun waraana booda egeree Gaazaa irratti ejjennoo Tiraamp qabatanii turan hanga tokko jijjiireera.
Dhiibbaa Ameerikaan akka Neetaaniyaahuun waliigaltee dhukaasa dhaabuu fudhatuuf barana irra kaa'e caalaa karoora Tiraamp kanatu humna qaba.
Karoorri kun torbanoota dhufan keessa dhugoomuu fi dhiisuun isaa dantaa Israa'el fi Hamaas akkaan murteessaa ta'erratti hundaa'a.
Aanga'oonni Israa'el fi Hamaas waraana kana itti fufuu caalaa xumuruu irraa bu'aa akka argatan yoo itti amanan qofa karoorri kun milkaa'a.
Karoora kanarratti Hamaas hanga yoonaa yaadi isaa maal akka ta'e hin ibsine. Qondaalli Hamaas tokko yaada karoora kana qoru dhiheesseera.
Karoorri kun dantaa Filisxeem ilaalcha keessa kan hin galchine ta'uu BBCtti kan hime qondaalli Hamaas, karoora akka loltoonni Israa'el Gaazaa gadhiisan wabii hin taane kamuu akka hin fudhanne ibse.
Yeroo Tiraamp karoora Gaazaa ibsan cinaa isaanii kan turan Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu karoora qabxii 20 qabu kana fudhachuu ibsaniiru.
Garuu aanga'oonni mootummaa isaanii keessa jiran kanneen sirna duriitti cichan qabxii kunneen keessaa garii fudhachuu didaniiru.
Ammoo karoora Tiraamp baasan fudhachuu jechuun waraanichi xumurame jechuu miti.
Neetaaniyaahuun karoorri kun jiraachuu siyaasa isaaf yaaddoo kan ta'u too ta'e busheessuuf karoorfachuu morkattoonni isaanii biyya keessaa yaada kennaniiru.
Neetaaniyaahuun himannaa kana kuffiseaniiru.
Haala kanaan karoorri kun waan Tiraamp fedhan guutummaatti galmaan kan hin geenye ta'uu danda'a.
Dhimmoota siyaasa Israa'el fi Hamaas qoran hedduu of keessaa waan qabuuf qaamoleen lameen dafanii karoora kanatti amanuu dhiisuu danda'u.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Israa'el fi Hamaas marii dhukaasa dhaabuu kanaan dura gaggeeffamaa turan irratti wal komataa turan, milkaa'uu dhabuu waliigaltee dhukaasa dhaabuu ilaalchisee quba walitti qabaa ba'an.
Haala kana keessatti salphaamatti karoora Tiraamp kana ni fudhatu jechuun rakkisaadha.
Ammas yoo wal komachuu fi quba walitti qabuun dhufe Tiraamp eessa akka dhaabbatan tilmaamuun hin ulfaatu- Israa'el bira.
Tiraamp ejjennoosaanii kana Neetaaniyaahuuf mirkaneessaniiru. Hamaas karoora kana hin fudhatu taanaan Ameerikaan waan Israa'el gochuu barbaaddu hunda irratti ni gargaarti,'' jechuun waadaa seenaniif.
Tiraamp marii wanti hundinuu yeroo tokkotti akka xumuramu gargaaru milkeessuu fedhu. Kun garuu ifaajee guddaa gaafata.
Humnoonni Israa'el Gaazaa keessaa ba'uu, kanneen butaman gadhiifamuu, Filisxeemota hidhaman hiikuu, waraana booda bulchiinsi akkam ta'uu akka qabu fi dhimmoota hedduu sirreessuu ilaallata.
Karoora qabxii 20 qabu kana keessatti qabxiiwwan kunneen keessaa tokkollee hin eeramne.
Ammoo waliigaltee nageenyaarra ga'uuf hunduu murteessoodha.
Yaadrimeen karoora Tiraamp kun wixineewwan kanaan dura dhimma waraana Gaazaa ilaalchisee dhihaachaa kanneen akka karoora Sa'uudii fi Faransaay Adoolessa darbe keessa dhiheessanfaa irraa kan maddedha.
Ministirri Muummee duraanii UK Toonii Bileer marii Boordii Nageenyaa (Board of Peace) kan Tiraamp gaggeessan irratti argamaniiru.
Akkaataa waliigaltee jiruun qondaalli UK kun karoora Tiraamp kana jalatti Gaazaa bulchuuf jedhu.
Tiraamp karoora kana ibsuu dura ergamaan isaanii Istiiv Witkoof fi soddaan isaanii Jaareed Kushner Israa'el, biyyoota Awurooppaa fi kanneen jaarsummaan dhimma kana harkaa qaban Kataar fi Masirii dabalatee biyyoota Arabaa waliin marii gaggeessanii turan.
Karoorri kun Israa'el loltoota ishee muraasa akka baastu, Hamaas namoota bute akka gadhiisu fi Israa'el Filisxeemota hiite akka gadhiistu eera.
Bulchiinsi Gaazaa kan to'annoo Boordii Nageenyaa (Board of Peace) jalatti hoogganamu Masirii taa'ee akka Gaazaa hoogganus ibsa karoorri kun.
Akka karoora kanaatti miseensonni Hamaas meeshaa hiikkatanii nageenyaan waliin jiraachuutti amanan dhiifamni ni godhamaaf, kaan ammoo biyyaa baafamu.
Humni idiladdunyaa tasgabbiif dhaabbate kan US fi biyyoonni Arabaa hundeessan itti gaafatamummaa nageenya Gaazaa eegsisuu ni fudhata, hidhattoonni Filisxeem akka meeshaa hiikkatan ni hojjeta jedha karoorri kun.
Waa'een biyya ta'uu Filisxeem eerameera, garuu ifa miti. Mootummaan Filisxeem amma Raamaalaa keessa jiru irra deebiin kan ijaaramu yoo ta'e, haaldureewwan hiree murteeffannaa fi biyyummaa Filisxeem hojiirra ooluu eegalu,'' jedha.
Biyyoonni Arabaa wixinee karooraa Tiraamp dhiheessan kana akka boqonnaa haaraa akkaan murteessaa ta'eetti fudhataniiru.
Kanaan dura wayita Tiraamp Gaazaa dhuunfachuu ''akka Riviera'' gochuu akka barbaadan yaada dhiheessan mormanii turan. Tiraamp Guraandhala darbe wayita Gaazaa dhuunfachuuf yaada dhiheessan Filisxeemonni akka gadhiisanii ba'anis karoorsanii turan.
Amma yoo xiqqaate dhimmi biyya ta'uu Filisxeem eerameera, hojiirra oolmaansaa amansiisaa ta'uu baatus. Kun waan biyyoonni Arabaa barbaadanidha.
Karoorri Tiraamp kun ''Israa'el Gaazaa hin weerartu ykn hin kutattu'' jedha.
Qabxiin kun biyyoota Arabaaf akkaan murteessaadha. Qabxiin kan biraan ammoo humnoonni Israa'el qaama nagaa eegsisu ta'anii Gaazaa keessa ni turu jedha, kun ammoo waldhiita.
Neetaaniyaahuun adeemsi karoora Tiraamp kun galma isaan ittiin waraana kana xumuruuf qabatan waliin wal fudhateera.
Galmi isaanii Hamaas akka hiikkatu, Gaazaan meeshaa waraanaa irraa bilisa akka taatu fi biyyi Filisxeem jedhamtu akka hin hundoofnedha.
Garuu qabxiin hidhannoo hiikkachuu fi waa'ee biyyummaa Filisxeem eeru mootummaa isaanii gariin fudhatamuu fi dhiisuun isaa ammatti ifa miti.
Amma wanti akkaan eegamu deebii Hamaas.












