Ertiraan alatti biyya Afrikaa kamitu biyyummaa Filisxeemiif hin kenniine?

Dura taa'aa PLO Yaasiir Arafaat pirezidantii Afriikaa Kibbaa Nelsan Maandeellaa waliin Amajjii 1 bara 1990tti yeroo wal hammatanii nagaa wal fuudhan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dura taa'aa PLO Yaasiir Arafaat pirezidantii Afriikaa Kibbaa Nelsan Maandeellaa waliin Amajjii bara 1990 yeroo wal hammatanii nagaa wal fuudhan

Erga dhiheenya kana biyyummaan Filisxeemiif UK, Kaanaadaa fi Awustiraaliyaan beekamtii kennanii booda biyyoonni hedduunis ni hordofu jedhamee eegama.

Garuu biyyoonni Afrikaa Filisxeem akkamitti ilaalu?

Biyyoonni ardii kanaa irra caalaansaanii bara 1980moota keessa erga hogganaan Filisxeem Yaasiir Araafaat Aljeersiiti walabummaa isaanii labsanii booda Filisxeemiif beekamtii kennan.

Hoggantoonni akka Toomaas Saankaaraa fi Neelsan Maandeellaa illee qabsoo Filisxeem lola bilisummaa Afrikaa mataasaanii waliin walqabsiisan.

Haata'u malee, biyyoonni lama; Kaameeruun fi Eertiraan kanaan ala ta'anii hafaniiru.

Sababoota murtee isaanii duuba jiran waliin haa ilaallu mee.

Biyyoota Filisxeemiif beekkamtii kennan

Kaameeruun

Pirezidantii Kaameeruun Pool Biyyaa suufii gurraacha fi shamiizii adii uffachuun suuraa ka'an

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantii Kaameeruun Pool Biyyaa

Biyyi Afrikaa lixaa Kaameeruun Israa'el waliin hirmaannaa guddaa qabdi.

Daarektarri Ittisaa, Giddugala Nageenyaa fi Qorannoo Tarsiimoo Afrikaa Jenevaa, Deeviid Otoon, Israa'el Kaameeruuniin Afrikaa keessatti akka michootashee ciccimoo keessaa tokkotti ilaalti jedhu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Kaameeruun gama dippilomaasiitiin hariiroo Israa'el waliin qabdu jeequu hin barbaaddu, beektaa," jedhan Otoon.

Hariiroonisaanii kunis kan gadi fageenyaa qabuufi irra caalaa walitti dhufeenya kanaatiis kan nageenya irratti hundaa'e ta'uu dubbatan.

''Israa'el sirna Kaameeruun eeguuf gumaacha guddaa kan gooteeyoo ta'u ammas gumaacha guddaa gochaa jirti,'' jedhan.

Israa'el humnoota saffisaan gidduu seenuu biyyattii akkasumas kutaa addaa nageenya dhuunfaa kanneen pirezidanticha ittisan waliin leenjitee jirti, ammallee akka hirmaattu yaadama.

"Hariiroon Kaameeruun Israa'el waliin uumte sana booda gara Kaameeruun Ameerikaan kan gama hundaan Israa'el waliin michuu cimtuu taatee waliinis, balbala duubaa deeggarsa qabaachuutti gadi bu'eera."

Ejjennoo Kaameeruun Filisxeem irratti qabdus kan qabsoo mataashee naannolee Anglofoon keessatti taasifteen dhiibbaa irra gahuu mala.

"Biyyummaa Filisxeemiif beekamtii kennuunis, beektaa, biyyattii keessatti dhiibbaa haala tokkoo ni fida, akka waan isaanis sochii foxxooquutiif beekamtii kennuutti ilaaluu dana'u. Kan mootummaan Kaameeruun, Kaameeruun tokkittii fi kan hin qoodamne ta'uushee baay'ee ifa godhaniiru," jedhan Otoon.

Ejjennoon Kaameeruun baay'inaan haala callisaa fi of eeggannootiin ibsameera.

Ejjennoon Eertiraa garuu seenaa baayyee adda ta'een kan bocame yoo ta'u, innis hidda hiree ofii murteeffachuudhaaf qabsoo mataasheetiin taasiftee keessatti hundee godhate.

Eritraa

Pirezidantii Ertiraa isaayaas Afawarqeesuufii gurraacha, tiisharii adii fi kaaraataata tuqaa qabu waliin.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezaindatii Ertiraa isaayaas Afawarkii

Bara 1988tti yeroo Yaasiir Arafaati walabummaa bulchiinsa Filisxeem labsaniitti, deeggarsa biyyoota Afriikaa barbaadanii ture.

Isaan keessaa tokko Itoophiyaadha.

''Waajirri mummeen Gamtaa Afriikaa, ykn Dhaabbanni Tokummaa Afriikaa yeroo sanaa kan booda keessa gara Gamtaa Afriikaatti jijiiramee Itoophiyaa magaalaa Finfinneetti argama'' jedhan xinxalaan siyaasaa lammii Ertiraa, Abduraahmaan Saayid.

"Bulchiinsi waraanaa Itoophiyaa keessa ture kan Sooviyeeti deegaraa ture waan ta'ef, mirga Filisxeemootaa fi qabsoo isaaniitiif baayyee deeggaraa ture.''

"Haata'u malee, yeroo Ertiraan walabummaa mataasheetiif sababii itoophiyaadhaan wal waraanaa turte.

''Ifatti yeroo sanatti, Itoophiyaan Ertiraa qabattee turte. Kanaaf Ertiraan waraana irra turte, Itoophiyaa waliin wal waraanaa turan'' jedhu Saayid.

"Filisxeem Itoophiyaa waliin hariiroo kamuu hundeessuudhaaf, Ertiraa irraa of fageessuun dirqama ture. Wanti Yaasiir Araafaat godhanis sana jedheen yaada. Kunis walumaa galatti Ertiraa waliin haala gaariin hin adeemne, haata'u malee, pirezidantiin ammaa waliinis akkasuma," jedhan.

Haata'u malee, Pireezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afwerqi dhimma Filisxeem irratti mararfannaa agarsiisuudhaan bara 2012tti ammoo Filisxeem "biyya taajjabduu miseensa UN'' akka taatuuf sagalee kennaniiru.

Haata'u malee, tattaaffii nagaa kan akka waliigaltee Osloo kan bu'uura nagaa kutaalee Weest Baankiifi Gaazaa keessatti of bulchuu Filisxeem daangeffame kennu akka tarkaanfii mootummaa walaba ta'etti kuffiseera.

"Pirezidantiin Ertiraa kanneen waliigaltee Osloo bara 1993tti akka waliigaltee faayidaa hin qabnee fi sababa waldhabdee ykn dhimma mirgaa fi hiree murteeffannaa Filisxeemotaa furuuf homaa hin fidne jechuun kanneen jalqaba kuffisan keessaa tokko turan," jedhan Abdurahmaan Sayid.

Pirezdant Afwarqiin furmaata mootummoota lamaa akka hin deggerre dubbatu.

Haata'u malee, ummanni biyya harki 55 ta'u kan amantii Musliimaa hordofu waan ta'eef keessa dhiibuun ta'e itti dhaga'amuu mala.

"Ertiraan qabsoo hiree murteeffannaa ishee injifateetti. Kanaaf, nama qabsoo bilisummaa hoogganee ykn qaama qabsoo bilisummaa ta'eef, bilisummaa namoota biroo deggeruu dhabuun naamusaan sirrii hin fakkaatu. Dhiibbaan guddaatu isaan irra ga'a ture," jedha Saayid.

BBCn mootummoota Ertiraafi Kaameeruun lamaanuu yaadasaanii dhagahuuf kan gaafate yoo ta'u, garuu tokkoo isaanii irrayyuu deebii hin arganne.