Israa'el akka West Bank ofitti dabaltu gonkumaa hin eeyyamu- Tiraamp

Ibsa waa'ee viidiyoo, Watch: 'I will not allow Israel to annex the West Bank,' says Trump

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp michuusaanii kan ta'an Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamin Neetaaniyaahuu bakka Israa'el weerartee jirtu West Bank akka ofitti dabalan hin eeyyamu jedhan.

Neetaaniyaahuun Jimaata har'aa kora UN irratti haasaa taasisuuf wayita eegamanitti dhimma kanarratti kan dubbatan Tiraamp, ''Israa'el akka West Bank kuttee fudhattu hin eeyyamu, kun gonkumaa ta'uu hin danda'u,'' jedhan.

Wiixata dhufu Neetaaniyaahuu arguuf kan jedhan Tiraamp Gaazaa keessatti waliigalteerra ga'uun fagoo hin jiru jedhan.

Israa'el waraana Gaazaa keessatti raawwattuu fi weerara West Baank keessatti raawwataa jirtuun dhiibbaan addunyaarraa akka malee itti cimee jira.

Yeroo kana keessatti biyyoonni addunyaa, kanneen michuuwwan Israa'el ta'an dabalatee, Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kennaniiru.

Israa'eloonni sirna durii leellisan West Bank weeraruun Filisxeem akka biyya hin taane gochuudha jedhanii amanu.

Bulchiinsa Neetaaniyaahuu keessatti kanneen sirna duriitti cichan- Ultranationalists jedhaman Israa'el West Bank akka weerartu cimsanii hojjetaa jiru.

West Bank daangaa Filisxeem keessatti argama.

UK fi Jarmaniin Israa'el bakka kana weeraruu irraa akka of qusattu akeekkachiisaniiru.

Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteerez Wiixata darbe kora 80ffaa dhaabbatichaarratti wayita haasaa taasisan ''gochi Israa'el gama hamileenis, gama siyaasaanis, gama seeraanis fudhata tokkollee hin qabu,'' jedhan.

Pirezidantiin Filisxeem Mahmuud Abbaas Kamisa kaleessaa wayita kora UN irratti karaa viidiyoo kallattiin seenuun haasaa taasisan dureewwan biyyoota addunyaa waliin ta'uun nageenya Israa'el fi Filisxeem bakkatti deebisuu irratti hojjechuuf qophii ta'uu ibsan.

Manguddoon umrii waggaa 89 kana US akka biyyashee hin seenne waan dhorkaa irra keesseef qaamaan gara New York imaluun kora UN irratti hirmaachuu hin dandeenye.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirezidant Mahmuud Abbaas biyyoota kora kanarratti Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kennan galateeffataniiru.

Kanaadaa, Awustiraaliyaa, UK, Poorchugaal, Faransaay, Beeljiyem, Luxembourg, Maaltaa, Monaakoo, San Marino, Andora fi Denmaark biyyoota kora 80ffaa UN irratti Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kennanidha.

Ameerikaan Filisxeem biyya ta'uu hin qabdu jechuun ejjennooshee ibsiteetti.

Akka sababaatti ammoo adeemsi kun deeggarsa Hamaas mul'isa jetti.

Pirezidant Abbaas garuu ''Hamaas mootummaa keessaa qooda qabaachuuf hin deemu,'' jedhan.

Loltoonni Israa'el erga Gaazaa gadhiisanii booda bulchiinsi Filisxeem kutaalee Gaazaa fi West Bank tokkummeessuun bulchuu akka qabus ibsan.

Tiraamp Kibxata darbe dureewwan biyyoota Arabaa fi biyyoota Muslimaa hunda waliin wlaarganiiru.

Dureewwan kunneen Israa'el karoora qabattee jirturraa hin deebitu taanaan balaan akka dhalachuuf deemu akeekkachiisan.

Ministirri dhimma alaa Sa'uudii Arabiyaa Fayisal bin Farhaan ''West Baank fottoqfachuun balaa inni qabu pirezidantiin US bareechanii beeku jedheen yaada,'' jedhan.