Hamaas daandiitti ba'ee humnoota Israa'el haleeluuf qophaa'e, Israa'el humna guddaa Gaazaatti butte

Madda suuraa, Anadolu via Getty Images
Waraana waggoota lamaa oliin humni isaa kan dadhabe Hamaas of qindeessee daandiitti ba'uun humnoota Israa'el haleeluuf qophaa'uu ibseera.
Kana hordofee Israa'el ammoo humna guddaa giddugala magaalaa Gaazaatti buttee qubachiiste.
Haala kanaan waraanni lafoo daandiiwwan Gaazaa irratti eegalamuuf deema sodaan jedhu jira.
Erga humnoonni Israa'el torban darbe keessaa haleellaa lafoo eegalanii Filisxeemonni kumaatamaan lakkaa'aman baqachuuf dirqamaniiru.
Dahannoon dhumaa Hamaas magaalaa kana ta'uu kan amantu Israa'el garee kana balleessuun butamtoota hafan 48 gadhiisisuuf akka oppireeshinii gaggeessitu ibsiteetti.
Butamtoota harka Hamaas jiru jedhaman kunneen keessaa 20 kan ta'an lubbuun jiraachuu ibsiti Israa'el.
Taankiiwwan Israa'el hedduun hospitaala al-Shifa irraa kiilomeetira 1.5 irratti buufatanii jiraachuu BBCn mirkaneeffateera.
Kana malees konkolaattonni Israa'el kanneen meeshaalee waraanaa gurguddoo fe'an hedduun mooraa UN kan magaalaa Gaazaa keessatti argamutti dhihaatanii jiraachuus adda baafateera.
Handhuura magaalattiirraa meetira 700 qofa fagaatanii qubsiifamanii jiru.
BBCn qondaala Hamaas, loltoonni isaanii kumaatamaan lakkaa'aman akka gara Gaazaatti seenan waamuu ibsan, waliin dubbateera.
Magaalaa uummanni hedduun keessa jiraatu keessatti waraanni lafoo hammaataan akkanaa ka'uun balaa marsaa biraa hordofsiisa jedhamuun baayyee sodaatamaa jira.
Qondaalli gameessi Hamaas kun ajaji damee waraanaa garee kanaa- Izz al-Din al-Haddad loltoonni Gaazaa keessa jiran gara magaalaatti akka bobba'an waamicha dhiheesseera jedhan.
Falmii isa dhumaaf akka qophaa'an ajaji darbuu himan

Madda suuraa, Getty Images
IDF torbee darbe loltoonni Hamaas 3,000 ta'an Gaazaa keessa akka jiran tilmaamee ture.
Qondaalli Hamaas ammoo loltoota 5,000 qabaachuu himan. BBCn lakkoofsa kana walaba ta'ee hin mirkaneessine.
Erga waggaa lama dura waraanni Gaazaa eegalee gaazexeessitoonni idiladdunyaa akka garas hin seenne Israa'el dhorkiteetti.
Kanaaf odeeffannoowwan achii ba'an dhugaa ta'uu mirkaneessuun rakkisaadha.
Gaazexeessitoonni muraasni gabaasa baasanillee to'annoo IDF jalatti waan ta'eef akka fedhanitti walabummaan hin hojjetan.
Israa'el dahannoowwan Hamaas Gaazaa keessaa qabu barbadeessuurratti xiyyeeffattee hojjetaa turte, Hamaas garuu tooftaa haleellaa Israa'el waan hubateef dandamachuu akka danda'e ibsa.
Kanaafuu ammallee Gaazaa keessatti bu'uura cimaa qabaachuu hima.
Hoogganaan waraanaa Hamaas Mohammad Deyiif ajjeefamuu dura loltoonni isaanii mala riphee lolaa fayyadamuun miidhaa irra ga'e jalaa dandamamachuurratti akka xiyyeeffatan ibsanii turan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Miidiyaaleen Israa'el akka gabaasanitti IDF konkolaattota waraanaa caccabanii hojiin ala ta'an keessa boombii awwaaluun dagachiisee Hamaas haleela.
Haala kanaan iddoo dahannoo Hamaas fi gamoowwan gareen kun keessa dhokatee jira jedhanii shakkan barbadeessu.
Doorsisaa fi akeekkachiisa Israa'el dhiheenya kana hammaateen Filisxeemonni kumaatamaan lakkaa'aman gara kibbaatti baqataa jiru.
Daandii tokkittii- al-Rashid jedhamu qofarra imalu. IDF daandii kana qofa eeyyameef.
Erga Hagayyaatii as namoonni kuma 321 ta'an gara kibbaatti baqachuu UN ibse.
IDF lakkoofsi kun kuma 640 ta'uu ibse.
Namoonni kunneen daandii kana imaluuf gatii geejjibaa hanga doolaara 3,000 baasu. Kun jireenya yeroo ammaa Filisxeemonni keessa jiraniif qormaata guddaadha.
Kanneen magaalaa Gaazaa keessatti hafan ammoo doorsisa haleellaa Israa'eliin shororkaa'u.
Haleellaa Israa'eliin gamoowwan, hospitaalonni fi manneen jireenyaa hedduun barbadaa'aniiru.
Israa'el nyaataa fi bishaan irraa kutuun beelaan adabaa jirti. UN xumura ji'a Hagayyaa irraa eegalee beelli Gaazaa keessatti mudachuu ibseera.
Erga Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 Israa'el haleeluun namoota 1,200 ajjeesee, 251 butee as waraana Israa'el gaggeessaa jirtuun Filisxeemonni 65,419 ajjeefamaniiru.












