Gaggessaa reeffa Giiftii Elizaabeet II masaraa Weestiministaritti taasifmuun hiriirri dheeraa ni jiraata

gaggeessaa reeffa Giiftii Eelizaabet II

Madda suuraa, PA Media

Namoonni geggeessaa reeffa Giiftittii irratti argamuun kabaja isa dhumaa agarsiisuu barbaadan hiriirri dheeraa jiraachuu akka danda’u akeekkachiifamaniiru.

Gaggeessaa masaraa Weestiministaritti taasifamuun namoonni akkatti sirna kana irratti hirmaatan ibsi baheera.

Namoonni taatee seena-qabeessaa kanarratti hirmaachuu barbaadan hiriira sa’atii dheeraa, kan halkan gootuu fudhachuu danda’u eeguuun irraa eegamuu mala.

Namoonni nyaataa fi dhugaatii akkasumas uffata mijuu qabu akka fidatan eeyyamameera. 

Sirni geggeessaa kuni Roobii dhuftu jalqabee gaafa Wiixata, Fulbaana 19 awwaalchi raawwatama.

Guyyoota kunneen gidduutti saanduqni reeffaa uummataaf sa’atii 24 banaa taha.

Yeroo dhumaaf reeffi maatii moototaa masaraa keessatti boqotee uummata 200,000 ilaalame saanduuqa reeffaa haadha giiftii kanaa bara 2002tti duuteeti.

Giiftiin kuni erga masaraa Baalmooraal keessatti lubbuun isaanii darbeen as namoonni kumaatamaan lakkaa’aman iddoowwan isaan jaalatan kanneen akka Masaraa Baakinhaam, Saandriihaam Hawusii, Masaraa Windsaritti abaaboo kaa’uun isaan yaadataa jiru.

Reeffi isaanii bakka lubbuun isaanii darbe masaraa Baalmoraal irraa Edanbiraa keessa darbuun gara Landan yoo imalu namoonni daandiitti bahanii daawwachaa turan.

Wiixata har’aa maatii moototaan duubaan hordofamaa konkolaataan saanduuqa isaanii baatu Edanbiraa bataskaana Kaatedaraalaa Qulqulluu Gaayils keessa boqochuun sa’atii 24f sirni dungoo ibsuu ni adeemsifama.

Namoonni geggeessaa reeffa irratti argaman sakatta’insa akka buufata xiyyaaraatti taasifamuu keessa darbu. Shaanxaa ziippii ykn banaa tokko qabu qofaatu fudhatanii galuun danda’ama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taatee kanaaf kabaja akka kennan namoonni ni gaafatamu, kunis Masaraa Weestiministar yeroo galan akka callisaniifi, uffannaa rogaa akka keewwatan irraa eegama, ‘’uffati ergaafi dhaadannoo siyaasaa,’’ ni dhorkama. Sagaleen guddaan akka hin jiraanne bilbila cufuu ykn moodii callisaa irra akka godhan daawwattoonni ni gaafatamu. Fiilmii waraabuu, suuraa kaasuu fi bilbila iddoo sakatta’insi taasifamuufi masaraa Weestiministar keessatti fayyadamuun hin danda’amu. Namoonni hiriira irraa dhaabbatan namoota kaan bakka bu’anii hiriiruu fi iddoo hiriiraatti miya isaanii akka hin keenye gaafatamu.

Maal fuudhanii galuun danda’ama?

• Uffata mijuu qabu kan haala qilleensaa wajjin deemu

• Nyaataafi dhugaatii hiriira irratti nyaachuufi dhuguu danda’an (gara masaraa fuudhanii galuun garuu hin danda’amu)

• Chaarjar bilbilaaa

• Dawaa ykn meshaalee fayyaa barbaachisoo tahan

Maal fiduun hin danda’amu?

• Qaruuraa bishaanii kan keessaan agarsiisuu danda’u qofa

• Abaaboo ykn miya yaadannoof kennamu (abaaboo iddoo eeyyamamaa, ‘Green Park’ jedhamu qofatti kaa’ama)

• Wantoota qara qaban kanneen akka haaduu • Qalama fakkiin itti kaafamu, cancala, miya wayii itti kooran fi miyoota balaa baatan • Richiitii, waan aara fidu fi meeshaa kamiyyuu kan sagalee guddaafi jeequmsa fidu

• Barcuma hin dadachaane

• Saanduuqa qabbaneessituu, qembee, waan affatanii irra rafan fi miyoota biro kan iddoo tokko turuuf gargaaran