Giiftiin yeroo gaddaa fi gammachuukootti na cina turan-Ilma Mootii Wiiliyaams

Madda suuraa, PA Media
Ilmi mootii Wiiliyaams du'a giiftii Eelizaabetiin gadda itti dhagahame ibsuun, addunyaan ''hoggantuu adda taate'' dhabde jedhe.
Ilmi mootii Weelsi haaraan Giiftiin ''yeroo gaddaa fi gammachuukoo hundatti na waliin turte'' jedhe.
Itti dabaluun ''kabaja'' yaadannoo akkoo isaaf jecha '' abbaa koo amma mootii tahe, waan danda'u hundaan nan deeggara'' jedhe.
Ilmi Mootii Wiiliyaamsi abbaa isaa amma mootii tahanitti aanuun mootii tahuuf jalqaba irra jira.
Giiftiin Biriiteen waggoota dheeraaf tajaajilaa turan Giiftii Eelizaabet umurii ganna 96'n masaraa Iskootilaandi Balmoral keessatti du'aan boqatan.
Wiiliyaams kan amma ganna 40 tahe akkoon isaa du'uu isaaniin ''gadduu'' himee, ammoo ogummaa giiftii umurii isaa keessatti argachuu isaaf ''gammachuu akka qabu'' hime.
''Ijoolleen koo yeroo ayyaanaa giiftii waliin dabarsuun yaadannoo jireenya isaanii guutuu waliin jiraatu argataniiru,'' jedhe.
''Akkoonkoo gaddi gatii jaalalaaf qabnu kan ittiin kaffaludha jetti ture. Gaddi torbanoota kana keessa nutti dhagahamus jaalala Giiftii keenya adda taateef qabnu agarsiisa'' jedhe.
End of Odeeffannoo wal fakkaatan
Sirni awwaalchaa Giiftii Eelizaabet Wiixata Fulbaana 19, Westiminister Abbey keessatti gaggeeffama.
Mootii Chaarles III sirna masaraa Jeemsi Landan jirutti qophaa'e kessatti sirna qophaa'e irratti mootii tahuun isaanii labsameera.
Ilmi mootii Wiiliyaams labsii abbaan isaa Mootii tahan ibsu harka bitaan kobbee qabachuun mallateessuun mirkaneessera.
Jimaata darbe kana Mootii Chaarles III ilmi mootii Wiiliyaamsii fi haati warraa isaa Kaateriin ilma mootii fi intala mootii Weelsi tahuu isaanii ibsaniiru.












