Mootiin haaraan Chaarlis eenyu? Mootii akkamii ta'uuf deemu?

Madda suuraa, Getty Images
Seenaa Biriteen keessatti dhaaltuu Giiftii Elizaabeet kan ta'e Charlas amma mootii ta'eera.
Waggaa 70 bara giiftittii jalatti dabarse keessatti muuxannoon argate mootii ta'uuf nama sirrii akka ta'u isa gargaareera.
Mootii Charlis wayita mootii ta'u seenaa keessatti nama umurii guddaati.
Maanguddoon umrii waggaa 73 kun bara giiftii Elizaabeet guutuu ilaalaa guddate, mootummaa dhufaa darbaa hedduu argeera. Ministiroota muummee UK 15 fi pireezidantota Ameerikaa 14 argeera.
Taateewwan ijoo seenaa mootii Chaarlis
Mootii Chaarlis, kan Giiftii Elizaabeet dhaaluu bara 1948 dhalate. Bara 1957 mana barnootaa gale.
Bara 1969 ilma giiftii ta'uun Weelsitti muudame, bara 1971 ammoo humna waraanaatti makame.
Humna waraanaatti makamuutti guddoo akka gammadee fi milkaa'ina guddaa akka ta'etti ibsee ture.
Bara 1976 yeroo jalqabaaf daabbata gargaarsaa 'The Prince's Trust' jedhamu hundeesse.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Dhaloota haaraa yaada ajaayibaa fi fooyya'aa ta'e qaban hedduu qabna, akkamiin yaada kana akka misoomsan yaadna,'' jechuun dubbatee ture.
Bara 1981 Diyaanaa Ispensar fuudhe, bara 1982 ilmasaanii hangafaa Wiiliyaam godhatan.
Mootii Charles wayita Wiiliyaam dhalatu guddoo akka gammadee fi carra qabeessa ta'uu hime. Bara 1984 Diyaanaa waliin ilma lammaffaa, Haarii, argatan.
Charles fi Diyaanaan bara 1996 wal hiikan. Gargar ba'anii waggaa tokko booda bara 1997 Diyaanaan bara konkolaataan duute.
Charles waggaa saddeet booda bara 2005 dubartii jaalalaan waggaa dheeraaf waliin jiraatan Kamiilaa fuudhe.
Charles bara 2013 akaakayyuu ta'an. Bara 2019 ammoo dhimmi maatiisaanii miidiyaa addunyaarratti mata duree falmisiisaa ta'e.
Ilmi giiftii Andrew Duukiin Yoork dubartiin Ameerikaa himata saal-quunnamtiin walqabatu erga irratti dhiyeessitee booda mata duree oduu ta'an.
Dubartiin kun dubartoota nama abbaa qabeenyaa ta'e-Jeffrey Epstein jedhamu, kan dubartoota waliin dirqamaan saalquunnamtii raawwachuun yakkamaa jedhame himatan keessaati.
Dubartiin Ameerikaa kun umriishee waggaa 17tti ilmi mootii Andrew humnaan saal-quunnamtii waliin raawwachuu himattee turte.
Ilmi mootii Andrew gaaffii fi deebii bara 2019 BBC waliin taasiseen himata kana haaleera.
Nama Jeffery Espein waliin hidhata qabaachuu wayita BBC'n gaafatu, gochi ittiin himannaan irratti dhiyaate kun ''tasumaa hin raawwanne,'' jedhe.
Andrew ilma giiftii Elzaabeet sadaffaadha.
Mootii Charles bara 2022 giiftii Elzaabeet bakka bu'uun haasawa taasiseef.
Chaarles mootii akkamii ta'uu mala?
Chaarles kana booda akka mootiitti paaspoortii yookiin eeyyama konkolaachisummaa dhuunfaa hin qabaatu, dubbii hamaa fi jajjabaa hawaasa duratti dhiyeessuu hin danda'u.
Mootii ta'uun jiruu dhuunfaatiin oli. Ogeessi heera mootummaa pirofeesar Vernon Bongdanor mootii Chaarles amma ga'ee fi seera kan biraatti ce'aniiru jedha.
''Haalaa fi amalli isaa akka geeddaramuu qabu inni duraanuu hubate. Uummati mootii duula gaggeessu hin fedhu,'' jedha pirofeesar Vernon Bongdanor.
Mootii Chaarles bara 2018 akkas jechuun BBCtti dubbatan: ''An haga kana nama waa hin hubanne miti. Jiruu fi jireenya ofiirra isaaf bakka kennuu akka ta'e nan beeka. Akkuma kanaan duraatti itti fufuu yaadi jedhu waan hiika hin qabneedha, fudhatama hin qabu,''.
Mootii Chaarles sagalee guddaadhaan mataa jabaatanii dubbachuun sirrii akka hin taane duraanuu jabeessee beeka.
Chaarles wayita mootii ta'u ragaaleen maallaqarra jiranillee ni geeddaramu, xiyyeeffannoon Chaarlas kan dhibii ta'a.
Biyyoonni sirna mootii jala jiran hedduun akka yeroo giiftii Elzaabet gonfoo fudhatanii sana hin jiran.
Mootii Chaarlas duudhaa duraanii kan itti fufsiisu ta'us, garuu biyyoota waan hundaan danuu fi akaakuu hedduu ta'an dhaala.
Biriiteen amantii hedduu keessummeessuu eegalte dhaala, kanaaf xiyyeeffannaan mootichaa adda ta'a jedha piroofessar Vernon Bogdanor.
Mootii Charlas biyya adda addummaan keessatti danate kanneen tokkoomsuu fi kanneen carraa hin arganneef bakka kennuun hojii qabatamaa hojjetee argamuuti irraa eegama.
Mootii Chaarles deeggarsa uummataa hagam qaba?

Madda suuraa, PA Media
Mootii Chaarles akkas jedhee ture: ''Wanti beekamuu qabu sirni mootii (gonfoo) osoo ilaacha uummataa hin qalbifatin jiraachuu hin danda'u. Uummanni hin jaal'atu taanaan hin qabaatu jechuudha.''
Qorannoon jaarmiyaan 'YouGov' jedhamu Mudde 2021 hojjete Chaarlas uummata biratti fudhatamummaan inni qabu akkaan dabaluu ibse.
Yaadi uummataa walitti qabame ammoo fudhatamummaan isaa hanga kan haadhasaa fi ilmasaa Wiiliyaam akka hin geenye mul'isa.
Kanaafuu ammallee uummata deeggarsa biraa hin qabne qaba jechuudha.
Mootii Chaarles akka duree maatii moototaatti waa'een ilma mootii Harii fi Meegaan, hariiroon isaan maatii moototaa waliin qaban hoji manee mataa bowwuu itti ta'uuf deemuudha.
Kana malees waa'een ilma mootii Andrew qormaata biraadha.
Gocha saal-quunnamtiin himatamuun maqaansaanii kan ka'ee ture Andre egereensaa, ga'eensaa maal ta'a kan jedhu gaaffii isaan deebisuuf deemaniidha.
Mootii Chaarles biyyoota miseensa 'Common weath' 14 fi UK gaggeessu, biyyoonni kunneen fedhii garaagaraa qabu.
Kuun of danda'anii ba'uu fedhu, mootii Chaarles duraanii kana quba qaba, ajandaa kamuu irratti mari'achuuf qophiidha.
















