Chaarlis III mootii ta'uunsaanii ifatti sirnaan labsame

Chaarlis III Sambata har'aa Masaraa St Jeemsi keessatti sirna seena qabeessaa ta'een mootii jedhamuun labsameera.
Chaarlis sadaffaan akkuma du'uun giiftii Elzaabet lammaffaa dhagahameen mootii ta'e, garuu ga'eensaa akka mootiitti kan mirkanaa'e sirna seena qabeessa har'a gaggeeffameeni.
Gumiin muudama akkasii raawwatu kan miseensota qaamolee siyaasaa olaanaa, abbootii murtii fi qondaaltota siyaasaa of keessaa qabu, Chaarlis sadaffaan gonfoo qabachuu labseera.
Sirna kanaan booda alaabaawwan sababii du'aa Giiftiitiin walakaa gadiitti mirmirfamaa ture gara guuttuu deebiifama.
Labsiiwwan gara biraa ammoo guutuu UK keessatti Dilbata himama, yeroo alaabaan deebii'ee wallakkaatti mirmirfami ilaalchisee.

Innis erga Mootichi ''haadhaasaa jaalatamtuu'' taa'ee hordoofuudhaaf waadaa galuu haasaa jalqabaa kan miraan guutamee booda kan ta'uudha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Innis guyyaa Jimaata kaleessaa wayita ''gadda cimaa'' haadhaasaa dhabuutti itti dhagahamee ilaalchisuun haasaa ummataaf taasiseen, haadhasaa leellisuun isheenis, ''dandeettii ishee yeroo hunda waan gaarii ummata keessatti arguu qabdi'' jedheera.
Mootichi haaluma ''kutammoo hin geedarmne'' kan haatii isaa baroota 70f ittiin tajaajilteen walfakkaatuun biyya tajaajiluuf waadaa galeera.
Chaarlis battaluma haatiisaa du'aniitti Mootii kan ta'an yoo ta'u, Sirni Mana Maree Muduu garuu nama aangoo dhaaluu ifatti labsuudhaaf haala danda'ameen dafamee kan raawwatamu ta'a.
Mana marichaa irratti kan akka biyyattii sa'aatii 10:00 irratti har'a eegaluun, Mootichi du'a haadha isaa ilaalchisuun haasaa erga taasisaniin booda, Bataskaana Iskootilaand eeguuf kakuu raawwatu. Kunis sababii Iskootilaandi keessatti garaagarummaan aangoo bataskiaanaafi mootii jidduu jiruufiidha.
Namoota sirna kana irratti hrimaatan keessaa Kaamilaa, kan Chaalisiif waggoota 17'f haadha warraa taateefi amma kan moggaasa Giiftii duuree (Queen Consort) argatee, ilma mootichaa, Wiiliiyaam, ilamaa mootii haaraa Weelsii fa'idha.

Madda suuraa, Getty Images
Labsiin ummataa jalqabaas Masaraa St Jamsii kan Landaniitti argamu akka irraa sa'aatii biyyaatti 11:00 irratti taasifama. Kunis haaluma sirna aadaa jaarrawwaniif tureetti uluullee, waashintii fi dhukaasa qawwee Paarkii Hayiidee fi Gamoo Landan keessatti raawwatamuun kan dabaalamu ta'a.
Kun ammoo qaama labii idilee ta'u baatan illeen, jechi ''Giiftiin duutee jirti, Mootii bara dheeraa jiraadhaa'' jedhu isaan booda ni himama.
Guyyaa Jimaataa, Chaarlis wacaa fi hawwii ''Waaqi Mootii baraari!'' jedhuun simatamee ture. Kunis kan ta'e wayita inni ummata Masaraa Baaknighaam keessatti walitti qabamaniin wal argeetti ture.
Booda ammoo, karaa TVn haasaa taasisuun, hawwii ilamasaa Wiiliiyeemiifi haadha warraa isaa Kaatiriiniif, akka ilama mootiifi haadha warraa ilam mootii haaraatti qabuf ibsee ture.
Gumii muuduu irratti maaltu ta'a?
- Akka seenaatti gumiichi miseensoota gorsitoota mootooaa, kan yeroo bara mootoota duuriitii kaasee raawwatamu irratti argamu. Garuu ammoo lakkoofsi miseensootaa 700 ta'an keessaa, namoota siyaasaa duraafi kan ammaa, 200 qofatu waamame.
- Jalqabarrattis Marasaa St. Jeemsi keessatti waliitti qabamu bakka Mootichi hin jireetti. Miseensi Mana maree warra Konsarvaativii Peenii Mordaant, Ministirri Mummee Liiz Tiraas, du'a Giiftii ni labsu.
- Bakka bu'aan Gumichaas yaalii labsii Muudamichaa, Chaarlis Mootii ta'usaa ilaalchisee sagalee ol kaasuun dubbisu, kan Chaarlis III ta'u hundu beeku garuu. Giiftii Duree, Ilma Mootii Wiiliyeem, Arkibishoopii, chaansilarii mootichaa, Arkibishiipii Yoork fi Ministira mummee dabalatee lbisicha irratti mallatteessu.
- Piresidaantiin masarichaas akka callifamu gaafachuun wantoota hafaniifi dhimmoota labisichaan walqabatan erga dubbisanii booda, Paarkii hayidee fi Gamoo Landaniitti qawween akka dhokaafamu ajaju.
- Mootichi gumii kutaa lammaaffaa kan gorsitoota mootootaa qofaan hirmaatamu seenuun, du'a Giiftii irratti labsii mataasaa taasisa.
- Bataskaana Iskootilaand eeguuf kakuu raawwachuun galmeewwan lama iratti mallatteessa, yeroo kanattis Giiftii dureefi ilmasaa Wiiliiyeem waliin dabaalamuun namootni kaan ammoo ragaa ta'u yoo inni mallatteessu.
- Miseensoonni gorsitoota mootootaas wayita bahan ni mallatteessu.












