Mallattoowwan akka chaappaa, saantimoota, maallaqaa fi paaspoortii suurri giiftii irra jiran ni jijjiiramuu laata?

Dookumentiiwwan, maallaqa suuraan giiftii irra jiru

Madda suuraa, Getty Images

Waggaa 70 erga mo’anii booda Giiftii Elizaabet II jiruu jireenya guyyuu namoota hedduu keessa jiru. Suuraa fi seenan saantimoota fi korojoo waa itti gurguran irratti arguun baramaa ta’eera. Kana booda hoo maaltu ta’a?

Hundi ni jijjiirama

Santimmoonni gabaa UK keessa jiran biliyeena 29 ta’u; saantimoota kana hunda irra suura Giiftitu jira. Kan dhiyeenya saantimoota irratti became bara 2015 yeroo isheen umurii 88 turteedha. Bara isheen mootetti kuni suurri ishee si’a shan jijjiirameera.

UK tti dhaabbanni saantimoota maxxansuuf aangoo qabu (The Royal Mint) saantimoota suura Mootii Chaarlas III ffaa yoom ykn akkamitti akka maxxansu homaa hin dubbanne. Haa ta’u garuu saantimoonni suura Giiftii ofirraa qaban yeroo dheeraf gabaarra turuu hin oolan, adeemsi ittiin saantimoota kana bakka buusanis dheeradha.

Saantimawwan

Madda suuraa, The Royal mint

Saantimoonni Biriitish hundi bara 1971tti osoo hin jijjiiramin dura santimoota irratti suura moottota garaa garaa arguun baramaa ture.

Saantimni mootii suura akkamii akka ofirraa qabaatu ammatti beekuu baannus, waggaa 70ffaa isaa kabajuuf saantimni dhaabbanni saantimoota UK maxxansu bara 2018tti baase maal akka ta’uu malu ni agarsiisa. Waanti hubatamuu danda’u tokko gara tokkotti jedhee- gara bitaatti jedhee suurri isaa akka mxxanfamuudha.

Erga mootummaadhan mirkanaa’ee booda, dizaayiniin haaran dhaabbata saantimoota UK maxxansu kan Royal Mint jedhamuun Llantrisant, Kibba Weelsitti maxxanfama.

maalaqa jalqabaa suuraa giiftii irratti kaafame

Madda suuraa, Getty Images

Erga bara 1960 kaasee nootiwwan Bank of England hundumaa irratti Giiftittiin ni mul’atti (nootiwwan baankilee Iskootishii fi Ireland Kaabatiin maxxanfaman suura warra mootii ofirraa hin qaban). Yeroo ammaa nootiwwan Bank of England dhaan maxxanfaman biliyeena 4.5 baay’atanii fi gatii paawundii biliyeena 80 qabantu gabaa irra jira, warreen kun suuta jijjiiramu.

Nootiwwanii fi saantimoonni hundi seera qabeessa ta’anii itti fufu.

Chaappawwanii fi saanduqawwan poostaa

Bara 1967 kaasee chaappawwan (stamps) Waajjira Poostaa Rooyalitiin maxxanfaman hundi suura Giiftii Elzabeet II ofirraa qabu.

Waajjirri Poostaa Rooyal kanaan booda chaappaa ykn teembiriiwwan Giiftii Elizaabet II maxxansuu dhaabun kan biraa haaraa maxxansa.

Teembrii Mootii Chaarliisiif guyyaa dhaloota isaaniif maxxanfame

Madda suuraa, Royal Mail

Mootin haaran chaappaa ykn tembiriiwwan irratti dizaayiniin isaa lafa kaa’ameera, garuu Manni Poostaa Rooyal dizaayinii haaran maal akka fakkaatu homaa hin jenne.

Akkuma suura mootii teembiriiwwan irra kaa’u, Waajjirri Poostaa Rooyal koodii mootii sanduqoota poostaa irratti ni maxxansa.

Sanduqoota poostaa 115,000 UK keessa jiran keessaa 60% kan ta’an mallattoo EIIR Giiftii Elzaabet II ofirraa qabu. E jechuun Elizaabet, R jechuun Regiinaa ykn mootittii jechuudha. Iskootilaanditti ammoo gonfoo Iskootish ofirraa qabu.

Iskootilandin alatti, sanduqoonni poostaa haaran kamiyyuu ammaan booda koodii Mootii ofirraa qabaatu.

Mallattoo mirkaneessa warra mootii

Kaachaappii timaatimaa ti hanga korojoo midhaanii, hanga urgooftutti asxaa warra mootii barreeffama, “Hayyama Giiftiititiin” jedhu meeshaalee nyaataa irratti ni argamu. Kana jechuun dhaabbata Rooyal Waarant dhaan kan eeyyama argatan jechuudha.

Chaappaa

Jaarraa darbeef garee fi dhaaltonni warra mootii tokkoo tokkoon isaanii Rooyal Waarantiwwan mataa isaanii baasanii turan- yeroo ammaa kaampaaniwwan 800n kan qabaman Rooyal Waarantii 900 ta’utu jira.

Kan kennu (grantor) yoo du’e Rooyaal Waarantin nama sanaan bahe gatii dhaba. Kaampaanichi waggaa lama keessatti asxaa sana fayyadamuu dhiisuu qaba. (Asxaa Haadha Mootitiin bahe qofatu erga isheen duutee booda waggaa shaniif tura.)

Asxaan (warrants) Piriinsin Weelsi Chaarlas baase inni amma Mootii waan ta’eef itti fufa.

Mootin haaran ilma isaa fi kan isa dhaalu, Piriinsi Wiiliyaam, asxaa mataa isaa akka baasisuuf eeyyamuufii danda’a.

Paaspoortiiwwan ammayyuu seera qabeessa ta’anii itti fufu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qarshii, chaappaa ykn tembiriiwwan fi asxaawwan qofatu jijjiirama miti. Paaspoortin Biriitish hundi maqaa Giiftiitii (Her Majesty) jedhu ofirraa qabu, ammatti deemsaf hojiirra oolu, garuu- paaspoortii haaradhaaf barreeffamni fuula keessaa jalqabaarra jiru gara Mootii (His Majesty) jedhutti geeddarama.

Poolisoonni Ingilaandi fi Weelsi koodii Gooftii Elizaabet II helmeetii isaanirra jiru jijjiiramuu qaba. Gorsitoonni fi abbootin seeraa Giiftidhaan muudamanii Gorsitoota Giiftii jedhamaa turan kanan booda Gorsitoota Mootii jedhamu.

Dhuma irratti, faarun alaabaa “Waaqayyo Giiftii haa Oolchu” kan jedhu irraa gara “Waaqayyo Mooticha haa Oolchu” kan jedhutti jijjiirama.

Chaarlas ifatti Mootii jedhamee sirni gaggeeffamaa erga labsameen booda, masaraa mootummaa St. Jeemsi gubbaa dhaabatanii labsiin ni labsama, “Waaqayyo Mooticha haa Oolchu” kan jedhus ni labsu.

Sana booda faarun alaabaa “Waaqayyo Mooticha haa Oolchi” jedhu ni faarfatama. Kuni erga bara 1952 ti yeroo jalqabaaf faarfatama.