Karoora awwaalcha Giiftii Elizaabeet fi sirnawwan raawwtaaman

Treated image of the Imperial State Crown

Giiftiin seenaa giiftummaa Biritish dheeraa tajaajiluun du'aan boqatan.

Isheenis miseensoonni maatii bakka argamaniitti Masaraa Baalmoraal kan Iskotilaandi keessatti haaluma nagaatiin Fulbaana 8, 2022 boqatan.

Lammiin biyyattiifi dureewwan biyyoota garaa garaas kabajasaanii ibsaa kan jiran yoo ta'u, guyyoota ittaanan keessatti, sirna awwaalchaatiin wal qabate wantooti bakka hawaasni kabaja kennuuf fa'itti akka raawwataman eegaman kunooti..

Imala Iskootiish irraa

Reeffiisaanii Iskootilaand irraa gara Landa erga dhufee booda kan boqatu masaraa Baakiinghaam keessa boqata.

Reeffi isaaniis haala tasgabaa'aa ta'een miseensoota maatii fi sirna loltummaatiin dabaalamee gara galma Weestiminiteriitti qajeela.

Reeffii Giifti attamiin akka gara sirni awwaalchaa itti raawatu akka geeffamu

Reeffii giifitii galma masaraa keessa tura

Osoo sirn awwaalchaa hin raawwatamiin duras guyyoota afuriif galma Weestiminiter keessa boqata.

Guyyoota kanneen keessattis namoonni kumaatamaan lakkaa'aman garas dhaquun kabajaan reefficha nagaa dhaamu.

Tokkoon tokkoo kutaalee kanneenis looltoota masaraatiin eegama.

Namoonni hiriiranii kabajaan gaggeessuu

Madda suuraa, Getty Images

Galama masaraan Weestiminiter kan teessoo Mootummaa Biriteen birratti argamu keessatti argamus kutaa durii gamichaa keessaa tokko.

Kanaan dura bara 2002tti eddoo kanatti sirni awwaalchasaanii kan raawwate haadha Elizaabeet ture. Haadha Elizaabeeti namoonni kuma 200 ol qaamaan argamuun nagaa dhaamanii turan.

Reeffii maatiidhaan marfamee suutaan kan gaggeeffamu yoo ta'u ummannis karaarra yoo darbaniif karaa foddaa TV'n argu danda'a.

Gonfoon saanduqni reeffaa fi alaabaa sadarkaa Mootii Yunaayitid Kingdam bakka bu'uun marama.

Erga reeffichi galama Weestiministar qaqqabeen boodas gonfoon saanduqa reeffaa irra kaa'ama.

Tokkicha erga reeffii galmicha keessa kaawwameen booda tajaajilli gabaabaan ni gaggeeffama. Isaan booda ummanni akka seenuuf ni hayyamama.

Saanduqa reeffa giiftii

Sirni awwaalchaa yoomi raawwachuuf?

Sirni awaalcha giiftii tanaas Weestiminiser Abbeeyiitti torbaan lamaa asitti ni raawwatama jedhame eegama.

Guyyaa sirni awwaalchaa kun itti raawwatamu masaraana Baakinghaam ni beeksiisa.

Abbeey waldaa seena qabeessaa bakka mootoonnii fi giiftiiwwan Biritish itti mudamaniidha. Giiftii Elizaabeet mataasaanii bara 1953tti achummata muudamaun bara 1947tti ammo Filiippiitti achumatti hiruman.

Westminster Abbey

Madda suuraa, Getty Images

Bara jaarraa 18ffaa irraa kaasuunis tajaajilli sirna awwaalcha mootootaa Abbeeyiitti raawwatama. Sirni awwaalcha haadha Giiftiis bara 2002tti achumatti raawwatame.

Tajaajila sirna awwaalcha Weestiministar

Sirna awwaalcha Giiftii tanaa irratti argamufis dureewwan boyyoota hedduu gar asana imaluun, maatii moototaa waliin ni dhaabbatu jedhamee eegama.

Akkasumas namoonni siyaasaa olaanoon UK fi ministiroonni mummee duraanis ni ergamu jedhamee eegama.

Guyyaan sirna awwaalchaas reeffii galma Weestiminiter irraa gara Westiminister Abbeeyiitti geeffamuun eegala.

Keessoo Weestiminister

Reefficha duubas Mootii sadaffaa Chaarlis dabalatee, miseensoonni maatii mootootaa hedduun ni hordofu.

Sirnichas kan hagganan luba Weestiminister kann ta'an Deeviid Hoyil qeesii Kaantarburii kan ta'an Jastiin Weebilii waliin ta'un.

Gaggeessaa reeffaa gara Winzariitti

Tarii Ministirri Mummee Liiz Tiraas barnoota akka dubbisaniif waamamu danda'u ta'a.

Guyyaa sirni awwalchaa itti raawwatamuutti waaree booda saanduqin reeffa giiftii qabate bataskaana Goorgiisii masaraa Wiinzar keessatti argamuutti geeffama.

Achinis reeffi bataskaana kana keessatti kan argamu lafa aarsaa yaadannoo Mootii Joorji shanaffaa keessa galfama.

Keessoo mana qulqullinaa

Batasikaanni Goorgisii yaroo baayyee maatii moototaatiin sirna gaa'ilaa, fi awwaalchaaf ni filatama. Ilmi mootii Haarii fi Meeghan achumatti kan sirni gaa'eela saanii raawwate yoo ta'u, abbaan manaa giiftii Filippis achuumatti awwaalaman.