Chaarlis mootii haaraa ta'an

Ilma Mootii Charles

Madda suuraa, © Nadav Kander

Battaluma haatii isaanii Giiftiin boqataniitti, batalumatti ilmii mootii Weelsi, Chaariliis sirna tokko malee aangoo mootii qabatan.

Haata'u malee mootii aangeeffamee ta'uun ifatti muudamuuf, adeemsiiwwanii fi sadarkaaleen keessa darbu qaban hedduutu jira.

Maal jedhamanii akka waamaman?

Tarkaanfiiwwan isaa jalqabaa keessaa tokkoo Mootii Chaarliis sadaffaa jedhamanii waamamuu ykn maqaa biraatiin waamamu murteessuudha.

Fakkeenyaaf, maqaan jalqabaa akaakkayyuun isaa Joorjii VI Albart ture, garuu maqaa isaa kan abbaa fudhachuun ittiin waamaman.

Kanaafuu Chaalsisi maqaawwan isaanii afur- Chaalisi Filiip Artar Joorjii, keessaa tokko filachu danda'u.

Jijjirama maqaa gochuun kun kan ilaalatu Chaarliis qofaa miti. Ilmiisaanii Wiiliiyaam maqaa abbaa isaa dhaaluun battalumatti ilma mootii Weelsi hin ta'u.

Garuu ammoo battalatti maqaa abbaa isaa kaan dhaaluu dand'a, ilma mootii Koorniweel kan jedhu.

Haatii isaa Kaatirinis akkasuma Dachii Koriweel jedhamti.

Maqaa haadha warraa mootii irrattis jijjiramni ni ta'a. Haatii warraa mootichaa giiftii Komkorte jedhamuun waamamu. Konkoorti moggaasa haatii warra mootii ykn kan abbaan warraa giiftii ittiin waamamaniidha.

Sirnawwan itti aansee ta'an

Chaarliisi sa'aatiiwwan 24 haatii isaanii itti boqattee keessatti ykn isaan booda, ifatti mootii jedhamuun ibsamu.

Kunis kan ta'u masaraa mootummaa Qulqulluu Jeemsi kan Landaniitti argamuutti.

Siran kanarrattis namoonni hanga 700 ta'an ni hirmaatu jedhamulleen, lakkoofsi hirmaattootaa kanaan gadi ta'u ni danda'a.

Hirmaattoonni kunneenis kan garee miseensoota paarlaamaa gameeyyii, kan ammaafi kan durii, akkasumas hiriyootaa fi hojjattoota siviilii muraasa, komishinaroota olaanoo komanwoolzii fi Kantiibaa Landoon irraa kan babahaniidha.

Bara 1952tti lakkoofsi namoota hirmaatan gara 200 ture.

Ilma Mootii Chaarles

Madda suuraa, PA Media

Muudama mootii haaraa

Mootii haaraan dhufee yeroo baayyee guyyaa tokkoon booda walgahii mana maree mootii walitti qabamu irratti mootichi kaan waliin ni hirmaatu.

Mootiin Biritaaniyaa gara aangootti yoo dhufan sirna kakuu raawwachuun irraa hin eegamu.

Haaluma aadaa jaarraa 18ffaa irraa jalqabee tureetiinis labsii mootii haaraatiin ni himama. Kanaanis amanummaa batasikaana Ikootilaandiif qabu ni mirkanneessa.

Isaan booda sirniiwwan garaa garaa erga raawwatamaniin booda, labsii ifatti ummataaf taasifamuun Chaarliis mootii haaraa ta'un himama.

Giiftii Eelizaabet II ilma isaanii ilma mootii Chaarles mootii Weelsi gochuun muudan, 1969

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Giiftii Eelizaabet II ilma isaanii ilma mootii Chaarles mootii Weelsi gochuun muudan, 1969
1px transparent line

Sirna muudamuu

Kana hordoofuunis sirna muudamaa gaggeeffamu irratti haaluma barameetti Chaarlisiif goonfoon mootii ni kaa'amaaf.

Haata'u malee sirni muudama mootii kunis sababii qophii barbaachisuutiin kan yeroo gabaabaa keessatti raawwatamu hin ta'u.

Waggoota 900 darban sirni muudamaa Weesti Ministeer Kaateediraala Abeey'tti gaggeeffamaa kan ture yoo ta'u, Chaarlisis mootii 40ffaa ta'uun mo'u.

Maatii Moototaa masaraa Bakingihaamitti , Landan 1953

Madda suuraa, Mirrorpix / Getty Images

1px transparent line

Duree koomanwoolzii ta'u

Chaarliis Aangoo mootii Yunaayitidi Kingdam Giiftii bakka bu'uudhaan fudhataniin alattis, duree waldaa biyyoota koomanwolzi kanneen ummata biiliyoona 2.4 qabaniifi biyyoota bilisa 56s ni ta'u.

Biyyoota kanneen keessaa 14 fi UK'f ammoo Mootichi hoggannaa ta'u.

Biyyoonni kunneenis Awustiraaliyaa, ANtigu'aa fi Baarbuudaa, Za Baahaamaas, Belize, Kaanaadaa, Jamaayikaa, Paapu'aa Niiw Giinii, Seenti Koristoofar fi Neevis, St. Luuciyaa, St, Viinsanti fi Gireenaadines, Niiw Ziilaand, Odoolawwan Salamoon, Tuvaaluu dha.

Mootii Weelsi, mootii Weelsi

Madda suuraa, Getty Images

©Abbeentaan suuraalee hundaa kan eegameedha