Muddee keessa ayyaanota akkamiitu addunyaa guutuutti kabajama?

Feestivaala aadaa Kiwaanzaa Afroo-Ameerikaa aadaa durii irraa dhufe

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Wayita namoonni ayyaana Kiwanzaa New York keessatti shubbisan

Jijjirraa bara haaraa faranjiitan dura,keessumaa baati muddee keessa biyoota addunyaa addaa addaa keessatti ayyaanota adda addaatu kabajama. Ayyaanotni kunniin irraa caalaan isaanii kanneen aadaa ykn Amantii waliin wal qabatanii fi durirraa dhalootatti darbaa jirudha.

Baatiin muddee Hemisfeera kaabatti, yeroo itti waqtiin qorraa itti eegalu fi ayyaanni qillee ykn dhalachuu Iyyasuus Kiristoos itti kabajamuuf jedhu waan ta'eef, waqtii ayyaanonni addaa addaa guutuu addunyatti itti kabajamudha.

Hemisfeera kaabatti waqtiin kun yeroo itti qorri fi cabbiin bu'u baatii Muddee hanga Gurraandhalattidha.Yeroo kanatti biyyoota tokko tokko keessatti yeroon guyyaa gabaabbatee halkan dheeratudha.

Biyyoota akka Chaayinaa, Iraan, Ameerikaa Kibbaa fi Biyyoota kibba Afrikaa keessatti baatii muddee keessa ayyanotni aadaa fi amantii fakkaatan hedduun itti kabajaman jedhamuunis beekamaa

Mudde ayyaanota akkamiitu kabajama?

Dongazhiin ayyaana Chaayinaatti kabajamu yoo ta’u, hiiknisaa "ganna gudda ykn Ganni dhufe akka jechuuti ykn “winter’s arrival” jedhamee hiikama.

Ayyaanni kun waggoota 2,500 dura, bara bulchiinsa Haan (Han dynasty ) irraa eegalee kabajamaa ture. Ayyaanni kun guyyaa qorraa itti eegalu irraa kan jalqabu yoo ta'u, guyyoota 15 kan turudha' jedhameera.

Ayyaanni kun yaad-rimee aadaa Chaayinaa Yin fi Yang(qorraa fi hoo'a), mallattoo waldanda’uu fi madaallii irratti kan hundaa’e ta’uutu himama.

Yeroo kanatti qaama namaa keessa hanqinni anniisaa Yin (qorra) ofirraa ittisuu ni xiqqaata jedhamee waan yaadamuuf Dongazhi keessatti namoonni nyaata Yang (ho'aa) ta'e nyaatu.

Isaan keessaa tangyuwan jedhamu(mulmuliin ruuzii ) kan akkamallattoo walitti dhufeenyaatti ilaalamuu fi shorbaan foon hoolaa fuduraa fi kuduraa adda addaa waliin hojjatame ni nyaatama.


Kurdoonni Iraan uffata aadaa uffachuun Tehran keessatti wayita Yalda kabajan.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Yaaldaan jalqaba waqtii qorri Iraanitti eegaluu fi deebi'uu aduu agarsiisuf kabajamuudha
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yalda (Shab-e Yalda ykn Zayeshmehr jedhamuunis beekama) ayyaana Iraan waggoota 5,000 dura jala bultii waqtii qorraatti fi deebi'uu adutti kabajamudha kunis akka kalaandarii ykn lakkoofsa baraa Iraanitti wayita waqtiin qorra baatii muddee seenuu fi waqtiin hoo'aa itti dhufu sababeeffachuun kabajama.

Maqaan kun jecha afaan Sooriyaa durii “dhaloota” jedhu irraa kan dhufeedha. Akka Amantii Zoro'astriyanismi Faarsi durii keessatti, waqtii sanaa kaasee hanga qorrii fi duumessi darbee aduun baatutti yeroo dheeraaf samii keessa waan turtuuf, waaqni aduu (Mithra) deebisee aduu akka fiduuf amanuu irra kan dhufeedha.

Mithra ifa, gaarummaa fi humna lafa irratti kan agarsiisu ture. Ayyaanni kun amantii Baha Giddu Galeessaa kan biraa Mithirayism jedhamu irraa kan fudhatame yoo ta'u, warra Zoro'astriyaan jedhama irraa kan fudhatamedha.

Yaaldaan Faarsi Islaamummaa duraa keessatti ayyaana barbaachisoo ta’an keessaa tokko yoo ta’u, hanga har’aattis Zoro'astriyaniin Iraanii fi biyoota biroo heddu keessatti kabajamaa jira.

Ayyaanni Yaaldaa durii kennaa kennuu, manneen jireenyaa magariisaan faayuu fi tajaajiltoonni gooftaa isaaniif ajajamuufaa kan dabalatu ture.

Warri Roomaa gochaalee kana ayyaana isaanii kan yeroo qorraa Saturnaliyaa jedhamuuf liqeeffatan jedhamee yaadama. Sana booda akka duudhaa ayyaana qilleett fudhataman.

Fakkeenya sirna Inkaa dargaggoonni dhiiraa yeroo ayyaana Kaapaak Raaymii duula deemuf jedhan taasifaman agarsiisu.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bara Inkaatti, Kaapaak Raaymiin yeroo dargaggoonni dhiiraa duula deeman jedhamee yaadama ture

Peeruu fi Ikuwaadoor keessatti namoonni tokko tokko amma iyyuu ayyaana durii Kaapaak Raaymii jedhamu kabaju.

Ayyaanichi kan uumame Inkaa, ummata qarqara galaanaa dhiha Ameerikaa Kibbaa hanga jaarraa kudha jahaffaatti kutaa guddaa bulchaa ture yoo ta'u, kabaja waaqa aduu Inti jedhamuuf kan kabajamu ture.

Innis yeroon waqtii qorraa, guyyaa jalqabaa bara haaraa Inkaa irratti raawwatama. Guyyaa sana beeladootni aarsaaf ni dhiyaatu.Namootni isa nyaatanii, biiraa boqqolloo dhuguu fi baala mukaa koka jedhamu qaamuun shubbisaa oolan.

Hambaa fi daaran aarsaa sanaa walitti qabamee akka waaqa Viracocha isa uumaa waan hundumaa ta’eef aarsaa dhiyeessutti lagatti gatama.

Akkasumas yeroo itti dargaggoonni dhiiraa impaayera Inkaaf aarsaa kanfaluuf duula deeman ykn loltuu itti ta'an ture.

Akka qaama ayyaana kanaatti ijoolleen dhiiraa umuriin isaanii waggaa jahaa ykn torba ta'e surreen isaanii jalqabaa kan kennamuuf yoo ta'u, shamarraniif ammoo qabduun rifeensa isaanii jalqabaa kennamaafuudha.

Namoonni mana nyaataa "hotpot" Chaayinaa Chengdu keessatti wayita shorbaa foon hoolaa nyaachaa jiran.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Manneen nyaataa Chaayinaa keessatti shorbaan foon hoolaa nyaachuun duudhaa ayyaana Dongazhi beekamaadha

Kutaalee kibba Afrikaa hedduu keessatti, ayyaana yeroon itti oomisha isaanii sassabanii fi sanyii oomishan itti argachuu jalqaban agarsiisuuf ammayyuu kabajamuudha.

Kun aadaa durii gareewwan ummatootaa kanneen akka Bhaca (Ingqubhe jedhaman), Ndebele (Inxwala jedhaman), Swazi (Inwala jedhaman) fi Zulus (Umkhosi Wkweshwama jedhaman) biratti dur irraa kaasee kabajamuudha.

Yeroon kun yeroo itti gaafatamaan maatii midhaan jalqaba bara sana sassaabame dhandhamee, uggurri maatii keessaa namoonni biroo akka hin nyaanne dhorku kaafamudha.

Akkasumas yeroo bulchaan ummata ykn biyya tokkoo firii jalqabaa itti dhandhamudha. Aarsaan beeyladaas kan dhihaatuuf yoo ta’u, bulchaan kunis namoonni isaa jala jiran firii midhaan sanaa argachuu akka danda’an agarsiisuuf bosona keessa deema.

Emabutfo, shubbisa Swazi kabaja mootichaaf yeroo sirna Incwalatti taasifamu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Loltoota kabaja mootichaaf jecha ayyaana Incwala kan walakkeessa waktii gannaa keessa eSwatini keessatti kabajamu irratti shubbisan.

Ingilizoonnis bara 1879 xumura Waraana Ingilizii fi Zuluu irratti wayita naannoo isaanii to'atan ummata Zuluu ayyaana kana akka hin kabajne dhorkaman.

Haa ta'u malee bara 1990 mootii saba Zuluu Goodwill Zwelithini jedhamu ayyaanni kun akka deebi'ee ayyaneffatamu taasise. Ergasii waggaa waggaan masaraa mootii Enyokeni kan Nongoma Afrikaa Kibbaatti argamutti kabajamaa ture.

Ayyaanni midhaan firii jalqabaa kan Incwala guddaa jedhamus eSwatini (yeroo amma Swaziland jedhamuun beekama) keessattis taatee aadaa guddaadha.

Ayyaanni kun guyyoota jahaaf kan turu yoo ta’u, yeroo sirna mootummaa eSwatiniitti kan kabajuudha.

Akka gibira mootichaaf kanfalanitti loltoonni guyyoota ayyaanicha itti aanan keessatti maasii mootichaa qotuuf.

Mootii Saba Zulu Goodwill Zwelitini kabaja ayyaana bara 2019 irratti.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mootii ummata Zulu Ayyaana Firii Jalqabaa Umkosi Wokweshwama akka deebi'u taasise.

Ayyaanni firii jalqabaa yeroo hafuuraan ofii qulqulleessuu fi haaromsuus yoo ta’u, isaanis bu’uura Kuwanzaa ayyaana ammayyaa Afroo-Ameerikaanotaa kan Mudde 26 hanga Amajjii 1tti gaggeeffamuudha.

Maqaan isaa 'matunda ya kwanza' kan jedhamu yoo ta'u afaan Swahili irraakan fudhatamee fi hiika “firiiwwan jalqabaa midhaan sassaabamanii” jedhu akka qabutu himama.

Kuwanzaa bara 1966tti Yunivarsiitii Kaalifoorniyaatti piroofeesara qorannoo Afrikaa kan ta’an Ma'ulana Ron Karenga jedhamaniin qoratamee kan dhiyaate yoo ta'u, kabajni sirna kanaa ummata Afroo-Ameerikaa US keessa jiran cimsuu fi hawaasummaa aadaa Afrikaa guddisuu ga'ee kan qabu ta'uu himan.