'Afaan Afrikaanota durii' Itoophiyaatii baduu dhihaate

Madda suuraa, Kibebe Tsehay
Bosona Shakkaa kan amma Naannoon Kibba Lixa Itoophiyaa jedhamuun caaseeffame keessa qabeenyaa umamaa hedduutu argama.
Qabeenyaa akka bunaa fi mi’eessitu adda addaatiin beekamuun alatti bakka jireenyaa hawaasa Caabuu ta’un tajaajila.
Hawaasni Caabuu kibba lixa itoophiyaafi naannoo Gaambeellaa keessati faca’ee argama.
Olaanaansaanii ammoo hawaasa Shakkichoofi Mazhangarii jedhamu. Hawaasni Caabuu kunis afaan isaaniin alatti afaanota hawaasa ollaa kan akka Majaang, Shakkichoo, Afaan Oromoofi Amaaraa ni dubbatu.
Caabuu hawaasa lakkoofsaan bicuu yoo ta’u, qorannoo taasifameen, hawaansi afaan Caabuu dubbatu 600-1,000 akka ta’u tilmaamama.
Yunivarsitii Dabra Birhaaniitti barsiisaa gosa barnoota sirna-lugaa kan ta’an Kibaba Tsahaay (Dr) Afaan Cabuurratti MA isaanii kan hojjatan yoo ta’u, namoonni Afaanicha dubbatan 740 ta’u jedhan.
Dr Kibaban lakkoofsa hawaasa Cabuu baruudhaaf ‘‘manaa manatti lakkaa'uuf'' yaaluu dubbatu.
Kanaanis abbaa warraa 306 dubbisuuf yaalusaanii fi miseensota hawaasichaa Caabuudha jedhan 890 argachuu dubbatu.
Kan afaanicha dubbatan garuu 740 akka ta’e himu.
Caabuu ykn Tsabu eessa jiraatu?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Afaan Caabuu qorattoota sirna lugaa hedduu biratti hawaasa Shaaboo, isaan dura ammo Miikiiyar ykn ammo Saabuyee jedhamu waamamaa ture.
Miikiiyariifi Saabuyeen kan warra Mazhangar ittiin hawaasa afaanicha dubbatu waamuun ta’u himu Dr Kababan.
Maqaan Miikiyer jedhu kunis hawaasni Caabuu akka arrabsootti ilaalu.
Saabuuyee jedhanii ammalleen warri Mazhangar hawaasichi ittiin waamaa jiraachu himu qorataan kun.
Afaan hawaasichi bara dheeraaf dubbatus ta’e hawaasicha mataansaa Shaaboo jedhamee kan waamamaa ture yoo ta’u, tibba qorannoo isaaniitti Caabuu akka jedhaman qorataan kun mirkanneessaniiru.
Kunis maqaa hawaasichi ittiin of waamuudha jedhan.
Bosonni hawaasichi keessa jiraatu Caawwii, afaan isaanii ammo ‘Caawwii kaawu’ ( Afaan Caabuu) jedhamee waamama.
Miseensonni hawaasa kanaatis Naannoo Gaambellaa keessa kan jiraatu yoo ta’u, Godina Mazhangar keessa ammoo aanaalee Goodarree fi Mangashiitti argamu.
Aanaa Mangashiitti gandoota hedduu keessatti yoo argaman, Goodarreetti garuu gandoota lama keessa qofa jiraatu.
Naannoo kibba lixa Itoophiyaatti ammo Godina shakkaa, aanaa Andaraachaa keessatti gandoota Gayii, Shiraafi Shakkaa badoo jedhaman keessatti argamu.
Hawaaasichi kanaan dura adamoo, hundeewwan funaanuu fi kanniisa horsiisuun jiraata ture.

Madda suuraa, Kibebe Tsehay
Amma bosonni keessa jiraatan waan haphachaa dhufeef, misooma bunaafi kaaniif waan kennameef, hawaasichi gara jidduutti dhiibamaafi haala jireenyasaanii jijjiirrachuuf dirqamuu dubbatu.
‘‘Amma dirqiidhaan ollaadhaan walitti qabamanii jiraachuu eegalaniiru.’’
Hawaasichi durii kaasee boqqoolloo kan oomishu yoo ta’u, amma ammo goodarreefi hundee miitii jedhamu oomishu. Buna, shankooraafi muuziilleen oomishuu eegalaniiru.
'Afaan Caabuu badaa dhufeera'
Afaan tokko baduurra gahusaan agarsiisuuf ulaagaalee kaa’aman keessaa tokko, ijoolleen afaan ittiin hiikkatuu? Ta’u kan kaasan Dr Kibaban, miseensa hawaasichaas ta’e kan afaanicha hin dubbannee, akkasumas kan akka afaan lammataatti dubbatu jiraachu eeruun, ‘’afaancihi badaa jira’’ jedhu.
Qorataan kunis tibba qorannoo gaggeessanitti akka hubataniitti, ummattoonni gara biraa lafa qonnaa barbaacha gara naannoo warra Caabuu deemuun akka qubataa jiru fi hawaasichi gara naannoo biraatti imalaa jiraachu himu.
Kanneen bakkichatti argamanis afaan warra ollaa malee Afaan caabuu adda durummaan waan hin dubbanneef afaanichi balaa baduu mudateera jedhu.
Hawaasa kaan waliin walitti yeroo dhufani afaan hawaasa biraatti fayyadamu jedhu. Akkasumas ijoollee haaraan dhalatan keessaa kan afaan ittiin hin hikkeenneef waan hir’ataa jiruuf afaanichi badaa jiraachuuf agarsiiftuudha jedhan.
Akka ibsa qorataa kanaatti, ijooleen alaatti gaheessoonni luga daneessoota ta’u kaasuun, kun mataansaa afaanichi balaarra jiraachuf mallattoodha jedhu.
Hawaasni gara biraa Afaan Caabuu waan hin dandeenyeef, kaan waliin galuuf afaan saaniitti hin fayyadaman.
“Afaan tokko namoota dubbatan kuma 10-50 yoo qbaaate, dhugaatti balaarratti argama yoo jedhaamu, kan kuam tokko- kuma 10 dubbatu ta’e ammo balaa olaanaarratti argama jedhama. Yoo kan kuma 10 gadi ta’e ammo ‘du’aaf adeema jedhama’’ jechuun ibsa saayinsaawaa kaa’an.
Afaan caabuu kan barnoonni ittiin hin kennamneefi miidiyaa kamurratti hin dubbatamne ta’ef badaa jira jechuun akka danda’amu kaasu.
‘‘Afaan qabeenyaa biyyaa olaanaadha, yoo bade akka hambaan badeetti lakkaa’ama’’ jechuun, ‘’afaan haawaasa tokkoo sanada dudhaa, aadaa, falaasama, beekumsa barootaa, ogummaa, muuxannoo kan qabateedha’’ jedhu.
Kanaafuu hawaasni tokko afaansaa dhiisee yoo afaan hawaasa biraa dubbachu eegaluu, eenyummaa, dudhaa fi aadaa isaa dhiisee kan saba biraa fudhachun jiraata jechuun miidaa qabu dubbatu.
“Afaan tokko yoo badu akka waan kitaabooleen qaaliin mana kitaana guudda keessaa hedduun gubateetti lakkaa’ama.’’

Madda suuraa, Kibebe Tsehay
Caabuu-maatii Afaan Afriikaa durii
Afaan Caabuu waan afaanoota biyyattii keessaa kaaniin adda taasisu qaba jedhu qorataan kun.
Afaan kunis akka hayyoonni tokko tokko jedhaniitti, ramaddii Afaanii amma jiruun maatii afaanoota Afriikaa afur keessatti hin hammatamne.
Afaannoon Itoophiyaa kaan maatiidhaan: Kusheetiik, Seemeetiik, Afroo’esheetiik fi Naayiloo Saahaaraa jedhamuun ramadamu.
Maatiin Afaanii Afriikaa keessatti dubbataman kaan ammo, Kooyishaan fi Naayijar Koongoo kan jedhaman keessatti hammatamu.
Afaan caabuu garuu qorannoo hayyoota hedduun taasifameen, akka maatii afaanoota Afriikaattis ta’e addunyaa biraatti dubbatan keessatti hin hammatamne hubatamu himu Dr Kibabaan.
Dr Kibabaan akka jedhaniitti Caabuun kan ramaamu maatii Afaan shanaffaa keessatti jedhu. ‘‘Caabuun tari kan maatii afaan Afariikaa bade bakka bu’uudha jedhamee yaadama. Kaanfu baduun afaaniichaa ragaa hedduu dhabamsiisa.’’ Hawaasichi jiraattoota bosonichaa kan duraa ta’u malu jedhamee akka amanu kaasu.
Aadaa warra caabuu
Hawaasn Caabuu osoo akka har’aa bakka garaagaraatti faca’ee jiraachu hin eegaliin dura, argamnisaanii bosona Shakkaa jidduu akka ta’e amanu.
Waan adamoodhaan argatanis miseensa hawaasichaa waliin qooddatanii nyaachuun aadaa saaniti. Ammaan tana omisha kuduuraafi muduraa irratti hirmaachu eegalan illeen, gabaatti kan dhiyeessan garuu damma bosonaa qafa akka ta’e qorannoon ni mul’isa.
Haawaasni kunis hawaasa Shakkiichoo, Kafaa fi oromoo waliin wali fudhaanii jiraatu.
Hawaasa Caabuu biratti dubartoonni baayye kabajamoo ta’u kan himan qorataan kun, dubartii qoccoluun ‘‘du’a’’ hordofsiisa jedhu.
Dhiiroonni bosona Shakkaa keessa sochan warra kaan irraa miidhaan nurra gaha jedhanii yaadan illeen, dubartoonni garuu yaaddoo kanarraa bilisummaan akka socho’an dubbatama.
Waldhabdee cimaa keessatti dubartoonni adda dhorkuuf yoo seena, haalli waldhabdeen itti dhaabbatuufi qabanaa’u jiraachu dubbatu. Afaanicha irrattis yoo ta’e, caasaaleen kana agarsiisan jiraachu dubbatu.
Dhiiroonni hawaasichaa gadda cimaa kan ibsatan imimmaan dhangalaasuun osoo hin taanee ebboon adda saanii rukutuun amma dhiiga dhangala’uutiin jedhu.
‘‘Dhiirrii butee fuudhee yoo abbaa intalaa waliin araaramu, abbaan mukukkuula ibiddaa kaasee kan buteetti kennuun, lamaanu gubachaa qabatanii gubaa sanaan araarri bu’a’’ jedhu.
Dhiirri Caabuu fedhii dubartii malee quunnamtii saalaa raawwachu hin danda’u. Shimala haadha warraasaatiif diriirse yoo fudhattee qofaadha quunnamtiidhaaf hayyamamtuu ta’u kan beeksiiftu.
Aadaa duriitin dubartiin Caabuu akkuma ulfaa’u barteetti, hanga deessee mucaan miilaan deemuu eegaluutti abbaan warraa manarraa fagaatee deema ture.
Abbaan warraa yeroo manarraa fageetee turuutti foon adamoon argatee haadha warraasaatiif kan ergu yoo ta’u, dubartiin ulfa taatee sunis hundeewwan soorataa qofaashee turti.
Aadaan kun amma badaa kan dhufe yoo ta’u, garuu tibba ulfaatti quunnamtiin saalaa omaatuu akka hin raawwatamne abbootiin hawaasichaa ni dubbatu.












