Afaan jecha 'lakki' jedhu hin qabne beektuu?

Himaa Kusunda

Madda suuraa, Eileen McDougall

Afaan Neeppaalitti dubbatamu Kusundaa jedhamu jecha ‘’lakki ykn eeyyee‘’ jedhu hin qabu. Kana malees waan adda godhu biroos hedduu qaba.

Namni afaan Kusundaa sirriitti dubbachuu danda’u tokko qofaatu dachee kanarratti hafe.

Amma garuu ogeeyyiin afaanicha baraaruuf dhama’aa jiru.

Shamarreen ganna 18 Himaa Kusundaa jedhamtu mana barnootaa iddoo barattoonni bulan qabu tokko keessatti afaan dhaloota ishee kana barataa jirti.

Himaan, hawaasa ganamaa walakkeessaa Neeppaal keessa bittimee jiraatu fi afaan Kusundaa dubbatan keessaa tokkodha.

Afaan Kusundaa kun addadha, afaan addunyaarratti argaman biroo waliin hidhata hin qabu jedhamee amanama.

Ogeeyyiin xiin-qooqaa afaanichi akkatti jalqabe sirnaan hin beekan.

Afaan kun waan adda isa godhu hedduullee qaba, isaan keessa tokko kallattiin agarsiisuuf jecha ittiin ibsamu dhabusaati. Kana qofayyuu miti, jecha ‘’eeyyee ykn lakkii‘’ jedhus hin qabu.

Akka ragaa lakkoofsa ummataa Neeppaal bara 2011 bahe agarsiisutti, dhalattoota Kusundaa 273'tu lubbuun jira ture.

Haa ta’uu malee, dubartii umriin ganna 48 Kamalaa Kaatirii jedhamtu qofaatu Afaan Kusundaa sirriitti dubbachuu danda’a.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hawaasni Kusundaa Neeppalitti hawaasa moggaatti dhiibamanii fi hiyyeeyyiidha.

Yeroo amma kanatti harki caalaan dhalattoota Kusundaa Dhiha Neeppaal bulchiinsa Daang jedhamtu keessa jiraatu.

Daang, naannoo tulluu itti heddumatuu fi mukkeenin haguumame, hurriin lafa dhoksuufi miidhaan akka nuugii daraaraa keelloo qaban itti oomishamudha.

Komishiinin Dhimma Afaanii Neeppaal Afaan Kusundaa badiirraa hambisuuf bara 2019 iraa kaasee barsiisaa jira.

Mootummaan biyyattii Himaa fi ijoollee hawaasa Kusundaa biroof maallaqa kaffaluun mana barnoota bultii addaa Mahindiraa Daang keessatti banuudhaan akka baratan gargaaraa jira.

Himaan mandara baadiyyaa handaara Daangitti argamtu keessaa kan baate yoo ta’u, Afaan Kusundaa erga barachuu eegaltee waggaa lama guuteera. Amma dubbachuu eegaltetti.

‘’Mana barnootaa Daangitti argamu kana otoo hin dhaqiin dura Afaan Kusundaa homaa himn beeku ture,’’ jette.

''Ergan daladheeyyuu hin beekuun ture, amma Afaan kana baruu kootti nan boona,’’ jette.

''Afaan Kusundaa eeguun anafis ta‘ee namoota biroof gaarii'' jette Himaan.

Hawaasni Kusundaa hanga walakkeessa jaarraa 20ffaatti gariin-horsiisee bultoota kan turan yoo ta’u, Dhiha Neeppaal jiraataa turan.

Hawaasni kun simbirroota adamsu, lootuu qabu, hundee biqiltuuwwan akka jinjibilaa fakkaatanii fi foon magaalota dhiyeenyatti argamanitti gurguruun jiraatu.

Dubartii afaan Kusundaa sirriitti dubbachuu dandeessu tokkitti hafte Kamalaa Kaatirii jedhamtu

Madda suuraa, Eileen McDougall

Mandara amma keessa jiraatan keessatti ammas Ban Rajas ykn ''mootii bosonaa'' jedhaniitu of waamu.

Haata’u malee, ummannii Neeppaal dabalaa adeemuu hordofee qonni bosona mancaase iddoo jireenya hawaasa Kusundaa miidhe.

Bara 1950 irraa kaasee mootummaan lafa bosona gurguddaa qabeenya biyyaalessa gochuun ittuu jiruu hawaasa horsiisee bulaa kanaa miidhe.

Hawaasni Kusundaa iddoo tokko qubatanii qonnaa fi hojii humnaa irratti xiyyeeffatanii jiraachu itti fufan.

Miseensonni hawaasa Kusundaa harki caalaan saboota ollaa jiranitti gaa’ilaan dabalaman.

Sana booda hundi isaanii sadarkaa jedhamuun danda'amun afaan dhalootaa isaanii dubbachuu dhiisan.

Hawaasa Kusundaaf afaan isaanii dhabuu jechuun haala duraan keessa turan akka dagachuutti ilaalama, kana qofaa miti, eenyuummaa isaaniillee dagachuudha.

Qorattoonni afaanii dhiyeenya kana akka ibsanitti, afaan Kusundaa naannoo Himaaliyaa warreen Baarmaa Tibeet fi qomoon Indoo-Ariyaansi otoo hin qubatiin dura afaan hawaasa ganamaa naannichatti dubbatamaa ture akka ta’e amanu.