Itoophiyaatti afaan namoonni shan qofti dubatan -Ongotaa

Afaan namoonni shan qofti dubbatan Itoophiyaa keessa jiraachuu beektuu?
Afaanichis Ongotaa yoo jedhamu, namoonni dubbatanis Guyahoo Qorayuu, Geedaa Qawulanaa, Hidaa Qorayuu, Gumboo Qawulaa fi Gomboo Qaaroo kan jedhaman.
Lagni Wayixoo sab-lammii Biraahileef bu’uura jireenya isaaniiti.
Warri Biraahilee qurxummii laga Biraahillee fi fuduraalee lagicha qarqara dhaaban sooratu.
Ammatti naannichi gogiinsaan hubameera.
Lagni Wayixoo goguutti dhiyaate, kanarraa ka'uun waanti nyaatan isaan rakkise.
Horsiisni kannisaa fi qonni isaanii jalaa xiqqaate. Laga Wayixoo qofa otoo hin taane, afaan isaaniis baduuf qarree gaheera.
Afaan warra Biraahillee Ongotaa jedhama. Ongotaan Afaan namoonni shan qofti ittiin waliigalanidha.
Afaanicha namoonni dubbachuu hin dandeenyee ni gargaarra kan jedhan jiru.
Namoota afaanicha dubbatan keessaa tokko kan ta’e Gamboo Qaaroo, ijoolleen naannichatti dhalatan afaan sab-lammii Tsahamayikoon dubbachuurratti xiyyeffatan jechuun BBCtti himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kanaaf sababni ijoon horsiise bultoonni Biraahillee gara Tsamaayi fi naannoo ollaa wayita deemaniitti afaan Tsamayikoon waan dubbataniif jedhu.
‘’Ijoolleen asitti dhalatan afaan Tsamayikoon baran. Nutis warra Tsamayikoon fuudhuu eegalle. Isaanis nurraa fuudhu,’’ jedhan Gamboon.
Kanatu namoota afaanicha dubbatan xiqqeesse jedhan.
Ijoollee isaanii afaanicha barsiisuu barbaadu garuu jechoota muraasa barsiisuurra hin darbine.
Ijoolleen keenya afaanichi baruu barbaadu, ittiin haasofna jedhu.
Bodaan, ilma Geedaa Qawulooti. Geedaa Qawuloo ammooo namoota shanan afaanicha dubbatan keessaa tokkodha.
Bodaan afaan Tsamaayikoon afaan hiikkate. Jechoota Ongotaa muraasa qofa beeka.
Bodaan Naannoo Kibbaatti miseensaa gumii aadaa yoo ta’u, afaan Ongataa abbaasaarraa barateen sirba Biraahillee sirba.
Yeedaloo weedduu yeroo gaddaa fi gammachuu hawaasichi itti gargaaramu sirbuurra kan darbe qabiyyee walaloo sirbichaa sirnaan hin beeku.
Haati Bodaa miseensa sablammii Tsamahoo yoo taatu, ‘’afaanicha barachuun barbaada, akkamittan bara? Afaan ittin afaaan hiikkanne Tsamahoo ta’eera,’’ jette.
Warroo Molee, miseensa sablammii kanaa yoo ta’u, innis afaan Ongataa baayyee dubbachuu hin danda'u.
Obbo Moleen afaanicha sirnaan kan dubbatan yoo ta’u, A.L.I bara 1999 du’an. Yeroo sanatti lakkoofsi namoota afaanicha dubbatanii kan amma jiran caala ture.
‘’Amma dargaggeessi afaanichi na fayyada jedhee amanu hin jiru,’’ kan jedhu Warroon, afaan Ongataa baruuf yaalaa jira.
Yuunvasiitii Arbaamincitti Gargaaraa Pirofesaraafi Daarektaran Dhaaabbata Qo’annoo Afaanii fi Aadaa kan ta’an Sa’iid Ahimad, dhiibbaa afaan Tsamahikoorra irra gahuun lakkoofsi namoota afaan Ongataa dubbatanii xiqqaata adeeme jedhan.
Dr Sa’iid akka jedhanitti, bara 1999 lakkoofsi namoota afaanicha dubbatanii 15 ta’uu qorannoo gaggeeffame wabeeffatanii dubbatan.
Bara darbe qo’annoon gaggeeffame lakkoofsi namoota afaanicha dubbatanii torba ta’uu akka eeru Dr Sa’iid himaniiru.
‘’Barana qorannoo gaggeessineen, namooonni afaanicha dubbatan dubartoota lamaa fi dhiirota sadii,’’ jedhan.
Namooti afaanicha dubbatan shanan eenyu fa’i?
Odeeffannoo Televizyiniin Naannoo Kibbaa dhihoo kana baaseen dhalattoonni saba Biraahilee lakkoofsi isaanii waliigalaa 365 dha.
Tahus kanneen keessaa warreen afaan hawaasa kanaa dubbatan namoota shanan qofa dha.
Afaan Ongootaa kan dubbatan dubartoota lamaafi dhiirota sadii yoo tahan isaanis firooma qabu.
Lameen isaanii obbolaa yoo tahan, kanneen lameen immoo obboleessaa fi obboleettii dha.
Guyyaa’oo Qoraayoo: kanneen afaanicha dubbatan keessaa umriidhaan kan caalan isaani. Umrii isaanii sirriitti beekuu baatanillee 80 akka tahu tilmaamu. Guyyaa’oon jaarsa saba kanaatis.
Geedaa Qaawulaa: Umriin isaanii 70 akka tahu tilmaamu.
Idaa Qooraayoo: Obboleessa Guyyaa’oo yoo tahan wajjin jiraatu, isaaniis akka Waroon jedhutti umriinsaanii 60 taha.
Gomboo Qaawulaa: Umriin isaanii 50 akka tahu ni tilmaama, obboleetti Gedaa dha. Obbolaan kuni iddoo Guyyaa’oon fa’i jiraatanirraa addatti kan jiraatan tahus firooma gaa’elaa qabu.
Gomboo Qaaroo: Kanneen afaan kana dubbatan keessaa umriidhaan isaan xiqqoo dha. Nama ganna 45 dha. Geedaa Qaawulaa fa’i wajjiin firooma qabu.
Gomboo Qaaroon akka naannoo sanaatti nama qabeenya fooyya’aa qabani dha. Ree’ee fi sangaa lama qabu.
Warri hafan garuu hongeen itti hammaattee deeggarsa qamadii mootummaafi muuzii hin bilchaane hamma soorachuu namoota gahani dha.
Kanaafi Dr Sa’iid namoota kunneeniif haala adda taheen wabiin nyaataa akka mirkanaa’uuf kan gaafatan.
Afaan Ongootaa bada oolchuun danda’amaa?
Gaaffii kanaaf deebiin Dr Sa’iid Ahimad ‘’eeyyee ni danda’ama’’ kan jedhu dha. Garuu yeroonsaa gabaabaa waan taheef saffisaafi ‘’xiyyeeffannoon addaa’’ barbaada jedhu.
Tahus hawaasni kuni hongee naannicha jiruun balaarra waan jiruuf afaansaa dura lubbuu namootaa baraaruun dursuu qaba jechuun ibsu.
‘’Mootummaas tahe qaamonni kaan namoonni kunneen lubbuun akka turan yoo nuuf godhan afaanichi carraan itti deebi’u jira.’’
Afaan baduu jala gahe kana baraaruuf Yunivarsiitiin Arbaaminci hojii jalqabuu himan.
Yunivarsiitiin kuni afaan Gi’iizii akka fakkeenyaatti fudhachuun afaanicha baraaruu irratti hojjechaa jira.
‘’Gi’iiziin amma bataskaan qofa keessatti dubbatama. Namni Gi’iiziin afaan hiikkatu hin jiru. Kana fakkeenya godhachuun namoota shanan kana barnootaa bu’uraa kennuun hawaasa isa hafe akka barsiisan gochuuf yaadaa jirra,’’ jedhaniiru.
Gama biraan afaanicha yoo dubbachuu baatanillee ni dhageenya namoonni jedhan jiraachuun immoo abdii guddaa dha. ‘’Hawaasa kanarratti jijjiirama yaadaa fiduu,’’ daa’imman afaan akka itti hiikkatan gochuun akka danda’amu dubbatu.
‘’Waan lafarra bu’e hin argine malee afaan kana qorachuun saba kanaaf waan haaraa akka hin taane,’’ jiraattoonni naannoo BBCtti himaniiru.
Gomboo Qaaroom namoonni ‘afaan kana qo’anna’’ jedhan yeroo yerootti gara naannoo isaanii akka dhufan dubbatu.
‘’Faranjoonni ni dhufu, yunivarsiitii mootummaa irraa dhufu. Garuu hamma yoonaa qorannoon isaanii maalirra akka gahe namni nutti hime hin jiru. Deebinee dhufan jedhanii achumaan hafu,'' jedhu.
Ayyaana Biraahilee irraanfatame ‘Wagee’
Sabooti Biraahilee Naannoo Kibbaa godina Oomoo aanaa Banaatsabaayi keessa jiraatu.
Sabni Biraahilee sabaafi sab-lammoota iddoo garaagaraa irraa dhufaniin kan hundaa’e tahuu Gomboon waan akaakilee isaaniirraa dhagahan dubbatu.
Saboota Naannoo Kibbaatti argaman Tsamaayi, Gamaalee, Gamaadaa akkasumas Oromiyaa Booranaa irraa sababa garaagaraan namoonni godaanan laga Musee jedhamu cinatti walitti qabamuun hawaasa kana hundeessuu himan.
Sana boodas afaan Ongootaa waliigalteef barootaaf itti fayyadamaa turaniiru.
Sabooti Biraahilee akkuma sabaafi sablammiilee naannichaa biroo ayyaana waggaa haaraa qabu turani.
Gomboo, Waroo fi Bodaan akkatti ayyaanni waggaa haaraa kabajamaa ture dubbatu.
Muka Eelleebaa jedhamu jalatti walitti qabamu. Boqolloo Boordee fi Araqeetu dhiyaata. Reettiin qalamti. Nyaatamee dhugameetu eebbisu. Achiin ‘’Wagee, wagee’’ jedhamaati faarfama.
Ayyaanni kuni garuu erga kabajamee amma waggaan kudha jaha darbeera.
Ayyaanni saba kana yeroo dhumaaf yeroo kabajamu ijoollee ganna 10 kan ture Boodaan waan yaadatu dubbata,’’miseensonni hawaasaa midhaan isaaniif gaheeru nyaachuun dura fiixee, fiixeesaa qaqqabatanii dhufu. Achiin miya mukarraa hojjetame irratti walitti qabama.Erga eebbi kannameen booda asheetni nyaatama,’’ jedha.
Tahus hawaasa kana keessatti dhageettii guddaa kan qaban eesumni Waroo erga du’aniin booda, namni walitti qabu dhibanaan, akkasumas haalli jireenyaa geeddramuurraan namni walirraa fagaatee ayyaanni kuni seenaa tahee hafe jechuun gaabbiidhaan BBCtti himeera.
Waroofi Bodaan aadaafi afaan isaanii akka jaalatan, barachuu akka barbaadan himu. Fedhiin hiryyoota isaanis kanuma.
Waroon, ‘’afaan keenyi yoo hin jiraanne sabni keenyi hin jiraatu. Afaan keenya balaarra jira. Du’aa jira, afaan kana beekuu dhabuukootti baayyee natti dhagahama,’’ jedha.
Gomboo Qaaroo fi kanneen hafan afaan kana ijoollee isaanii afaaniifi aadaa isaanii barsiisuuf qophii tahuu ibsaniiru.
Qorannoo yeroo yerootti taasifamuun alatti dhalooti Gomboofi Bodaa akkamiin afaan kana akkamiin haa fufsiisan kan jedhu ammallee gaaffiidha.












