Garee basaastotaa bulchiinsa Raashiyaa jala taa'uun Yukireenif odeeffannoo kennan

Nama Suura kaasu

Gareen basaastota Yukireen waraana Raashiyaafi Kirimiyaa, oddoola Raashiyaan Yukireen irraa fudhatte, keessa taa'un Yukireenif basaasan kun 'Atesh' jedhamuun beekamu. Atesh jechuun afaan saba Taatar warra Kirimiyaa keessa jiraniin 'abidda' jechuudha.

Miseensa garee kanaa keessa tokko kan ta'eefi BBCtti dubbate dhoksaan sochii waraana Raashiyaa hordofuun suura kaasa.

Maqaasaa Ejant Waan (Agent One) jennee waamna. Akkamitti icciitin waraaana Raashiyaa Kirimiiyaa keessa jirurratti basaasu BBCtti himeera.

"Maal hojjachuu akkan qabu, akkamitti kan jedhu, yoon qabame deebii maal akkan kennuufi daandin irra bahuu qabu torban lamaaf taa'en itti yaade," jedha.

Ejant Waan suurawwan garaa garaa kaasun Yukireenif erga. Guyyaa heddus ija humnoota nageenya Raashiyaa keessa seenun toluma Waaqaa akka bahe hima.

Atesh, gareen tikaa Yukireenif basaasu, kun Kiriimiyaa irratti xiyyeeffatee sochii waraana Raashiyaarratti odeeffannoowwan garaa garaa akka sassaabu hima.

Kirimiyaa qofa osoo hin taane Raashiyaa bakkeewwan heddu seenun odeeffannoo sassaabun haleellaa Yukireen gaggeessituuf haala mijeessuu hima.

Basaastonni kun akka jedhanitti haleellaa gurguddaa kanneen akka haleellaa doonii waraana Raashiyaarratti gaggeeffamee, buufata xayyaaraa Rostov-on Dov fi haleellaa ji'a Fulbaanaa keessa humna galaana Raashiyaa Galaana Gurraacharratti gaggeeffameef odeeffannoon isaan kennan Yukireen gargaarera.

Torbeedhuma kana Yukireen buufata raadaarii Raashiyaa Yevpatooriyaatti argamurratti haleellaa gaggeessuu hordofee miidhaa qaqqabes qorachuu hima gareen Atesh kun.

Kanneen miidiyaa hawaasarratti waraana Raashiyaa deeggaruun barreessan ammoo tika Yukireentu piroppaagaandaf maqicha marsaa hawaasaa irratti uume malee qabatamaan lafa akka hin jirre falmu.

Gama biroon ammoo miidiyaalen Raashiyaa, Atesh dhaabbata shororkeessaa akka ta'etti ibsu.

'Uummanni Kirimiyaa calliseetuma Raashiyaaf kan bulu miti'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Karaa appilikeeshiniiwwan ergaa gabaabaatiin BBCn namoota miseensa Atesh ta'an shan wajjin qunnamtii taasiseera.

Namoota kana keessaa tokko miseensa waraana Raashiyaa akka ta'e hima.

Dubbiisaanii kana sobaaf dhugaasaanii isaanirraa adda baasun rakkisaa ta'us, Humni waraana Yukireenifi tajaajilli tikaa Yukireen namoonni kun dhuguma Yukireenif akka basaasan BBCf mirkaneessan.

Namoonni kun BBCtti dubbachuuf kan fedhan Kirimiyaa keessa sochiin Raashiyaa mormu qabatamaan jiraachuu agarsiisufi.

"Uummanni Kirimiyaa 'zoombii' [kan akkasumatti of gatee jiraatu] miti, dammaqinaan mormuufuu qophaa'odha," jedhan Ejant Waan.

Loltuu Raashiyaafi miseensa garee Atesh, kan Yukireenif basaasuu, kan ta'e hojiinsaa kun balaa guddaa akka qabuufi of-eeggannoon hojjatu BBCtti hime.

Loltuu Raashiyaa kana Ejant Faayif (Agent Five) jennee waamne. "Waan hundumaa of-eeggannoo guddaan gochuu qabda, dogoggora hojjachuun tasuma hin fudhatamu," jedha.

Raashiyaan waggaa saddeet dura bara 2014 Kirimiyaa Yukireenirraa fudhattee ofitti makte.

Sabaan Raashiyaa kan ta'an kanneen Kirimiyaa jiraatan keessaa harka guddaa qabu.

Haa ta'u garuu, lammiilen Yukirenifi sabni Taatar hangaan xiqqaa ta'an Kirimiyaa keessatti hafaniiru.

Suura xayyaara waraanaa

BBCn garee Atesh kallattiin qunnamuun nama Yukireen keessa taa'ee kana qindeessu dubbiseera.

Namoonni kun tika Raashiyaan akka hin hidhamneef eenyummaasaanii hin ibsan.

"Tikni Raashiyaa eenyumma miseensota [garichaa] adda baasuf yeroo hunda dhama'u," jedha namni biraa BBCn Ejant Tuu (Agent Two) jedheen.

Namoonni kun hojiisaanii maatii itti dhiyaatanittuu hin himan.

'Akka Raashiyaa callisneetuma hin dhukaasnu'

Namoonni BBCn dubbise kun Yukireenif odeeffannoo tikaa kan kennaniif Mooskodhaan waan mormaniif akka ta'e himu.

Waa'ee ittisa haleellaa qilleensarraa, iddoo kuusaa meeshaalee waraanaaa, buufata waraanaa sochii loltoota Raashiyaa hordofuun Yukireenif odeeffannoo kennu.

Namoota shanan kana keessaa 'Ejant Tuu' kaffaltuu homaatuu Yukireen irraa akka hin arganne, garuu baasii baase kanneen akka boba'aa konkolaataa fa'aa akka bakka bu'uuf hima.

Qaamni tikaa biroo National Resistance Centre jedhamu bajata mootummaa Yukireenin kan hojjatu yoo ta'e garee Atesh waliinis ni hojjata. Qaamni tikaa kun akka jedhutti Atesh piroppaagaandaa osoo hin taane odeeffannoo tikaa murteessoo ta'an Yukireenif kennuun halaallen akka raawwatu gargaara.

"Haleellan misaa'elaa Storm Shadow ykn Himars baay'ee qaalidha. Nuti akka Raashiyaa meeshaa waraanaa callisneetuma hin dhukaasnu. Odeeffannoo argannu adda baafachuu qabna," jechuun BBCtti dubbate dubbi himaan National Resistance Centre akka eenyummaansaa hin baramneef fuulasaa dhoksee.

Suura helikoptaroota waraanaa

Ejant Tuu fageenya km100 imaluun buufata waraana Raashiyaa akka basaasu hima. Erga bakkicha gahee booda dallaa dhiphoo keessan dhokatee meeshaalefi konkolaattota waraanaa Raashiyaa suura kaasa.

"Yeroo akkasii baay'ee sitti tola, akkasumas lapheen kee si dhahata," jedha.

Erga buufata waraana Raashiyaa deemee odeeffannoo sochii waraana Raashiyaa Yukireenif ergee guyyoota muraasa booda Yukireen haleellaa milkaa'aa raawwachuu akka dhagahes hima.

"Yeroon itti baay'ee gammadu yeroo kanaadha," jedha odeeffannoon tikaasa bu'aa buusuu gaafa baru.

Raashiyaan Galaana Gurraacharraa akka gadi dhiiftu dhiibbaa gochuu

Yukireen haleellan isheen deebitee daangaa Raashiyaan jalaa qabatte harkaa baasuf gochaa turte milkaa'uu baatus, haleellan Kirimiyaatti diroonifi misaa'elaan taasiftu milkaa'eraaf.

Raashiyaan dooniwwan waraanaa Kirimiyaa qubsiisun Galaana Guraacharratti dhiibbaa guddaa gooti. Yukireenis xiyyeeffannoonshee lafa tarsiimawaa Raashiyaan itti dhimma baatu haleeludha.

Suurawwaan saatalaayitii akka agarsiisanitti, haleellan Yukireen gaggeessitiu Raashiyaan dooniwwanshee Sevaastooppol irraa gara buufata doonii Noovorosiskitti geessiteetti.

Namoota shanan BBCn dubbise keessa Ejant Foor ammoo, "Yeroo heddu bu'aa hojii keenyaa ni argina" jedha.

Yeroo tokko tokko hatattamaan suura tokko ykn lama kaasa. Yeroo kaan ammoo yeroo dheeraf naannicha to'ata.

Namoonni kun shananuu qophaasaanii akka hojjataniifi nama isaan gaggeesuf akka gabaasan BBCtti himan.

Gareen basaasaa Atesh Raashiyaa basaasuu kan eegale, erga Raashiyaan bara 2022 humnaan Yukireen weerartee booda.

Gareen kun namoota muraasan eegalee amma namoota Yukireenif odeeffannoo kennan kumaan lakkaa'aman horateera.

Miseensa garee Atesh ta'uuf waadan ykn kakuun isaan galan bara 2022 Telegiraamii irratti maxxanfamee ture: "Sochii Atesh gaggeessufi Yukireenif loluuf dhiigafi lafee kootin nan kakadha" kan jedhuudha.