Barri 2023 biyyoota Lixaaf bara gaarii hin turre

Madda suuraa, Reuters
Barri faranjootaa 2023 dhume kun US, Awurooppaafi biyyoota dimokiraasin bulu jedhaman biroof waltajjii siyaasa idil-addunyaarratti yeroo gaarii hin turre- bara hamaa yoo ta'uu baates.
Ilaalchifi madaalli aangoo addunyaa US'n durfamu, kan biyyoonni Lixaa kaan duuka hiriiran, kan itti qorameedha.
Barri darbe kun kallattii hedduun fedhii biyyoota Lixaaf gaarii hin turre. Qabxiiwwan ijoon armaan gadii barichi biyyoota Lixaaf gaarii hin taanefi carraan isaan ammayyuu itti fayyadamuu danda'an agarsiisu:
Waraana Yukireen
Waraanni Baha Awurooppatti gaggeeffamaa jiru Yukireenif bara gaarii hin turre. Kana jechuun NATOfi Gamtaa Awurooppaa (EU) kanneen Yukireen diinagdeefi deeggarsa meeshaa waraanaa dolaara biliyeena hedduun utubaniif akkasuma gaarii miti jechuudha.
Bara darbe yoona, Yukireen leenjiifi deeggarsa meeshaalee waraanaa ammayyaa argatteen daangaashee heddu Raashiyaa harkaa ni baafatti kan jedhee NATO'n abdataa ture. Suni garuu hin taane.
Rakkoo guddaa kan ture yeroodha. Biyyoonni miseensa NATO ta'an meeshaalee waraanaa kanneen akka taankii Biriiten Chaleenjar 2 fi kan Jarman Li'oopard 2 jedhaman fa'aa Yukireenif yoo kennine Raashiyaa wajjin walitti nu buusa kan jedhu yeroo dheeraa fudhatanii itti yaadaa turan.
Dhumarratti taankiwwan Yukireenif kennamanii ji'a Waxabajjii keessa adda waraanatti yoo bobbaafaman, ajajoonni waraanaa Raashiyaa haleellan Yukireen kallattii kamiin akka ta'u dursanii adda baafatanii itti qophaa'aniiru.
Biyyoonni Lixaa kun Yukireen meeshaalee kennineef fayyadamtee karaa Galaana Azoovin sarara ittisaa Raashiyaa bakka lamatti kuttuun Kiriimiyaa Raashiyaarraa adda kutti kan jedhu yaadanii turan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Raashiyaan bara 2022 yeroo magaala guddoo Yukireen kan taate Kiyiiv qabachuuf yaaltu dadhabina agarsiisuu malti, garuu loltoonni Raashiyaa ittisuurratti cimina guddaa agarsiisaniiru.
Loltoonni Yukireen birgeedin heddu jalqaba bara 2023 irraa kaasun UKfi biyyoota Awurooppaa garaa garaatti leenjii fudhatan, Raashiyaan ammoo baha Yukireenitti seenaa ammaayyaa keessatti bifa ta'ee hin beeknen dahannoo ittisaa wal-xaxaa ta'e ijaaraa turte.
Fanjii farra taankii, fanjii loltuu, dahannoo gosa garaa garaa, dirooniifi artilarii qopheeffachuun Raashiyaan haleellaa Yukireen daangaa bilisa baasuf karoorfaffe fashalsite. Kanarraa kan ka'e, loltoonni Yukireen haleellaa gaggeessurraa gara ofirraa ittisuutti deebi'aniiru.
Gama biroon ammoo deeggarsa dolaaara biliyeena 50 Baayidan Yukireenif kennuuf jedhan kongiresiin jalaa qabeejira; akkasumas deeggarsa Yuuroo bilyeena 50 Gamtaan Awurooppaa Yukireenif kennuuf ture miseensa gamtichaa kan taate Hangariin hin ta'u jechuun jalaa qabdee jirti. Kuni ammoo hanqinni rasaasa meeshaalee waraanaa Yukireen akka mudatu taasiseera.

Madda suuraa, Reuters
NATO'n deeggarsa meeshaalee waraanaa Yukireenif kennuun hanqinni meeshaalee waraanaa mudateera. Gama biroon ammoo biyyoonni miseensa NATO ta'an kanneen akka Lativiyaa, Istooniyaa, Lituweeniyaa fa'aa Yukireen waraana kanaan yoo mo'amte Puutin waggaa shan keessatti isaanis weeraruu akka danda'u sodaa qabu.
Vilaadimir Puutin
Pirezidaantin Raashiyaa Vilaadmir Puutin Yukireen weeraruun yakka waraanaa raawwatan jechuun Manni Murtii Yakka Idil-addunyaa Heeg jirutti Bitootessa 2023 himatamanii turan; kanaaf Puutin nama yakkaan barbaadamaniidha.
Puutin Mana Murtii Yakka Idil-addunyaatin nama barbaadamaa ta'uunsaanii fudhatamni isaanii gadi bu'a kan jedhu biyyoonni Lixaa hawwii guddaa qabu ture.
Raashiyaan ala yoo deeman ni hidhamu kan jedhus eegamaa ture; suni garuu hin taane.
Erga himanni irratti banamee Puutin biyyoota akka Kirgistaan, Chaayinaa, UAE, Saawudii Arabiyaa, fa'aatti haala hoo'an simataman. Akkasuma wal-gahii BRICS karaa onlaayinii hirmaataniiru.
Biyyoonni Lixaa diinagdee Raashiyaa ni laamshessa jedhanii kan yaadan qoqqobbii garaa garaa irra kaa'anis, Raashiyaan biyyoota akka Chaayinaafi Kaazaakistaan waliin michummaashee cimsuun diinagdeeshee baraartetti. Biyyooni Lixaa gabaa boba'aa Raashiyaa kuffisuun bituu didanis Raashiyaan gabaa biraa argattee itti gurgurataa jirti.
Raashiyaan Yukireen weeraruun daangaa Yukireen humnaan qabachuun biyyoota Lixaa biratti waan hamaafi balaafamaa ta'ee fudhatamus, addunyaan biraa garuu isaan waliin Raashiyaatti hin duulle.
Biyyoonni biroo baay'e, kana akka rakkoo Awurooppatti ilaalu. Kaansaanii inumaayyuu Raashiyaan akka waraana bantu kan godhe NATOdha jechuun komatan.
Waraana Gaazaa
Waraanni Israa'elifi Hamaas lammiilee Gaazaa hundaafi lammiilee Israa'el gaafa Hamaas haleellaa bane miidhamaniif waraana balaafamaadha. Akkasumas biyyoota Lixaaf waraana hamaadha.
Waraanni Gaazatti bara 20123 keessa eegale xiyyeeffannoo biyyoota Lixaa waraana Yukireenirraa gara Gaazaatti deebiseera. US meeshaalee waraanaa Yukireenif erguu caala Israa'elif erguu akka caalchifattu godheera.
Biyyooni Musliimaa fi kaan Gaazaan akka mancaatuf biyyoonni akka US fi UK fa'aa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Israa'el deeggaraniiru jechuun komatu.
Waraanichi amma gara Kibba Galaana Diimatti babal'achuun hidhattoonni Huutii Iraanin deeggaraman haleellaa diroonifi misaa'elaa dooniwwan Galaana Diimarra imalan irratti raawwataa jiru.

Madda suuraa, EPA
Iraan
Iraan boombii niwukularaa dhoksaan hojjataa jirti jechuun biyyoonni Lixaa ija irraa hin buqqifatan. Isheen garuu, gabbisa nikularaa ijaartu anniisaaf malee meeshaa waraanaf miti jechuun haalti.
Biyyoonni Lixaa Iraan addunyaarraa qoollifachiisuf yaalii godhanis, isheen garuu biyyoota akka Iraaq, Sooriyaa, Libaanos, Yaman akkasumas Sulula Gaazaa keessatti harka waraanaashee dheereffatteetti. Bakkeewwan kanneenitti milishoota leenjisuun maallaqaan deeggarti.
Bara kana ammoo addumatti Mooskoo waliin hidhata cimsatte. Dirooniwwan "Shahiid" jedhaman heddu Raashiyaaf dhiyeessaa turte. Raashiyaanis dirooniwwan Iraan fayyadamuun miidhaa guddaa Yukireen irraan gahaa jirti.
Biyyoota Lixaa heddu biratti akka yaaddoo nageenyatti kan ilaalamtu Iraan Baha Giddu-galeessaa keessatti akka qaama kaayyoo uummata Filisxeemif falmuutti of dhiyeessun waraana Gaazaa irraa fayyadamteetti.
Fonqolchawwan Afrikaa naannoo Saaheelitti gaggeeffaman
Biyyoonni Lixa Afrikaa naannoo Saahel ta'an wal-duraa duuban fonqolcha mootummaa gaggeessun loltoota biyyoota Lixaa hidhattoota Islaamaa loluuf achi turan of keessaa hari'aniiru. Kuni biyyoota Lixaaf bara kana oduu gaarii hin turre.
Biyyoonni gita bittaa Faransaayi jala turan kanneen akka Maalii, Burkiinaa Faasoo, Rippaabilika Afrikaa Giddu-galeessaa fonqolcha gaggeessun biyyoota Lixaatti dugda galan.
Niijerittis baruma kana loltoonni pirezidaantii michuu biyyoota Lixaa ta'e irratti gonqolcha gaggeessun aangoo qabatan.
Loltoonni Ameerikaa 600 ta'an Niijer keessatti hafanis, loltoonni Faransaayi biyyattii keessaa akka bahan godhamaniiru.

Madda suuraa, Reuters
Biyyooni Afrikaa fonqolcha gaggeessan kun hedduunsaanii loltoota biyyoota Lixaafi humna nagaa kabachiisaa achi turan baasun hidhattoonni Raashiyaa kan garee Waagnar jedhamuu bakkasaanii akka bu'an gochaa jiru.
Gama biraan ammoo, michuu biyyoota Lixaa jedhamuun kan beekamtu Afrikaan Kibbaas Raashiyaafi Chaayinaa wajjin shaakala humna galaanarraa taasisteetti.
Kooriyaa Kaabaa
Kooriyaan Kaabaa sababa meeshaalee nikularaa dhorkamaa ta'eefi sagantaa gabbisa bilaastik misaa'elii taasiftuuf qoqqobbii idil-addunyaa jala jirti.
Garuu bara kana Raashiyaa wajjin hidhata cimaa uumtee jirti. Inumaayyuu gaggeessan Kooriyaa Kaabaa Raashiyaatti daawwannaa taasiseera. Akkasumas Kooriyaan Kaabaa rasaasa artilarii miliyeena tokko Raashiyaaf kenniteetti jedhama.
Kooriyaan Kaabaa bilaastik misaa'eliiwwan ardii qaxxaamuran heddu dhukaasun yaalii gaggeessiteetti. Misaa'eloonni kun fageenyisaa hanga US qaqqabuu kan danda'uudha.
Chaayinaa
Barri 2023 USfi Chaayinaa gidduutti bara wal-gaarreffannaa baay'en itti hin mul'anneedha. Inumaayyuu Joo Baayidaniifi pirezidaantin Chaayinaa Shi Jiin Piing Saanfiraansiiskotti wal-gahii milkaa'aa godhatan.
Haa ta'u garuu Chaayinaan abbummaa Galaana Kibba Chaayinaatti kaafturraa duubatti hin deebine. Inumaayyuu daanaa/kaartaa haraa daangaashee hanga qarqara biyyoota Paasifi Eshiyaa qaaqabu qopheessitee jirti.
Akkasumas dhimma Taayiwaan irratti ijjannoo qabdu hin jijjiirre; Taayiwaan qaama Chaayinaati jetti. Barbaachisaa taanan "humnaan" Taayiwaan akka ofitti maktu ibsaa turte.
Abdiin jiraa?
Rakkoo biyyoota Lixaa mudate kanneen gaafa ilaallu, waanti abdachiisan hin mul'atu. Haa ta'u garuu Rashiyaan erga Yukireen weerartee as NATOn tokkummaasaa cimsuun akkaataa itti haleellaa ofirraa ittisurratti ijannoo qabu keessa deebi'ee ilaalera.
Baha Giddu-galeessaa keessatti haleellaa balaafamaa Hamaas gaggeesse sababa godhachuun waraanni eegaleera. Osoo Hamaas Israa'el irratti haleellaa hin gaggeessin dura ajandaan uummata Filisxeem addunyarraatti dagatamee ture.
Filisxeemonni biyya mataasaanii akka ijaarrattan hayyamuu caala humna nageenyaa qabduun gaaffii kana ukkaamsitee bira darbuu waan feete fakkaatti Israa'el.
Haa ta'u garuu, tarsiimon kun Israa'el hin deemsifne. Gaggeessitoonni biyyoota garaa garaa Israa'el uummanni Filisxeem nagaan akka jiraatu hanga hin eeyyamnetti ofiifis nagaan jiraachuu akka hin dandeenye dubbatan.
Rakkoo seenadhaan tureef furmaata waaraa fiduun baay'ee ulfaatadha; gamni lamaanuu [Israa'elifi Filisxeem] rakkoon bara dheeraa isaan gidduu ture furmaata akka argatu fedhu yoo ta'e, ijjannoo qabatan irraa waan dhiisuu qaban dhiisuf ofitti murteessuu isaan barbaachisa.
Ammaaf gaaffin [uummata Filisxeem] yeroo dheeraf ukkaamamee ture, deebi'ee dhageettii addunyaa waan argate fakkaata.












