Yukireen xayyaarota waraanaa Raashiyaa sadii rukutee kuffise jette

Madda suuraa, Getty Images
Humni Waraanaa Yukireen xayyaarota waraanaa Raashiyaa sadi kaleessa, Mudde 22, rukutee kuffisuu beeksise.
Xayyaaronni waraanaa Yukireen rukutee kuffiseera jette kun Su-34 kan jedhamaniidha.
Humni qilleensaa Yukireen akka beeksisetti xayyaaronni Raashiyaa kunneen daangaa qilleensa Yukireen naannoo Kersoon jedhamutti.
Pireezidaantin Ukireen Volodmiir Zeleniskiin loltoota biyyattii xayyaarota Raashiyaa kuffisuu keessatti qooda fudhatan jajuun galateeffataniiru.
Xayyaaronnishee daangaa Yukireen keessatti rukutamanii kufuufi dhiisuu ilaalchisee Mooskon hanga ammaa homaa hin dubbanne. Garuu, biloogaroonni Raashiyaa bebbeekamoon biyyattiin xayyaarota waraanaa dhabuu gabaasaniiru.
Pirezidaantin Yukireen Zeleniskiin Jimaata halkan haasaa taasisaniin xayyaaronni kun rukutamanii kufuunsaanii xayyaaronni Raashiyaa biyyasanii haleeluu dhufan "tokkollee osoo hin adabamin akka hin deebine" baruumsa guddaadha jedhan.
Akkasumas Muummee Ministeeraa Neezarlaandis kan ta'an Mark Rutte waliin akkaata itti xayyaarota waraanaa F-16 Yukireenif kennamuufi deeggarsa dabalataaf Gamtaa Awurooppaa waliinis mariyachuu dubbatan Zeleniskiin.
Xayaaronni waraanaashee rukutamanii kufuu ilaalchisee Raashiyaan waan jette qabaachuu baattus, biloogaroonni waraanaa Raashiyaa garuu xayyaaronni waraanaa Raashiyaa rukutamanii kufuu ibsaniiru.
Haa ta'u, garuu xayyaaronni meeqa Raashiyaa jalaa akka rukutaman hin ibsine. Gama biraan ammoo xayaaronni Raashiyaa kan rukutaman misaa'ela farra haleellaa qilleensarraa US kan Paatiroot jedhamuun ta'uu akka hin oolle ibsan biloogaroonni Raashiyaa kun.
Dabaluunis, paayileetonni Raashiyaa kaan du'anii kan lubbuun hafanis akka jiran ibsan.
Yukireen yeroo ammaa hanqina meeshaalee waraanaa ishee mudateen dirree waraanaa irratti akka garaashee lolaa hin jirtu. Lafa Raashiyaan jalaa qabame deefachuuf haleellan isheen deebistee bantetti baay'ee hin milkoofne.
Gama biraan ammoo bajata deeggarsa meeshaa waraanaa Yukireenif oolu dolaara biliyeena heddu Pirezidaant Baayidan wixineesaa qopheessan paartin Rippaabilikaan raggaasisuu didee danqamee jira.
Waraanni Israa'elifi Hamaas ammoo qalbiin addunyaa Yukireen irraa gara Baha Giddu-galeessatti akka deebi'u godheera.












