'Yukireenitti nagaan kan jiraatu gaafa kaayyoo keenya milkeessine' - Puutin

Pirezidaantin Raashiya Vilaadmiir Puutin Yukireen waliin nagaan kan bu'u "kaayyoo keenya erga milkeessinee booda" jedhan.
Puutin kana kan dubbatan gaazexeessitootafi jiraattota waliin gaaffifi deebii taasisaniin yoo ta'u, dhimmoota garaa garaa irrati deebii kennaniiru.
Gaaffifi deebin isaan taasisan kun harki caalan waa'ee, kan Raashiyaan 'oppireeshinii waraanaa addaa' jettee waamtu, dhimma waraana Yukireenidha.
Gaaffii dhiyaatef deebii yoo kennan, dirree waraanaa irratti haala fooyya'aan akka jiru cichanii dubbatan.
Sagantaan TV biyyattiin darbe kun Pirezidaant Puutin lammiilee biyyasaanif haasaa taasisaniin eegale.
"Biyyi keenya walabummaanshii yoo hin eegamne jiraachunshee tasumaa hin danda'amu," jedhan.
Haasaasanii keessatti yeroo waraanatti diinagdeen Raashiyaa cimaa ta'uu erga himanii booda dhimma waraana Yukireen irratti fuulleffatan.
'Loltoonni Raashiyaa 617,000 Yukireen keessatti lolaa jiru'
Puutin dubbii isaanii keessatti "Yukireenitti nagaan kan jiraatu, gaafa kaayyoo keenya galmaan geenyedha" jechuun kaayyonsaanii Yukireen hidhannoo hiikkachiisufi ilaalcha biyyoota lixaa deeggaruu dhaabsisuu fa'aa akka ta'e tarreessan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waraanni yeroo jalqabuu kaasee kaayyon Raashiyaa kana ta'uu kan eeran Puutin, kaayyon sun ammallee akka hin jijjiiramne kaasan.
Turtii gaazexeessitootafi lammiilee biyyattii waliin taasisan kanaan, yeroo ammaa loltooni Raashiyaa 617,000 ta'an Yukireen keessatti lolarra akka jiran ifa godhan.
Bara darbe humni eeggataa 300,000 waraanaf waamamuusaaniin alatti loltoonni haaran 486,000 bifa haaran leenji'uu himan.
"Abjuun loltoonni keenya meeshaa harkaa qabaniin fedhii biyya keenyaa eegsisuuf qaban ammayyuu hin dukkanoofne. Walumaa galatti, dhuma bara kanaatti [loltoota] walakkaa milyeena ni ta'u," jedha.
Puutin lakkoofsa loltoota Yukireen keessatti lolarra jiranii haa dubbatan malee sababa waraana kanaan loltoonni meeqa akka jalaa du'an hin dubbanne.
Tika US irraa odeeffannoon torban kana bahe ammoo loltoonni Raashiyaa erga waraanni kun eegalee du'an ykn madaa'an 315,000 ni ta'u. Kana jechuun loltoota Raashiyaa jalqaba Yukireen irratti duula banan keessaa %90 jechuudha.

Madda suuraa, GAVRIIL GRIGOROV/POOL/AFP
Miidiyaa Russian daily Izvestia jedhamurraa gaazexeessan gabaasa waraana hojjatufi Luhaanisk buufate dhimma loltoonni Yukireen yeroo dhiyoo as bakka Raashiyaan to'atte laga Dinippiroo cehanii buufachuusaanii Puutin gaafateera.
Milkaa'ina loltoota Yukireen kana "lafa xiqqoo wayii" qabatan jechuun ibsuun loltoonni Raashiyaa "lafa keenya oolchuf jecha" meetira heddu gara lafa bosonni jiruutti duubatti deebi'uu dubbatan Puutin.
Dabaluunis Kiiv biyyota lixaarraa deeggarsa meeshaalee waraanaa argachuuf yaalii goote ta'uu ibsan.
"Maalif akka kana godhan naaf hin galu, uummatasaanii du'atti hoofa jiru. Loltoonni Yukireen ni deemu malee deebi'anii hin galan. Sababni isaa siyaasa, gaggeessitoonni Yukireen biyyoota alaa deeggarsaaf kadhaataa jiru waan ta'eef," jechuun deeggarsi Yukireenif godhamu haphataa jiraachuu dubbatan.
Yeroo Puutin uummatasaanif haasaa kana dabarsaa turan, gaggeessaa NATO kan ta'an Jeensi Istoltenbarg ammoo Biraasilsitti ibsa miidiyaaf kennaa turan.
"Puutin Yukireen keessatti kan mo'atu yoo ta'e, weerarri inni gaggeessu achi qofatti kan dhaabatu miti," jedhan.
Pirezidaantin Yukireen Voldmir Zeleniskiin ammoo weerarri Puutin gaggeessu Yukireen qofatti miti kan dhaabbatu jechuun wal-gahii Gamtaa Awurooppatti dubatan.
Puutin ammoo haasaa isaanii keessatti loltoonni Raashiyaa dirree waraanaatti milkaa'aa jiraachuu himan.
"Qabatamaan adda waraanaa hundatti loltoonni keenya fooyya'ina agarsiisaa jiru," jedhan.
Waa'ee walitti dhufeenya USfi Gamtaa Awurooppaa waliin qabaniis kaasun ibsa keennaniiru Puutin.
US biyya murteessituu ta'uu kaasanii, garuummoo ilaalcha impeeriyaalizimii qabdi jechuun qeeqan. Raashiyaan walitti dhufeenya US waliin qabdu iddootti deebisuuf qophii akk turte kaasun garuummoo "namootafi biyya biraa kabajuu qabdi" jedhan.












