'Putiin carraa waraana Israa'eeliif Gaazaa kanatti fayyadamuuf qophiidha'

Putin carraa waraana Israa'elii fi Gaazaatti fayyadamuuf

Madda suuraa, Rooyitarsi

Vilaadmir Putin akkuma taatoo beekamaa Jeemsi Boondi bakka dhokataa taa'ee furtuu harkaa qabutti bu'uun asitti waraana, asitti jeequmsa adunyaa irratti facaasuutti kan ilaalan jiru.

Bakka tokko tuqee biyyoota Baalkaan keessatti jeequmsa uume.

Ammas bakka biraa tuquun biyyoota Baha Gidduugaleessaa keessatti kan biraa dhoose.

Nama hawwisiisa…garuu gochaan isaa sirrii miti. Dhiibbaa Kireemiliin adunyaa irratti qabdu arbeessee agarsiise.

Eeyyee dhugaadha, Raashiyaan Hamaas waliin hidhata qabdi, akkasumas michuu Iraanidha.

Ameerikaan akka jettutti amma Moskoo fi Teehraan biyya walii ittisuu irratti hidhata cimaa qabu. Garuu kana jechuun Raashiyaan haleellaa Hamaas taasise keessaa kallattiin harka qabdi ykn dursitee beekti jechuu miti.

‘’Raashiyaan as keessatti hirmaatteetti amantaa jedhu hin qabnu’’ jedhan Moskootti Ambaasadara Israa’el kan tahan, Aleeksaander Been Zaavii, torban kana gaazexaa Komersaanti jedhamutti yoo dubbatan.

Raashiyaa haleellaa Hamaas dhaqabsiisen wal-qabasiisun ‘’gonkumaa waan fudhatama hin qabne’’ jedhan.

‘’Raashiyaan Hamaasiif meeshaa waraanaa dhiyeessuus tahee shaakala waraanaa kennuu irratti ragaa homaa hin qabu," jette dhimma Raashiyaa fi Baha Gidduugaleessaa irratti ogeettii kan taatee fi Berlin jiraattu Haannaa Noot.

‘’Dhugaadha, Raashiyaan Hamaas waliin hariiroo wagga dheeraa qabdi. Raashiyaan Hamaasiin takkaayyuu shororkeessadha jettee hin farrajne. Bakka buutonni Hamaas wagga darbee fi bara kana Moskoo turan,’’ jette.

‘’Akkasis tahee garuu deeggarsi waraanaa jiraachuu himuurraa of hin qusadhu. Tooftaan Raashiyaaf tolu, Gaazaa keessatti karaa deeggarsa Siinaa [Masirii] fi Iraan jiraachuu akka malu beekna.’’

Jecha biraan yoo ibsine, pirezidaanti Putiin qabduu [button] ‘’Waraana Baha Gidduugaleessaa’’ itti hin buune.

Putiin carraa kanatti fayyadamuuf qophiidhaa? Shakkii hin qabu! Akkamiin isa jedhu haa ilaallu.

Yuukireen irraa qalbii isaanii kaasuu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo jeequmsi Baha Gidduugaleessaa keessaa ajandaa miidiyaalee adunyaa tahe kanatti, Moskoon ammoo mata dureen oduu miidiyaalee dhimma Yuukireen irraa ka'uun gara Israa'eliitti jijjiiramuu isaa hawwiin eegaa jirti.

Qondaalonni Raashiyaas dhiyeessii meeshaa waraanaa biyyootni Lixaa Yuukireeniif taasisan amma gara Israa'elitti naannaha abdii jedhu qabu.

''Dippilomaatiin Raashiyaa Konistaantiin Gavriloov gaazexaa Kiremiliif loogu Izvestia jedhamutti, ''jeequmsi kun haala adeemsa oppireeshinii waraanaa Yuukireen keessatti gaggeessaa jiru ni jijjiira jedheen abdadha'' jedhan.

"Ispoonseroonni Yuukireen waraana Israa'el keessaan jeeqamu. Kana jechuun garuu biyyootni Lixaa Yuukireeniin dhiisu jechuu miti. Garuu hammi deeggarsa waraanaa kennamaaf ture ni xiqqaata... haalli oppireeshinichaa amma haala Raashiyaaf toluun jijjiiramuu mala.''

Kun hawwii Raashiyaatii? Shakkii hin qabu, tahuu mala.

"Wal gahii ministiroota NATO irratti ministirri Ittisaa US, Looyid Oostiin, ''akkuma Yuukireen cina dhaabbanne, Israa'el cinas dhaabbanna,' jedhan.

Haa tahu malee, waraanni Baha Gidduugaleessatti dhalate kun dhuguma al takkaatti biyyoota lama waraana keessa jiran adda addatti deeggaruu dandeessii kan jedhuun humna Ameerikaa kan qoru taha.

Raashiyaan jaarsummaaf?

Raashiyaan biyyoota baha Gidduugaleessaa keessatti akka biyya nagaa buusuuf hojjetutti of fakkeesiti.

Naannichatti nagaa buusa jechuun kana dura yaalaa turteetti.

''Raashiyaan araara buusuuf gahee ishee ni bahatti'' jedhan dubbii himaan Putiin, Dimitirii Peeskoov.

''Qaamolee lameen waliin dubbachaa jirra''

MM Iraaq torban darbe yeroo Mooskoo daawwatan Putin ''Dhukaasni akka dhaabbatuuf labsuu qabu'' jechuun gaafatan.

Kan beeku qabnu Raashiyaanis biyya humna ishee guutuun biyya ollaashee jirtu weerartedha. Waraana ji'oota 20f Yuukireen keessa tureen ajjeechaa fi mancaatiin adunyaa naasisu raawwateera.

Isa irratti ammoo nagaa buusuuf ''gaheeko nan bahadha'' jechuun warri wal lolaa jiran hundi waamicha kee kana fudhatu jechuus miti.Moskoon biyyoota Baha Gidduugaleessaa irraa fedha guddaa qabdi.

Israa'el biyyoota Lixaa waliin yeroo michooftu, Sooviyeet Raashiyaan ammoo imaammata biyyoota Baha Gidduugaleessaaf toluu hordofti.

Dabalataan ilaalchi farra uummata Semetik akka jiraatuuf sadarkaa mootummaatti deeggarsa gochaa turte.

Garuu erga Sooviyeet Raashiyaan diigamtee as hariiroon Raashiyaa fi Israa'el ni fooyya'e. Sababni isaas dhalattootni Jewushii miliyoonaan lakkaa'aman Raashiyaa iraa gara Israa'elitti waan galaniif.

Ameerikaa balfuu

Basaastonni Raashiyaa carraa kanatti fayyadamuun amma Ameerikaa akka balfamtu hojjetu.

Erga Hamaas Israa'eel haleelee Putiin dubbiima tokko irra dedeebiin dubbataa turan. '' Kun agarsiiftuu kufaatii imaamata Ameerikaa Baha Gidduugaleessaa keessaati'' kan jedhu ture.

Moskoon kanatti fayyadamtee ''olaantummaa US'' balaaleffatte. Ameerikaa akka madda rakkoo gootee ibsuun Raashiyaan itti fayyadamtee dhiibbaa Baha Giduugaleessaa qabdu dabaluuf itti fayyadamti.

"Of eeggannootiin dubbii tuqachuun waan raashiyaaf toludha,'' jette Haannaan.

''Bu'aa siyaasa Israa'el siyaasa Ameerikaa keessaa qabdu irraa kan ka'e, yoo waraanni kun xiyyeeffannoo Yuukireeeniif kennan jijjireyyuu, Raashiyaan bu'aa yeroo gabaabaa argatti.''

Garuu waraana naannichatti babal'atuu fi deeggarsa waraanaa Iraan Hamasiif gooturraa hin fayyadamtu'' jette Haannaan.

Itti dabaluun Iraanii fi Israa'el gidduutti waraana guddaan akka banamu waan barbaaddu miti. Yoo kun tahe shakkii hin qabu Ameerikaan cimsitee Israa'el waliin lolti. Raashiyaan gara Iraan goruuf dirqamti. Kun ammoo akka tahu waan feetu miti.''

Putiin ammayyuu hariiroo dippilomaasii Israa'el waliin qabu ni barbaada jedheen amana jette.