Namichi paaspoortiifi tikkeeta malee Ameerikaa seene ijoo dubbii ta'e

Xiyyaara

Madda suuraa, AFP

Namichi umurii waggaa 46 paaspoortiifi tikkettii ittiin balali'u osoo hin qabaatiin xiyyaaraan Denmaarkirraa ka'ee Ameerikaa, Loos Anjalas erga gahee booda to'atame.

Namni Sargee Ochigaavaa jedhamu kun hayyama malee sanada ittiin imalu guutuu osoo hin qabaatiin daangaa biyya biraatti ce'uun to'annoo jala oolfamee himanni irratti banameera.

Sargeen Los Anjalasitti yeroo to'atametti waraqaa eenyummaa Raashiyaafi Israa'el qabatee kan argame yoo ta'u, hanga ammaatti garuu lammummaa isaa adda baafachuun hin danda'amne.

Qorattoonni yakkaa namni kun Denmaarkirraa hanga Los Anjalasitti imala sa'aatii 12 fudhatu irratti of dhoksuudhaaf carraaqqii taasisuu haa turuutii ifatti imaltoota kaan waliin ofitti amanamummaan haasa'uudhaaf yaalaa ture jedhameera.

Sargeen Sadaasa 4, 2023, magaalaa Los Anjalas gahee erga to'atameen booda paaspoortii isaa xiyyaara keessatti akka dagate qorattootatti himee ture. Haata'u malee, xiyyaara ittiin imalerraa sandani imalaaf isa barbaachisu hin argamne.

Qorattoonni dabalataan akka jedhanitti, namni kun imala gara Ameerikaatti taasisuuf tikkeettii xiyyaaraa bitateeru hin qabu. Akkasumas, biyya kamirraayyu viizaa Ameerikaa argachuuf akka hin gaafatiin qorattoonni kunneen mirkaneessaniiru.

Ochigaavaan jecha qorattootaaf kenneen, "tikkeettii xiyyaaraa qabaachuun kiyya hin oolu... garuu sirriitti hin mirkaneeffanne" jechuu isaa sanadiin himata isaa ni mul'isa.

Namni kun himata irratti banameef yakkamaa miti jechuun kan waakkate yoo ta'u ji'a kana keessa mana-murtiitti dhiyaata jedhamee eegama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qorattoonni namni kun osoo sanda imalaaf barbaachisu kamiyyu osoo hin qabaatin akkamiin xiyaara seenuu akka danda'e kan jedhu adda baasuuf qorachaa jiru.

Ochigaavaan garuu Daandi Xiyyaaraa Iskaandineeviyaa Denmaarkirraa ka'ee Ameerikaatti balali'aa ture akkamitti akka yaabbate (kore) akka hin yaadanne dubbate. "Guyyoota sadiif walitti aansee hirriba hin rafne. To'annoowwan nageenyaa buufata xiyyaaraa Denmaark akkamiin akkan itti darbe hin yaadadhu," jedheera.

Namni waraqaa eenyummaa Raashiyaa fi Israa'el qabatee argame kun duraaniyyu akkamiin akka Deenmaark seenuu akkamiin danda'e kan jedhus qoratamaa jira.

Ochigaavaan yaada qorattoota Ameerikaatiif keneen, "waggoota dheera dura" Raashiyaatti ogeessa dinagdee ta'ee hojjedheera jedhe.

Hojjetoonni Daandii qilleensaa Iskaandineeviyaa imalaa hin galmaa'iin darbaa qabatanii akka imalaa turan kan baran erga gaaffiin qorattootaan isaaniif dhiyaateen booda ture. Keessummeessitoonni balalii Ochigaavaan yeroo balali'aa turetti irra deddeebiin teessuma jijjiruun taa'aa akka ture dubbataniiru.

Keessummeessitoonni balalii wayita imaltootaaf nyaata dhiyeessanittis Ochigaavaan nyaata dabalataa gaafachuun nyaachaa akka ture kan himan yoo ta'u, keessummeessituun balalii tokko ammoo Ochigaavaan imaltoota biroo waliin dubbachuuf yaalus imaltoonni garuu deebii hin kennineef jechuun dubbatteetti.