Kaameraawwan basaasaa uffata irratti fannifatan falmisiisoo Amaazoon irratti gabaaf dhiyaatan

Hokkoo uffata irratti fannifatan

Madda suuraa, Getty Images

Kaamerwwaan basaasaa bifa hokkoo uffata irratti fannifataniin hojjetaman gabaa guddicha addunyaa Amaazoon irratti gurgurtaaf dhiyaatan.

Kaameraawwan kunneen falmisiisoo ta’uurra darbee mirga icciitii dhuunfaa namaa cabsuun kampanii gabaaf dhiyeesse kanarratti himanni banameera.

Kaameraan bifa fannistuu uffataan hojjetame kun tarree meeshaalee gurgurtaa Amaazoon keessa kan galaniifi BBCn arge kun, kutaa qama itti dhiqatan keessatti kan uffata itti fannifatan waliin walfakkaata.

Dubartiin fannistuu uffataa dhiyeenya Amaazoon irraa bitameen hayyama kiyya malee kutaa qama itti dhiqatan keessatti viidiyoon koo waraabameera jechuun himannaa dhiyeessuu hordofee abbaan seeraa Ameerikaa tokko himanni kampaanicharratti akka itti fufee gaggeeffamuuf murtee dabarseera.

Meeshaalee akka kanaa gocha hin malleef oolchuun seerota Biritish kan cabsu ta’uu ogeessi dhimmoota mirgoota dhunfaa waliin walqabatan irratti hojjetan tokko dubbataniiru.

Amaazoon dhimmicharratti yaada kennuurraa of qusatus himannaa mana murtiif garuu deebii gabaabaa kenneera.

Ameerikaatti Amaazooniin kan himannaa irratti bante barattuu biyya alaati.

Mana-jireenyaa Varjiiniyaa Lixaa keessatti argamu keessa wayita jiraataa turtetti kaameraa hokkoo uffata irratti fannifamutti fakkeessuun hojjetame kan kutaa qama itti dhiqatan keessa ture tokkoon dhoksaadhaan viidiyoon ishee akka waraabame dubbatteetti.

Dubartiin kun kaameraan fanniftuu uffataa fakkaatu kun Amaazoon irraa kan bitame ta’uu ibsiteettti.

Abbaan kaamerichaas himanni irratti banameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kaameran toora gurgurtaa marsariitii Amaazoon irratti tarreeffame kun meeshaa kutaa cqaama dhiqatanitti fooxaa fannisuuf gargaaran qofaa miti.

Kutaa ciisichaatti miinjala sireettis uffata fannifachuuf kan gargaaruti jira jechun dubartiin himannaa bante kun.

Amaazoonis tarreeffama meeshaa gurgurtaa isaa keessa akka kaa’etti, fannistuun uffataa kaameraa ta’e kun gaandaarra, akkasumas siree cinaa kaa’amuu danda’u.

Nama kaamericha bitee achirratti tolchetti dabaluun kapmaanichi “kun akka ta’u” ni beeka ture jechuun Amaazooniifi kampanii michuu ta’e biraan maqaan isaa hin eeramiin tokkos akka adabaman gaafatteetti.

Amaazon gama isaatiin akkaataa kaameraan kun hojiirra itti ooluun itti-gaafatamaa ta’uu hin qabu jechuun mana-murtiitti himannichi akka kufaa taasifamu gaafatulleen hin milkaa’iin hafeera.

Kaameraan bifa fannistuu uffataan hojjetameen alatti sa’aatii akka nama dammaqsaniif hojjetaman Amaazoon gabaaf dhiyeessa keessa kaameraan dhokfaman jiru jedhameera.

Dabalataan warra akka kaameraa chaarjarii USB fakkaatan, ‘jaalallee amanamaa hin taane’ ittiin hordofuu hojiirra ooluu danda’u kan jedhaman akka dammaqsituu to’annoo ibiddaa keessas kaameraa dhokfaman kan qabanis warra Amaazoon gabaaf dhiyeesse keessa jiru.