Finfinneetti wixineen hoteelota keessummeessitoota uffata "qullaa" mul'isu uffachiisan adabsiisu qophaa'e

Madda suuraa, Getty Images
Magaalaa Finfinnee keessatti hoteelonni argamaniifi dhaabbileen tajaajila kana fakkaatu kennan keessummeessitoota hojjechiisan uffata qaama "qullaa" mul'isu uffachiisu taanaan wixineen qarshii kuma 50 hanga cufuuttii adabsiisu qophaa'e.
Wixineen labsii Biiroo Aadaa, Artiifi Turiizimiin magaalattiitiin qophaa'e kun keessummeessitoonni tumaa qaama isaaniirratti mul'atu akka hin qabaanne, akkasumas dhiironni ammoo gurratti lootii godhatanii akka hin keessummeessine akka dhorku ibsameera.
WIxeneen mata-duree 'Danbii ogeessonni hoteelaafi dhaabbileen walfakkaatan keessa hojjetan akkaataa uffannaa danbii itti uffatan, faayaafi meeshaa midhaginaa itti fayyadaman' jedha.
Wixineen kun akka qophaa'uuf sababa kan ta'e addatti bakkawwan tajaajila akka manneen fooniifaatti keessummeessitoonni "uffata qullaa" mul'isu baayyachuu isaa itti-aanaan itti-gaafatamaa biirichaa Obbo Haftey Gabre-igzihabiheer BBCtti himaniiru.
Dhaabbileen tajaajila kennan kanneen keessa dubartoonni keessummeessuun hojjetan 'Qamisii' gabaabduu akka uffataniif akka dirqisiifaman bara darbe dubbii ijoo ta'ee ture.
Kana hordofuun yeroo sanatti Biiroon Aadaa, Artiifi Turzimii Finfinnee dhaabbilee hojjetoota isaanii naamusa keessummeessuutiin ala sirna uffannaa aadaa biyya keessaa cabsu akka uffatan dirqisiisanirratti tarkaanfii akka fudhatu xalayaa barreessee ture.
Biirichi akeekkachiisa kana baasus, dhimmicharratti, "jijjiiramni dhufuu akka hin dandeenye" itti-aanaan itti-gaaftamaan kun dubbataniiru.
Xalayaan barreeffamee ture gocha keessan kanarraa of eeggadhaa kan jedhu akka ture kan yaadatan aanga'aan kun, "akeekchiifni erga bahee booda warra akeekkachiisa kenname cabse maaliin adabna? kan jedhu yeroo ilaalamutti garuu [seerri ittiin adabnu hin turre; qaawwa qaba," jechuun wixinee dambii amma qophaa'e kanaaf sababa dhimma ta'edha jechuun ibsan.
Obbo Haftey akka jedhanitti, wixineen danbii amma qophaa'e kun ogeessonni hoteelotaafi dhaabbileen walfakkaatan keessa hojjetan "uffannaa akkamii, faayaawwan qaama isaaniirratti mul'atan akkamiin fayyadamuu akka qaban, akkaataa qabannaa dabbasaa isaanii, akkasumas urgooftuuwwan fayyadaman hangam ta'uu akka qaburratti" seera kaa'ame qaba.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Wixineen danbii kun ogeessonni dhaabbileen kanneen keessa hojjetan uffannaa aad-malee ta'e, safuu kan cabsuufi qullaa ta'e akka fayyadamne akka dhorku kan himan aanga'aan kun, dhorkaawwan biroos itti dabalamaniiru jedhan.
Kanneen dhorkaman keessaa hojjetoonni dhaabileen kanneenii faayaa mormaa shamizii ol ta'e, akkasumas faayaa harkaa (ambaarii) akka hin fayyadamnellee kan dhorku keessa jira.
Obbo Haftey, "Faayaa ilaalchisuun dubartootaaf lootiin gurraa ni hayyamama. Haata'u malee, kan gadi rarra'u osoo hin taane kan achumarratti maxxane ta'uu qaba.
Keesumaa guutummaa gurraarra naanneffamee faayaan godhatamu hin hayyamamu. Dhiirri ammoo haala kamiiniyyu faayaa gurraa akka godhatu hin hayyamamu," jechuun wixinee kanarra dhorkaawwan biroo jiran eeru.
Itti dabaluunis, "keessumaa qaama namaa bakka mul'aturratti ...tumaas ta'ee fakkii kamiyyu godhatanii keessummeessuun hin danda'amu jechuun danbiin keenya dhorkeera," jedhan.
Haata'u malee, tumaa waliin walqabatee dhimmoonni aadaa ka'an danbichi ragga'uu hordofee qajeelfama ba'uun akka ilaalamu eeraniiru.
Sadarkaawwaniifi dhorkaawwan Wixinicharra jiran hoteelotaafi dhaabbileen tajaajilawwan wal fakkaataa kennan akka ilaallatu Obbo Haftey dubbataniiru.
Dhaabbileen kanneen keessaa hoteelota, kaafteeriyaa, manneen dhugaatiifi shubbisa halkanii, manneen maasaajii, mana jiimii, akkasumas manneen tajaajila istiimiifi saawunaa kennan akka keessatti argaman akka agarsiistuutti eeraniiru.
Akka danbii Biiroon Aadaa Artiifi Turiizimii Finfinnee qopheeseerratti ibsametti dhaabbileen seera kaa'ame kana cabsan guyyoota 15 keessatti akka sirreessaniif akeekkachiifni akka kennamuuf itti-aanaan itti gaafatamaa Biiroo kun BBCtti himeera.
Yeroo kennameef keessatti dhaabbanni sirreeffama hin taasine adabbii kuma 50 akka isa eeggatu ibsan.
Adabbiin dhaabileerratti murtaa'u sadarkaalee gara garaa akka qabu kan dubbatan Obbo Haftey, "dhaabbanni adabbiin booda sirreessuu tarkaanfiin cufuu ni fudhatama. Cufamee dhiisuu qofa osoo hin taane hanga hojii kana keessaa guutummaatti ari'uuf danbii aangoo kennudha," jedhu.
Wixineen kun jalqaba torban kanaarratti qaamota dhimmi ilaallatu waliin mariin irratti gaggeeffameera.
Yaadawwan maricharraa argaman itti dabalamanii wixinichi yaada akka irratti kennaniif gara Biiroo Haqaa magaalattiitti ergamuuf akka jiru Obbo Haftay ibsaniiru. Danbiin kun hojiirra ooluu kan jalqabu erga kaabinee magaalaa Finfinneetiif dhiyaatee raggaasifameen boodadha.
Magaalaa Finfinnee keessatti manneen nyaataa, dhugaatiifi tajaajila walfakkaatan kennan keessatti dubartoonni hojii keessummeessuurratti bobba'an 'Qamisii' qaama isaanii qullaa agarsiisu akka uffataniif akka dirqisiifaman himamaa tureera.
Kunis miidiyaa hawaasaarratti ijoo dubbii ta'uurra darbee, bulchiinsi magaalichaa tarkaanfii akka fudhatuuf waamichi gara garaa taasifamaa turuun isaa ni yaadatama.












