Jeneraalli Raashiyaa, Yuukireen bakka albuudni bahutti haleelamuun ajjeefaman

Madda suuraa, Rooyitarsi
Jeneraalli Raashiyaa, Yuukireen keessaa bakka albuuda baasanitti dhohinsa isa mudateen ajjeefamuu, maddeen Kireemilinitti dhiyeenya qaban himan.
Mejer Jeneraal Vilaadmir Zaavadiskii ganna 45 yoo ta'u, yeroo ajjeefamu sanatti itti aanaa ajajaa kutaa waraana 14ffaa tahuun hojjechaa ture.
Erga Mooskoon Guraandhala 2022 keessa Yuukireen weerartee yoo xinnaate jeneraalonni waraanaa Raashiyaa jaha ajjeefamaniiru jedhama.
Waa'ee dhohinsa jeneraala kana galaafatee Humni Ittisaa Raashiyaa homaa hin jenne.
Bakkatti ajjeefame ilaalchisees gabaasotni wal faallessan adda addaa jiru.
Ministeerri Ittisaa Raashiyaa waa'ee du'aatii qondaalota waraanaa olaanoo irratti homaa ibsa kennee hin beeku. Inumaayyuu erga maatiin isaanii ifatti dubbataniiyyuu ibsa kenne hin qabu.
Gabaasaaleen akka himanitti, Mejer Jeneraal Zavaadiskiin roobii sa'a booda ajjeefamani.
Eessatti akka ajjeefaman ifatti beekamuu baatus, waraanni isaan ajajan yeroo sana naannoo Keheersan keessatti argamu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Aangoo isaanii kana dura magaalaa Mooskoon alatti ajajaa garee taankii 'Kantemirovsky' jedhamuu turan.
Yoo ajjeefamuun jeneraala kanaa dhugaa taheef, erga waraanni Raashiyaa fi Yuukireen eegalee jeneraala Raashiyaa torbaffaan ajjeefamuu isaati.
Waraanichi jalqabee ji'oota arfan jalqabaa keessatti jeneraalonni waraanaa afur ajjeefamuun mirkanaa'eera.
Dhiyeenyatti haleellaa hoteela ajajoonni waraanaa Raashiyaa keessa buufatan irratti raawwateen Lt Jeneraal Oleeg Saakoov jedhaman ajjeefamaniiru.
Hoteelichi Yuukireen keessa bakka Raashiyaan qabamtee jirtu Berdiyaaniski keessatti argama.
Maddeen Yuukireenitti dhiyeenya qaban jeneraalonni Raashiyaa biroo torba ajjeefamuu himanii ture.
Garuu ergasii yoo xiqqate sadii lubbuun jiraachuu isaanii mirkanaa'eera.
Waktii ganna faranjootaati [qorra], Raashiyaan bu'uuraalee misoomaa Yukireen irratti haleellaa gaggeessaa jirti.
Dubbii himaan Nageenya Biyyaalessaa US, Joon Kirbii Kiyeev akka haleellicha keessa dandamattuuf Waashingitan deeggarsa gochaafii jirti jedhan.
Ameerikaan ''meeshaalee ittisaa'' akkasumas meeshaalee of eeggannoo dabalataa fi tiraanisformerii voolteejii guddaa qabuu fi jenereteroota gaazii indaastiriif gahan kennuun akka uummanni ho'aa fi elektirikii argatu gochaa jirra'' jedhan.
Itti dabaluun Obbo Kirbiin pirezidaantiin Raashiyaa Putin, yeroo qorraa kanatti waraanicha itti fufuun uummaticha irratti waan xiyyeefate fakkaata jedhan.
''Yuukireen ofirraa qolachuu akka dandeessuuf gochuufi bu'uuraaleen aannisaa yeroo ganna [qorraa] kanatti akka hojjetan hojjechuun keenya dirqama,'' jedhan.















