Raashiyaan haleellaa diroonii guddaa maagala guddoo Yukireen irratti gaggeessite

Madda suuraa, Reuters
Raashiyaan haleellaa diroonii guddaadha jedhame magaala guddoo Yukireen kan taate Kiiv irratti gaggeessuu angawoonni Yukireen ibsan.
Haleellan diroonii kun erga waraanni Raashiyaafi Yukireen gidduutti eegalee isa guddaadha jedhame.
Raashiyaan haleellaa diroonii kana kan gaggeessite Kamisa halkan yoo ta'u, haleellichi sa'aatii jahaaf kan tureedhas jedhan angawoonni biyyattii.
Dirooniwwan Iraan omishtu Shahiid jedhamanitti dhimma bahuun Yukireen haleelaa kan bulte Raashiyaan, dirooniwwan Shahiid 75 magaala Kiiv haleeluf ergaman keessaa 74 rukutee kuffise jette Yukireen.
Dirooniwwan Iraan omishtu Shahiid jedhaman kun akka misaa'ela bilaastikii saffisa kan qaban ta'uu dhabuunsaanii Yukireen salphaatti akka kuffistu godheera.
Yukireen deeggarsa meeshaalee waraanaa biyyoota Lixaarraa argattuun ittisa haleellaa qilleensarraa ishee cimsattee jirti.
Haleellaa Raashiyaan gaggeessite kanaan namoonni shan qofaan kan miidhaman yoo ta'u manni baruumsaa oolmaa daa'immanii tokkos miidhameera.
Torbanoota hedduuf Mooskon haleellaa qilleensarraa Kiiv irratti hin gaggeessin callistee turuunshee misaa'eloota kuufataa akka turte shakkamaa ture.
Pirezidaantin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin haleellaa Raashiyaa kana hordofee yaada kennaniin biyyisaanii "gochaa shororkaa Raashiyaa balaaleffachuurratti hawaasa addunyaa waliin tokkummaan hojjachuu itti fufti" jedhan.
Volodmiir Zeleniskiin biyyoonni Lixaa deeggarsa gochuu akka itti fufaniifi Yukireen miseensa Gamtaa Awurooppaa akka taatuf tattaaffii gochaa jiru.
Halleellan diroonii Raashiyaan gaggeessite kun yeroo itti Yukireen beela bara 1932-1933tti lammilee biyyattii miliyeenan lakkaa'aman fixe itti yaadattutti ta'uu himuun beelli sun sababa gaggeessaa Gamtaa Sooviyeetii kan ture Joosef Israaliinin akka ta'e dubbatan Zeleniskiin.
Waktiin roobatti ammoo Raashiyaan akkuma kana duraa bu'uuraalee anniisaa Yukireen irratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessun lammiilee biyyattii yaaddoo keessa galchuun waan hin oolledha.
Gama biroon ammoo ittisni haleellaa qilleensarraa Yukireen kan bara darbee caalaa jabaa waan ta'eef haleellaa Raashiyaan waktii roobafi qorraa dhufaa jirutti gaggeessuf jettu qolachuu danda'a kan jedhus yaanni biraa jira.












