Weellistuu beekamtuun Seliinaa Gomeez rakkoo fayyaa adda ta'e qabaachuu himte

Madda suuraa, Getty Images
Weellistuu fi taatee beekamtuu umuriinshee ganna 32, Seliinaa Gomeez sababii rakkoo ishee mudateetiin ulfaa'uu akka hin dandeenye ibsiteetti.
Seliinaan af-gaaffii maxxansa 'Vaaniit Feer' jedhamu waliin taasifteen, waa'ee da'ima godhachuu dhabuu ishee kan dubbatte yoo ta'u, ulfa'uu akka hin dandeenye baruun dhimma ''gadda'' isheetti uume ta'uu himteeti.
''Ani kana dubbadhee hin beeku, garuu haala nama gaddisiisuun daa'ima gara kootti baachuu hin danda'u,'' jechuun dubbatte.
''Rakkoo fayyaa lubbuu koo fi daa'iman ulfaa'u balaadhaaf saaxilaan hedduu qaba. Kun ammoo waana yeroof ittiin gaddaa turedha" jette.
Goomeez kanaan dura waa'ee dhukkuba 'lupus' jedhamu kan fayyuu hin dandeenyee fi kan sirna ittisa qaamaa garmalee sochosuu fi tishuuwwaan qaamaa miidhuu danda'u qabaachuu ishee ifatti dubbatteetti.
Mallattoolee dhukkuba kanaa qorichaan yaaluun ni danda’ama. Bara 2017tti garuu rakkoo 'lupus' waliin walqabatee tiruu ishee jijjiirrattee akka turte ibsiteetti.
Weellistuun tun waa'ee dhibee baay'ee nama dhiphisu (bipolar disorder) waliin jiraachuus, dokumeenterii ishee, 'My Mind and Me' jedhamu irratti ifatti dubbattee jirti.
Bara 2022'tti Seliinaa Goomeez qoricha dhukkuba dhiphina sammuu (bipolar) yaaluuf fudhattu irraa kan ka'e, ulfa nageenya qabu baachuu akka hin dandeenyee Rooliing Istoonitti himteetti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Goomeez Af- gaaffii 'Vaanit Feer' irratti taasifteen ofii da'uu baattuus ijoollee godhachuuf abdii akka qabdu ykn guddifachaa fudhachuuf yaadaa akka jirtu dubbatteetti.
"Akka ani yaade ta'uun dirqama miti. Akka nama hundaaf ta'utti ta'a jedheen yaada," jetti.
"Ani haala baay'ee fooyya'aa ta'e keessa jira. Namoota ajaa'ibsiisoo bakka bu'ummaa ykn guddifachaa naaf hojjechuuf fedhii qaban qabaachuun koo carraa guddaadha," jechuun haala attamiin daa'ima argachu akka barbaaddu dubbatti.
''Ani namoota haadha ta'uuf du'aa jiraniifi daa'ima namaaf godhatan akkasumallee guddifachaan haadha nama taasisan warra galateeffatan keessa tokkodha.''
Itti dabaluudhaanis: "Imalli daa'ima kara nama biraa argachuu kun maal akka ta'u ilaaluu barbaada, garuu xiqqoo adda fakkaata. Dhuma irrattis waan fedhe haa ta'uu kan koo ta'a. Daa'ima koo ta'a," jette.
Seliinaan yeroo ammaa kana qopheessaa muuziqaa Beenii Bilaankoo waliin hariiroo jaalala qabdi.
Seliinaa Goomez sirbaan, fiilmii keessatti taatummaadhaan akkasumas hojii umuudhaanmilkaa’ina argamsiisuu ishee malees dhiyeenya kana umurii dargaggummaatiin tarree biliyeenarota addunyaa keessatti gaalmooftee jirti.















