'Kilabni siif ta'u Arsenaal qofaadha naan jedhe abbaan koo' - Bukaayoo Saakaa

Bukaayoo Saakaa

Madda suuraa, Getty Images

Bukaayoo Saakaa waggaa torbatti akkaadamii Arsenaal seene. Amma ganna 24 yoo ta'u, Arsenaal keessatti nama murteessadha. Taphoota 277 irratti hirmaatee galchii 76 lakkoofsiseera. Deeggartoota Arsenaal biratti dargaggeessa amala qabeessa, dandeettii addaa qabu jedhamuun heddu jaalatama.

Arsenaal bara 2019 yeroo Liigii Awurooppaa xumuraaf gahuufi bara 2020 FA CUp injifatu, Saakaan taphattoota murteessoo keessaa tokko ture. Gareen biyyaalessaa Ingilaand keessatti taphataa umurii dargaggummaatti shoora guddaa taphataa jiruudha.

Bara kana Arsenaal waliin waancaa Pirimeerliigii nyaachuuf tattaafataa jira. Waliigaltee haaraa Arsenaalif akka mallatteessus Mikeel Arteettaan abdii guutuu qabaachuu ibse.

"Nu waliin itti fufuu akka barbaadu quban qaba," jechuun Saakaan Arsenaal waliin walitti dhufeenya cimaa akka qabu mirkaneesse Arteettaan.

"Imala inni kilabicha waliin taasiseefi dandeettii inni agarsiise itti fufsiisuu barnaanna."

Daa'imummaa kaasee abjuun Arsenaaliif taphachuu akkamitti akka horate, kubbaan isaaf maal akka ta'eefi sadarkaa ammaarra gahuuf waan keessa darbe akkasumas kubbaa gaafa dhaabu maal ta'uu akka barbaadu BBCtti himeera.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Darbiin Kaaba Landan yeroo hunda akka isa hawwatu ibse Saakaan

BBC: Maaliif kubbaa miilaa filatte?

Saakaa: Anaaf kubbaan miilaa gammachuudha, yeroon itti kubbaan miilaa maal akka ta'e baree kaasee abjuun koo kubbaadhuma taphachuu ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

BBC: Waan biraa ta'uuf yaaddee hin turree?

Saakaa: Tasumaa sammuu koo keessa hin turre- tarii maatiin koo waan biraa akkan ta'u yaadanii ta'a. Kubbaan alatti filannoo biraa akkan qabaadhu na gorsaaniiru. Yaadi isaanii sirriidhuma; garuu ana kubbaan ala waanti biraa yaada koo keessa hin turre.

BBC: Jalqaba kubbaa yeroo taphattu waanti ati yaadattu maalidha?

Saakaa: Obboleessa koofi abbaa koo waliin qe'eetti yeroo taphannu nan yaadadha. Isaan lama ta'anii ana morkatu turan. Mo'amuu hin fudhadhun ture, yoon mo'ame nan boo'an ture.

BBC: Yeroo sana waggaa meeqa taata?

Saakaa: Waggaa afur ykn shan hin caalu.

BBC: Garee jalqaba taphatteef yaadattaa?

Saakaa: Giriinfoord Seeltikiif taphadhe. Waan hundasaa nan yaadadha- uffannaa uffannuu kaasee hanga tapha taphataa turreetti. Huccuun ispoortii magariisa adii cocorree qabuudha- loogoo kan Seeltik fakkaatu qaba. Bakka paarkii keessatti erga taphannee booda, kopheen keenya dhoqqeen laaqamee ofirraa baasnee muka fa'aan reebuun dhoqqeensaa akka irraa harca'u goona turre. Waan hundumaa nan yaadadha. Imala jireenya koo keessaa boqonnaa murteessaa ture, baay'een itti gammada.

BBC: Yeroo sana bakka kam taphatta ture?

Saakaa: Yeroo hundumaa sarara irra taphachuun barbaada, yeroon guddadhu achuma-sarara bitaarraan taphadhe.

Saakaa yeroo Arsenaal bara 2020 FA Cup mo'atu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Arsenaal bara 2020 Cheelsii mo'achuun waancaa FA Cup yeroo injifatu, Saakan miseensa garee ture, yoo taphachuu baatellee.

BBC: Yeroo hundumaa Arsenaal filatta turtee?

Saakaa: Eyyee. Yeroo daa'imummaa sana murtee kan dabarsu maatii ture, daa'ima waanan tureef jechuudha. Abbaan koo jala muree natti hime, 'kilabni akka ati taphattuuf siif hawwu Arsenaali' naan jedhe. Anis tolen jedheen.

BBC: Maaliif Arseenaal siif filate?

Saakaa: Arsenaalitti sirriitti amana ture, karaa ittiin milkaa'aniidha jedhee yaada ture, ifa ture. Yeroo sana Arseen Veengar leenjisaa waan tureef, akkadamii baay'ee jaalata, tapha Arsenaalifi sadarkaa olaanaa Arsenaal itti taphatu ture baruun arguu ni dandeessa. Abbaan koo kana hunda gaafa ilaalu Arsenaal kilaba sirrii ani seenuu qabu akka ta'e murteesse.

BBC: Deeggaraa Arsenaal ta'uu, Arsenaaliif taphachuun miira addaa akkamii sitti uume?

Saakaa: Abjuu dhugoome jettee fudhachuu dandeessa. Daa'imummaarraa ka'een isteediyeemii deemee Arsenaal daawwataa ture, amma immoo warra dirree keessa seenanii taphatan keessaa tokkoodha ani. Maatiin waa'ee Arsenaal haasa'aa ture sana, amma qaama sanaa gaafa taatu, baay'ee si gammachiisa. Yeroo ture hundumaa gaafan ilaalu baay'een itti gammada.

BBC: Ijoollummaarraa kaatee isteediyeemii seentee Arsenaal daawwataa turte jechuudhaa?

Saakaa: Eeyyeeka!

BBC: Yeroo akkadamii Arsenaal keessa turte, "garee idileetti dabalamuun qaba" jettee yeroo itti murteessite ni yaadattaa?

Saakaa: Yeroo tokko nan yaadadha garee wajjin taphanne injifannee kutaa wayyaa itti jijjiirratan keessatti leenjisaan, Gireeg Linkooln natti fakkaata, dhufee akkas nuun jedhe: "Ijoo dhaggeeffadhaa...mee naannoo keessan ilaalaa, garee ajaa'ibaati isin. Garuu isin keessaa nama tokko qofaatu, tarii nama lama qofaatu filatama" jedhe. Yeroo inni akkas jedhu nan yaadadha, 'yaa Waaqayyo koo ana ta'uu qaba. Ani filamuun qaban" jedhe.

'Deevid Luwiiz fi Obemeyaang jireenya koo keessatti iddoo guddaa qabu''

BBC: Akka natti fakkaatutti ijoolleen baay'ee kana hin hubatan mitii? Parsantaa xiqqootu filama mitii?

Saakaa: Eyyee. leenjistoonni ijoolletti hin himan, sababni isaa ijoollee yaaddoofi sodaa keessa galcha waan ta'eef. Ani garuu sodaa malee cimee hojjadhee filamee garee idilee seenuu akkan qabutu natti dhagahame. Suni ammoo baay'ee na fayyade.

BBC: Leenjisaa ykn taphattoota duraanii wajjin taphatte keessaa jireenya koo keessatti dhiibbaa uumaniiru jettee yaadda?

Saakaa: Yeroo hundumaa waa'ee Deevid Luwiiz fi Piir Obemeyaang nan dubbadha- garicha keessatti akka madaquufi cimee mul'adhuuf baay'ee na gargaaran. Ofitti na qabanii na simatan, taphattootan duraan fagoorraa isaan ilaalu, waliin taphadhe kana akka gootattan isaan ilaala. Waa'ee warra kaanii waan nama mufachiisu homaa jechuu hin barbaadu, callisuun filadha. Garuu jarri lamaan [Deevid Luwiiz fi Piir Obemeyaang) na simatanii akkan dandeettii kootti amanuufi of ta'u na taasisan, na gorsan, ofitti amanamummaa akkan qabaadhu na taasisan. Ofiitti amanamummaa ani dirree irratti ittiin taphadhu kana akkan horadhu kan na taasise taphattoora kana lamaanifi garee koo warra kaanidha.

Pukaayoo Saakaafi Piir Obemiyaang yeroo waliin gammachuu agarsiisan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Taphataan duraanii Arsenaal Piir Obemiyaang jireenyasaa akka jijjiire hima Saakaan

BBC: Mee Bukaayoon eenyu akka ta'e sirriitti haa barru. Maqaan kee guutuun eenyudha?

Saakaa: Maqaan koo Bukaayoo Mosas Ayoyiinkaa Temidaayoo Saakaati.

BBC: Hiddi dhaloota kee Naayijeeriyaa irraa waan ta'eefii? Ittiin boontaa?

Saakaa: Eeyyee, baay'een ittiin boona. Haatifi abbaan koo Naayijeeriyaatti guddatan waan ta'eef duudhaan isaanii heddu keessa kootti ijaaramee jira.

BBC: Mee waa'ee daa'imummaa kee natti himi.

Saakaa: Daa'imummaatti yeroo mana jiruu nan yaadadha, ganamaan kaanee ciree keenya nyaanna. Haati kiyya hojii deemti, abbaan koo ammoo yeroo heddu qe'eerraa hin faagatu. Inni hojii deema yoo ta'e anumaafii obboleessa kootu mana tura; yeroo hundumaa ciree nuuf hojjatanii deemu.

BBC: Mana baruumsatti hoo maal fakkaatta ture?

Saakaa: Barataa cimaan ture. Dafeen waa tokko hubadha. Waa hubachuurratti baay'ee gaariin ture, waan barsiisonni barsiisaniifi ibsan dafee hubachuurratti cimaadha. Barataa cimaan ture yoon jedhe of jajuu hin ta'u.

Bukaayoo Saakaa erga galchii lakkoofsisee booda yeroo gammachuu ibsatu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Saakaan garee biyyaalessaaf galchii erga lakkoofsisee booda yeroo gammachuusaa agarsiisu

BBC: Tapha booda namni ati jalqaba wajjin haasoftu eenyudha?

Saakaa: Miira koo irratti hundaa'a. Ani yeroo bay'ee bilbila namatti hin bilbilu. Obboleessa koof yeroo baay'ee obboleessa koof ergaa gabaaban barreessa. Yeroo mo'annu ykn yoon galchii lakkoofsise ergaa namoota baay'etu baga gammadde jedhee naaf barreessa.

BBC: Guyyaa boqonnaa kee maal gochuutu si gammachiisa?

Saakaa: Guyyaa boqonnaa koo ganamaan ka'een qophaadhuma koo miilan deema.

BBC: Qophaa kee dabarsuun sitti tolaa?

Saakaa: Eeyyee, keessumaa yeroo dhiyoo as qophaa koo miilan deemuun na gammachiisa. Baay'ee nagaa namaa kenna. Sana booda deebi'ee ciree nyaadhee gara Landan deemee namootan itti dhiyaadhu waliin nyaata nyaadha. Restorantii deemuu fa'aan jaaladha. Yoon danda'e ammoo gabaa dhaqee waa bituun fa'aa natti tola, keessumaa guyyaa guutuu yoon boqonnaa qabaadhe.

'Yeroon miidhamee ture, kubbaan ala jireenyis akka jiru yaaduun eegale'

BBC: Maal fa'aa hojjachuu jaalatta?

Saakaa: Kubbaa! Yeroo dhiyoo as ammii buna danfisuun jaalataa dhufe. Ofumaafan buna danfifadha. Yeroo koo walakkaa barristaa [nama buna danfisu] ta'aan jira natti fakkaata. Akkamitti buna gaarii akka hojjatan baraan jira, cimaa ta'us. Yeroo dhiyyootti akkaataa itti barristaa cimaa ta'an barachuun koo waan hin oolledha.

BBC: Ogummaa kee amma itti jirtu kana keessatti yeroon ati baay'ee itti boontu kamiidha?

Saakaa: Bakkan amma irra gahe kanatti baay'een boona. Bu'aa bahiin keessa darbe ni beekta, haalan keessatti guddadhe, rakkoowwan garaa garaa ykn ammoo waan na mudate kamiyyuu keessa darbee haalan amma irra jiru bira gaheera. Ammayyuu xiyyeeffadheen hojjataa jira, kaka'uumsan qaba, gammachuun qaba. Gaafan umuriin bubbulaa deemu, yeroo hundumaa saa'aatii 24 torbanitti guyyaa 7 kubbaa miilaa irratti invest gochuu dhiisuu malta waan ta'ee, jireenya ofii madaala isaa eegsisanii gaggeeffachuun gaaridha; kallattii jireenyaa gara biraa jiraachunis baheessa.

BBC: Kana yoom hubatte?

Saakaa: Bara darbe yeroon miidhame jireenya keessa kun akka jiru naaf gale. Sana dura akkuma maashina ofiin hojjatuun ture, yeroo hundumaa kubbaa taphachuu ture. Waan biraa homaa hin godhun ture. Yeroo miidhamtu waan jaalattu hojjachuu akka hin dandeenye siif gala, kubbaa taphachuu hin dandeessu. Ji'a tokko kan ta'uuf kiraachidhan deemaa ture. Yeroo kana waan biraa yaaduu jalqabuu qabda. Suni sammuun koo kubbaan alatti waan biraas yaaduu akka jalqabu na taasise.

BBC: Jireenya kee keessatti waanti biraa milkeessun qaba jeettee yaaddu yoo jiraate, maalidha?

Saakaa: Waancaa hundumaa - Arsenaalifi Ingiliziif. Ogummaa kiyya keessatti waantin milkeessuu barbaadu kanaadha.

BBC: Bukaayoo Saakaa akkamitti ibsita?

Saakaa: Taphataafi taphaan alatti jireenyan keessa dabarse, waan narraa eegamuufi kanin jiraadhee darbe. Uumamaan yeroo bakka tokkoo iddoo biraa geessu, waan baay'ee baratta, bilchaataa deemta, ni guddatta. Garaagarummaan guddaan jiru sanaadha.

BBC: Gola Arsenaal keessatti warra baay'ee qoosufi nama taphachiisu keessaa tokoodha jedhama. Qoosaa ni jaalattaa?

Saakaa: Eeyyee, qoosuun baay'ee barbaachisaa natti fakkaata. Jireenya kee keessatti yeroo hunda qoosi, kolfi, taphadhu; waan fedheyyuu yoo ta'e kana gochuudhuma qabda.