Chaayinaan ijoolleen kana booda araada geemii tapahachuun hin rakkatan jette

Madda suuraa, Getty Images
Chaayinaatti dargaggoonni hedduun araada geemii taphachuutiin rakkataa turan irraa bayyanachaa jiru jedhame.
Rakkoon araada geemii chaayinaatti furamaa jiraachuu kan ibse ammoo Koree Garee Industirii Geemii Chaayinaati. Koreen kun Chaayinaatti qaama geemii to'atu keessayi.
Kun ammoo to'annoo cimaa Chaayinaan tapha geemii to'achuuf keesse irratti jijjiiramni akka jiraatu abdii uumera.
Chaayinaa keessatti bara 2021 irraa kaasee ijoollen sa'aatii sadi caalaa geemii irratti yeroo akka hin dabarsine dhorkaan bahee ture.
Dhorkaan mootummaan Chaayinaa sa'aatii ijoollen geemii taphachuu irra kaa'anii turan dhaabbilee geemitiif kufaatii ture.
Dhaabbilee teekinolojii geemii oomishan kanneen akka 'Tencent' murtee aangawoota Chaayinaatin miidhamaniiru.
'Tencent' dhaabbata teeknolojii Chaayinaa addunyaa irratti geemii omishuudhan beekamuudha.
Chaayinaatti ijoollen dhibeentaa 75 ta'an torbanitti geemii sa'aatii 3 gadi taphataa akka jirantu gabaafame. Kanaanis dhaabbileen geemii Chaayinaa kanneen akka Tencent fa'aa 'bu'aa ajaa'ibaa' galmeessisuutu himame.
Mootummaan Chaayinaa geemii taphachuu irratti dhorkaa sa'aatii kan kaa'e dargaggoonni araada geemii taphachuu irraa kan ka'e rakkoowwan akka
- arguu dhabuu
- waan tokko irratti xiyyeeffachuu dadhabuu
- rakkoo fayyaa sammuu
- hirriba dhabuu fa'aan rakkataa waan turaniifi.
Haa ta'u garuu yeroo ammaa kana Chaayinaa keessatti weerarri Koovid irra deebin ka'uu fi yeroo qorraa ta'uu irraa kan ka'e ijoollee yeroo dheeraa manatti waan dabarsaniif maatin ijoollen isaanii yeroo dheeraa fudhatanii akka tapahatan hayyamaafii jiru.
Namoonni jajjaboonis geemii taphachuun Chaayinaatti baramaa dhufeera.
Inumaayyuu namoonni dulloomanii fi manatti kunuunsi taasifamuuf ijoollee xixiqqoo waliin walitti dhufeenya isaanii cimsuuf karaa onlaayinii geemii taphachaa jiru jedhame.












