Arsenaal Waancaa Piriimeer Liigii baranaa injifachuu danda'aa?

Madda suuraa, Getty Images
Amma yerootti Arsenaal waancaa injifata jedhamee odeeffamu miti, garuu namni Arsenaal ji’oota 13 dura beeknu irraa kun adda tahuu beeka,’’ jedha Alan Shiirer.
Arsenaal tapha Bireentifordi waliin taasise 3 fi 0’n injifachuun dursummaa gabatee Piriimer Liigiitti deebi’e.
Tapha jalqabaa bara darbee irratti waan mudate ni beekna, Bireentifoordi yoo hin mo’anne illee isaan qoccolu.
Waan hundumtuu addadha, Sarara duraa fi ittisni isaanii isa irratti ammoo akkaataatti taphicha to’atan waan addaati.
Gama tokkoon gahumsi Bireentifordi agarsiisan gadi bu’aa tahuu agarsiisa. Garuu kana kan taasise Arsenaal haala gaariin taphachuu isaaniiti.
Bireentifoordi akka bara darbe sana bahanii hin taphanne. Arsenaal bara darbee sanas miti kan isaan argatan.
Gareen Arsenaal ammaa kun guddaa fi cimaa qofa miti. Dabalataan kaka’umsa guddaa qbau.
Taphattootni Bireentifoordi sarara duraa Ivaan Toonii fi Biriyaan Imbemoo kubba argachuu hin dandeenye.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gabri’eelii fi Wiiliyaam saalibaan gahumsa guddaan kubba waan to’ataniif sochii homaa agarsiisuu hin dandeenye.
Galchii Arsenaal lammaffaa fi sadaffaaf Bireentifoordi yeroo fi bakka qullaa bal’aa kennaniiru.
Tapha bara darbee irratti taphattoota hirmaatan keessaa afur qofatu tapha kaleessaa irrattis hiriire.
Been waayit, Keeran Tiyeernii, Giraanaayit Zhaakaa fi Gabri’eel Maartineelii qofatu bara darbee fi kan baranaa irratti taphate.
Maayil Arteettaan haamilee taphattootaa guutummaatti jijjiireera.
Bara darbe taphoota jalqabaa sadii mo’amuun kan jalqaban Arsenaal akka malee ceepha’amanii ture. Bara kana ammoo taphoota torba keessaa jaha mo’achuun jalqaban.
Oduu biraan Everteen injifannoo jalqabaa argachuun dhiibbaa Firaanki Laampaardi irra jiru laffiseeraaf.
Everten galchii 1 fi’0n West Haamiin injifate. Maanchister Siitiin Woolvisin injifachuun sadarkaa lammaffaa irra taa’e.
Haalaandi galchii lakkoofsisuu itti fufuun walumaagala galchii 13ffaa isaa Maan Siitiif lakkoofsise.












