Obbo Isaayaas Jiraa pirezidantii Federeeshinii Kubbaa miilaa Itoophiyaa ta'uun irra-deebiin filataman

Madda suuraa, Federeeshinii Kubbaa Miillaa Itoophiyaa
Waggoota arfan darbaniif pireezidantii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa ta'uun tajaajilaa kan turan Obbo Isaayyas Jiraa, filannoo gaggeeffameen sagalee 94 argachuun yeroo lammaffaaf injifatan.
Morkattoota filannoof dorgoman keessaa Obbo Malaakuu Faantaa sagalee 27, Obbo Tokkichaa Alamaayyoo ammoo sagalee 17 argachuu ragaan federeeshinicharraa argame ni mul'isa.
Ga’eessi ganna 50 Obbo Isaayyas Jiraa pireezidantii federeeshinichaa ta'uun irratti dabalataan, Pirezidantii I/Aanaa Waldaa Kubbaa Miilaa Biyyoota Bahaafi Giddugala Afrikaa [CECAFA] ta’un tajaajilaa jiru.
Obbo Isaayyaas Jiraa Naannoo Oromiyaa bakka bu’uun dorgomaa turan.
Waggaa afur dura ALI bara 2010 naannoo Oromiyaa bakka bu’uun dorgomanii injifatan.
Adeemsa filannoo yeroosii magaalaa Samaraatti taasifame ''nuffisiisaa'' jechuun ibsan.
Filannichi marsaa lamaan taasifame.Yeroos hojii gaggeessaa kilabii kubbaa miilaa magaalaa Jimmaa ta’anii hojjetaa turan.
Waggoota 20 oliif hooggansummaan ispoortii keessa turuu miidiyaalee biyya keessaaf himaniiru.
Kana dura hojii gaggeessaa kilabii kubbaa miilaa magaalaa Jimmaa akkasumas kilabii kubbaa miilaa magaalaa Sabbataa ta’un tajaajilaniiru.
Bara pirezidantii federeeshinichaa turan kanatti ‘’waan qabatamaafi ijaan mul’atu’’ dalaguu himan.
Garuu, ‘’Gahaadha jennee hin yaadnu’’ jechuun ibsan.
‘’Waan qoma nama dhiibsisu osoo hin taane, waan mataa nama gad hin qabachiifne hojjenneerra,’’ jechuun miidiyaa biyya keessaatti himan.
Wantoota irra-deebiin yoo filaman dalaguuf yaadan keessaa inni ijoo gurmaa’insa kilabootaa irratti ta’uu ibsan.
Hojiin kuni deebii baay’ee deebisa jechuun himan.












