Dorgomtoota Pirezidantii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa waliin wal baraa

Dorgomtoota Pirezidantii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Obbo Tokkichaa Alamaayyoo, Obbo Isaayyaas Jiraa fi Obbo Malaakuu Fantaa [bitaarraa mirgatti]

Madda suuraa, YouTube, BBC, Bereket

Ibsa waa'ee suuraa, Dorgomtoota Pirezidantii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Obbo Tokkichaa Alamaayyoo, Obbo Isaayyaas Jiraa fi Obbo Malaakuu Fantaa [bitaarraa mirgatti]

Federeeshiniin Kubbaa Miilaa har’aafi boru jechuunis ALI Hagayya 21 fi 22 yaa’ii waliigalaafi filannoo pirezidantii ni taasisa.

Pirezidantii ta’uf Pirezidantin Federeeshinichaa Obbo Isaayyaas Jiraa, Obbo Tokkichaa Alamaayyahuufi Obbo Malaakuu Fantaa ni dorgomu.

Filannoon pirezidaantummaan alatti miseensota koree hojii raawwachiiftuu ta’uf kaadhimamtoonni 32 dhihaataniiru. Kaadhimamtoonni koree filannoo raawwachiiftuun ilaalamaniiru.

Pirezidantiin haaraa filamu imaanaa guddaatu isa eeggata. Ispoorticha ammayyeessuuf, guddisuufi garee dirree itti taphatu dhabee biyya ormaatti taphatuuf furmaata kennuutu irraa eegama.

Yaa’iin waliigalaa kuni jalqaba Magaalaa Gondaritti akka taasifamu erga himamee booda gara Finfinnee akka deebi’u ta’e.

Dorgomtoonni sadan naannolee lamaafi bulchiinsa magaalaa tokko bakka bu’an. Sadanuu dhiiradha.

Obbo Isaayyaas Jiraa

Obbo Isaayyaas waggoota afran darbaniif Pirezidantii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa ta’un tajaajiluutti jiru. Amma irra deebiin dorgomu.

Dabalataan, ga’eessi ganna 50 Pirezidantii I/Aanaa Waldaa Kubbaa Miilaa Biyyoota Bahaafi Giddugala Afrikaa [CECAFA] ta’un tajaajilaa jiru.

Obbo Isaayyaas Jiraa Naannoo Oromiyaa bakka bu’uun dorgomu.

Waggaa afur dura ALI bara 2010 naannoo Oromiyaa bakka bu’uun dorgomanii injifatan.

Adeemsa filannoo yeroosii magaalaa Samaraatti taasifame ''nuffisiisaa'' jechuun ibsan. Filannichi marsaa lamaan taasifame.

Yeroos hojii gaggeessaa kilabii kubbaa miilaa magaalaa Jimmaa ta’anii hojjetaa turan.

Waggoota 20 oliif hooggansummaan ispoortii keessa turuu miidiyaalee biyya keessaaf himaniiru.

Kana dura hojii gaggeessaa kilabii kubbaa miilaa magaalaa Jimmaa akkasumas kilabii kubbaa miilaa magaalaa Sabbataa ta’un tajaajilaniiru.

Bara pirezidantii federeeshinichaa turan kanatti ‘’waan qabatamaafi ijaan mul’atu’’ dalaguu himan. Garuu, ‘’Gahaadha jennee hin yaadnu’’ jechuun ibsan.

‘’Waan qoma nama dhiibsisu osoo hin taane, waan mataa nama gad hin qabachiifne hojjenneerra,’’ jechuun miidiyaa biyya keessaatti himan.

Wantoota irra-deebiin yoo filaman dalaguuf yaadan keessaa inni ijoo gurmaa’insa kilabootaa irratti ta’u ibsan. Hojiin kuni deebii baay’ee deebisa jechuun himan.

Obbo Tokkichaa Alamaayyahu

Obbo Tokkichaa Alamaayyahu kaadhimamtoota pirezidaantummaa Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaaf dorgoman sadan keessaa umriin isa xiqqaadha.

Bara 1975 magaala Goreetti kan dhalatan Obbo Tokkichaan ga’eessa ganna 39’ti. Yeroo ammaa magaalaa Dirre Dhawaa bakka bu’uun dorgomu.

Biyya Ingliiz Yunivarsiitii Livarpuul irraa mummee barnootaa Mahaandisummaa Siiviiliin kan ebbifaman Obbo Tokkichaa, ga’eessa hojii uumtummaan maqaa horatanidha.

Gareen kubbaa miilaa Itoophiyaa gulaallii waancaa Afrikaaf taasisaa jiru dirreen mijataa waan dhibeef biyya ormaatti taphate

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gareen kubbaa miilaa Itoophiyaa gulaallii waancaa Afrikaaf taasisaa jiru dirreen mijataa waan dhibeef biyya ormaatti taphate
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Damee hojii ijaarsaa irratti bobba’uunis biyyaalee Afriikaa garaagaraarra naanna’uun hojjetaa turuu himu.

Waggoota afur dura immoo kubaaniyaa ‘Elnet Technologies’ jedhamu hundeessuunfii isa jalattis dhaabbilee 11 ta’an ijaaruun dameelee invastimantii garagaraa irratti akka bobba’an seenaan jireenya isaanii hima.

Ispoortiin kubbaa miilaa Itoophiyaa jijjiirama bu’uuraa akka isa barbaachisu dubbatu.

Kaadhimamaan kun kutaaleen ispoortii kubbaa miilaa sadarkaa manneen barnootaa hanga kilabootaa jiran qindoomina uumuu akka qaban himu.

Pirezidaantummaan yoo filamanis federeeshinicha gama faayinaansiin cimsuu fi walitti dhufeenya dhaabbilee kubbaa miilaa idil addunyaa kan akka FIFA walin qabu guddisuu irratti akka hojjetan dubbatan.

Dirreewwan kubbaa miilaa /Isteediyeemiiwwan/ magaalota garagaraa fi Yunivarsiitiilee keessatti ijaaraman fooyyeessuun gahoomsuuf yaada qabu.

Akkasumas, lammiileen Itoophiyaan dhaabbilee akka Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afriikaa /CAF/ fi FIFA keessatti gahee hooggansummaa akka qabaattu gochuunis kaayyoowwan isaan keessaati.

Obbo Malaakuu Fantaa

Obbo Malaakuu Fantaan Naannoo Amaaraa bakka bu’un dorgomu. Filannoo waggaa afur duraan naannicha kan bakka bu’an Obbo Takkaa Asfaaw lammaffaan xumuran.

Obbo Malaakuun kana dura ministira galiiwwanii federaalaa ta’un tajaajilani. Bara bulchiinsa isaanii malaammaltummaan shakkamuun mana murti deddeebbi’aa turan.

Isaan garuu himannaa irratti baname waakkatan.

Akka gabaasa miidiyaalee biyya keessaatti walitti qabaa boordii Baankii Amaaraa, akkasumas Waldaa Misooma Amaaraa ta’un tajaajilaa jiru.

Dabalataan, miseensa boordii kilaba kubbaa miilaa Faasil ta’uunis tajaajilu.

Yoo filamanis dhageettii CAF keessatti Itophiyaan qabdu dabaluuf akka hojjetan himan.

Dabalataan, istaadiyeemiiwwan yeroo gabaabaatti xumuramanii gareen biyyaalessaa dirree isaarratti akka taphatu nan taasisa jedhan.

Sababa dirreen mijataa yookiin sadarkaa isaa eeggate dhibeef gareen kubbaa miilaa Itoophiyaa gulaallii waancaa Afrikaa dirree ormaatti taphate.

Kubbaan miilaa keenya ‘’jijjiirama guddaa’’ akka barbaadu kan ibsan Obbo Malaakuun, kubbaa miilaa dubartootaaf xiyyeeffannoo akka kennan himan.

Obbo Malaakuun adeemsi filannoon kanaa ifa akka ta’u gaafataniiru.