Obbo Isaayyaas Jiraa pirezidantii Itti - aanaa CECAFA ta'an

Isaayyaas Jiraa pireezidantii Federeeshinii kubbaa miilaa Itoophiyaa ta'an

Madda suuraa, SOCIAL MEDIA

Pirezidantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa pirezidantii Itti -aanaa CECAFA ta'un filamuu isaanii federeeshinichi beeksise.

CECAFA'n Waldaa Kubbaa Miilaa Biyyoota Bahaafi Giddu gala Afrikaa yoo ta'u waldaalee kubbaa miilaa erga hundaa'anii waggoota dheeraaf turan keessaa tokkodha.

Walmorkii kubbaa miilaa waldaan kuni qopheessu irratti taphattoota liigii biyya keessaa irratti taphatan qofaatu hirmaata.

Yaa'ii waliigalaa waldichi guyyaa har'aa biyya Yugaandaa magaalaa Kaampaalaatti taa'een lammiin Yugaandaa Waalas Kaariyaa Pirezidantii ta'un filaman.

Obbo Isayyaasiifi lammiin Sudaan Kibbaa biroo immoo Pirezidantii Itti- Aanaa ta'un akka filaman gabaafameera.

Kunneenis waggoota afur dhufaniif waldicha tajajailu. Kana jechuun garuu aangoo isaanii kan Federeeshini Kubbaa miilaa Itoophiyaa ni gadhiisu jechuu miti.

Itoophiyaan sababa ifatti hin beekamneen waldorgommii waldaa kanaa barana biyya Yugaandaatti taasifamaa jiru irratti hirmaataa hin jirtu.

Haa ta'u malee, hanqinni bajataa sababa tokko akka ta'u danda'u amanameera.

Sababa kanaanis, walmorkiin biyyoota Itoophiyaafi Ertiraa eegamu osoo hin milkaa'in hafeera.

Obbo Isaayyaas Jiraa waggaafi ji'a jaha dura ture federeeshinii kubbaa miilaa akka hoogganan kan filaman.