Leenjisaan garee Biyyaalessaa Itoophiyaa Wubetuu Abaatee waliigaltee isaanii waggaa lamaaf haaressan

Madda suuraa, Soccer Ethiopia
Leenjisaan kubba miilaa garee biyyaalessaa Itoophiyaa Wubetuu Abaatee kontiraata isaanii haaressuun turtii waggaa lamaa mallatteessan.
Federeeshiniin kubba Miilaa Itoophiyaa akka jedhetti leenjisaa Wubetuu Abaatee hanga Fulbaana 2024'tti garee biyyaalessaa leenjisuuf waliigalaniiru.
Wubetuu Abaatee leenjisaa duraanii garee biyyaalessa Itoophiyaa Abirahaam Mabiraatuu bakka bu’uun ture bara 2020 garicha leenjisuu kan jalqaban.
Ergasii turtii waggoota saddetii booda garee biyyaalessaa Itoophiyaa dorgomii Waancaa Afrikaa 2020f fi akkasumas waggoota jahaan booda ammo dorgommii CHAN’f dabarsan.
Federeeshinichi fuula Feesbuukii isaa irratti akka beeksisetti leenjisichi waliigaltee isaanii kana Fulbaana 19,2022 miidyaleef ibsu.
Wubetuu Abaatee kileboota akka Adaamaa, Dedebit, Buna Itooophiyaa fi Ahilii Shendii jedhaman leenjisuun milkaa’ina gaarii leenjisaa galmeessanidha.
Oduun kun kan dhagahame dhiyeenya Waggoota arfan darbaniif pireezidantii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa ta'uun tajaajilaa kan turan Obbo Isaayyas Jiraa yeroo lammaffaaf filamuun isaanii ni yadatama.
Ga’eessi ganna 50 Obbo Isaayyas Jiraa pireezidantii federeeshinichaa ta'uun irratti dabalataan, Pirezidantii I/Aanaa Waldaa Kubbaa Miilaa Biyyoota Bahaafi Giddugala Afrikaa [CECAFA] ta’un tajaajilaa jiru.
Gareen Biyyaalessa Itoophiyaa tapha gulaallii Waancaa Afrikaa bara 2023’f garee D keessatti Masirii, Giinii fi Maalaawwii waliin ramadaman.
Tapha marsaa jalqabaa Maalawiidhaan mo’amuun tapha Masirii waliin godhan ammoo galchii Daawwaa Hoxxeessaa fi Shimallis Baqqalaan 2 fi 0’n injifatan.
Kana hordofuun Masiriin leenjisaa ishee Ehaab Galaal hojiirraa ariite.
Galaal ji’a Eeblaa keessa leenjisaa garichaa kan turan Kaarlos Quurez bakka bu’uun ture kan qacaraman.
Quurez Masirii Waancaa Adunyaa Qataariif dabarsuu dadhuun hojiirraa ari’aman.
Garuu Galaal osoo hin eegamiin garee biyyaalessaa Itoophiyaan 2 fi 0’n injifatamnaan taphoota sadii qofa leenjisuun hojicha irraa aggeeffaman.
Ergasii Masiriin leenjisaa duraanii Benefikaa Ruyi 7Kaarlos Piinoo da Vitooriyaa qacarte.
Vitooriyaan waggoota sadii fi walakkaa kilaba Poorchugaal Benefikaa leenjisuun waancaawwan torba injifatateera.












