Kaartuum keessatti 'humna addaa' fi raayya biyyaa gidduutti waraanni dhalate

Madda suuraa, AFP
Muddamni humna addaa fi raayyaa ittisaa gidduu guyyootaaf ture hammaatee Magaalaa guddoo Sudaan Kaartuum keessatti walitti dhukaasaafi dhoyiinsi dhagaahame.
Muddamni kun karoora waraanni biyyattii bulchiinsa biyyaa warra Siiviiliif dabarsee kennuuf jedhuurratti xiyyeefata.
Rooyitarsi akka gabaasetti gidduugala magaalittii, waajira olaanaa humna waraanaa biyyattii biratti dhukaasni dhagaahame.
Humni addaa, Rapid support Force jedhamu buufata xiyyaaraa to'annoo jala oolfachuu beeksiseera.
To'annoo kana dura ammoo humni kun buufatni isaa Kibba Kaartuumitti argamu haleelamuu himatee ture.
Humni waraanaa biyyattii gama isaan loltootni RSF gidduugala waraanaa biyyattii to'achuuf yaalan jedheera.
''loltootni Rapid Support Force buufataalee waraanaa hedduu Kaartuumiifi isaan ala Sudaan keessa jiran haleelan'' jechuun dubbii himaan waraanichaa Birgaadeer Janaraal Nabiil Abdallaah AFP'tti himan.
''Waraanni gaggeefamaa jira, raayyaan gaafatama biyya tiksuuf qabu bahachaa jira'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Rooyitarsi gama isaan Kaaba magaalaa Merooweetti waraanni gaggeefamaa jiraachuu namoota ijaan argan irraa odeeffateera.
TV Alarabiyaaa jedhamu waabeffachuun buufata waraanaa keessaa aarrii yeroo bahu suura agarsiisus maxxanseera.
Sudaan erga fonqolcha bara 2021 hanga ammaa kan bulaa jirtu maqaa Sovereign Council jedhuun janaraalota waraanaani.
Humni addaa RSF jedhamu ammoo kan bulu pireezidantii itti aanaa mana marichaa Janaraal Mohaammad Hamdaan Dagalootiini. Waraanni biyyattii ammoo Jeneraal Abdel Fattaah al-Burhaaniin hoogganama.
Bulchiinsa biyyattii harka waraanaa baasanii gara warra Siiviliitti ceesisuun yeroo dheeraaf kan harkifate humna addaa kana waraana biyyattiitti makuun waan barfateefi.
RSF yaadni walitti makuu kun waggaa 10 booda akka ta'u yaada yoo dhiyeessu raayyaan biyyaa ammoo waggaa lama keessatti akka raawwatu barbaada.
RSF loltoota isaa gara buufata waraanaa biyyattii naannoo Meroowee jedhamuu siqsuun muddama torbee kanaa hammeesseera.
Janaraal Burhaan itti isaanii Daaglaan waliin aangoon harka warra siiviliitti yoo ce'u eenyu waraana biyyaa hooggana kan jedhu irratti mariyachuuf fedha qabaachuu ibsaniiru.
Warri Lixaa fi aanga'oonni naannichaa hoogganoonni waraanaa lameen rakkoo jiru taa'anii mariin akka furan waamicha dhiyeessaa jiru.
Fonqolchi mootummaa bara 2021 bulchiinsa waloo waraanaafi warra Siiviilii waggaa lamaaf ture goolee aangoo humna waraanaatti deebiseera.















