UN doorsisa 'ajjeechaa' ergamaasaa Sudaan irratti raawwatameen yaadda'uu beeksise

Volkar Perthes

Madda suuraa, AFP

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii waa’ee waraabbii viidiyoo namni tokko osoo ifatti bakka bu’aa dhaabbatichaa Sudaan keessaa kan ta’e Volkar Perthes akka ajjeesamuuf waamicha taasisuutiin baayyee yaadda’uu himan.

Aab Volkar Perthes Sudaaniitti Bakka Bu’aa Addaa Barreessaa Olaanaa Mootummoota Gamtomanii fi biyyattiitti Dursaa Ergama Gargaarsa Cee’umsa Qindaa’ee UNITAMS ti.

Viidiyoo jedhame irrattis namtichi Aab Perthes siyaasaa biyyattii jiduu galaniiru jechuun yoo himatan dhagahama.

Dhaabbanni mootummoota Gamtoomanii garuu taatee kana akka qorataniif aanga’oota Sudaan gaafateera.

Sudaan erga aanga’onni biyyattii guyyaa itti aangoo gara mootummaa siviiliitti dabarsan erga torban kana darbee kaasee rakkoo siyaasaa keessatti argamti.

Garaagarummaa waraana keessatti umamee marii riifoormii gaggeeffamaa jiruu keessatti garaa garummaan akka hundee gadi faggeeffatu taasiseera.

Waraabbiin viidiyoo miidiyaa hawaasaa irratti qoodamaa jirus wayita maanguddoon lammii Sudaan tokkoo ifatti qondaala UN arrabsanii fi ittaansuun ammoo warri seera dabarsan akka ajjeessaniif gaafatan.

Taateen kunis wayita walgahiin paartilee Islaamaa kanneen dure biyyattii duraanii Omaar al- Baashiir waliin hidhata qaban taa’anii turaniitti.

Ibsa baafame keessatti ammoo, qondeessitoonni walgahiichaa haasaan namtichaa akak ilaalchisa isaanii bakka hin buune himan.

Bara darbe mormiitoonni Isilaamaa hiriiraaf bahan kumaatamni dippilomaatiin Jarmanii akka biyyaa bahuuf gaafatanii ture. Sababiin isaas dippilomaatichiifi UN siyaasaa biyyattii keessa harka galfataniiru kan jedhuudha.

Sudaaniitti erga waraanni Janaraal Abdal Fattaah al- Burhaaniin durfamu aangoo mootummaa siviilii irraa fudhatee Onkolooleeessa 2021 irraa kaasee, torba torbaniin hiriirri gaggeeffamaa jira.

Sababii garaagarummaa waraana jidduutti cimeef jecha mariin waraanni akka aangoo mootummaa siviiliitti keennuuf taasifamaa jiru danqameera.