'Godina Gujiittii weerara koleeraan lubbuun namaa darbaa jira'- Jiraattota

Nama harka dhiqatu

Madda suuraa, Getty Images

Godiina Gujii aanaalee garaa garaa keessatti weerara dhibee koleeraa ka'een lubbuun namaa darbaa jiraachuu ogeessa fayyaa dabalatee jiraattonni BBCtti himan.

Weerarri kun Godina Gujii aanaalee akka Sabbaa Boruufi Waadaraatti baay'inaan mu'lataa akka jiru dubbatu jirattonni.

Jiraataan Aanaa Sabbaa Boruu ganda Qaanxichaa BBC'n dubbise akka jedhetti gandasaanii keessatti torban tokkotti koleeraan lubbuu namoota hedduu galaafateera.

"Aanaa Sabbaa Boruutti hanga ammaa kan inni itti argame bakka tokko. Ganda Qaanxichaa jedhama, lafa albuudaati. Hojii albuuda baasuu itti hojjatama, uummanni ammoo sababa hongeefi rakkoo nageenyaan ganda sanatti walitti qabame jira."

Sababa uummanni achitti baay'atuuf dhukkubni kun achitti ka'ee hanga guyyaa kaleessatti [Ebla 9, 2023] namni kudhanii sadi du'ee jira," jechuun weerarri koleeraa kun erga ka'ee torbee tokko akka hin caalle dubbata jiraataan kun.

Bishaan qulqulluun dhabamuufi waldhaansi gahaan jiraachuu dhabuun weerarri kun hammaataa taasisaa akka jiru hima jirataan kun.

Aanaadhuma Sabbaa Boruutti ogeessi fayyaa buufata fayyaa Qaantichaa tokko namoonni heddu koleeraan qabamuufi kan du'anis jiraachuu BBCtti himan.

"Namni amma qabamee ciisee jiru jiru nama sagaltamii afur. Namni shan lubbuun darbeera. [Walumaa galatti] namoonni dhibichaan qabamanii gara buufata keenyaa dhufan naannoo nama sagaltamii torbaati," jedhu ogeessi fayyaa kun.

Ka'uumsi weerara kanaa bishaan qulqullina hin qabne ta'uu himu ogeessi fayyaa kun.

Gama biraan ammoo hanqinni qorichaafi waldhaansa fayyaa gahaan waan hin jirreef namoonni gargaarsa barbaachisu argataa akka hin jirre dubbatu ogeessi fayyaa kun.

"Yeroo ammaa hanqina qorichaatu jira, qorichi dura Nageellerraa dhufa. Sababa godinni addaan diigamee Godiina Boorana [Bahaa] ta'eef qorichi achii dhufuu hin dandeenye," jechuun qorichi duraan Nageelle ture Godiina Boorana Bahaafi Godina Gujiitti addaan hin qoodamne jedhamee akka itti himame dubbatu ogeessi kun.

Hanqina qorichaa mudateen namoota koleeran qabamanii buufata fayyaa Qaantichaa ciisan keessaa lama qofti hanga ammaa fayyanii galuu himu.

'Aanaa Waadaraatti namoota sagaltu du'e'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Godiina Gujii aanaa Waadaraatti ammoo weerara kanaan lubbuun namoota sagalii darbuu angawaan mootummaa aanichaa BBCtti himan.

Obbo Margaa Nagaraa angawaa Waajjira Kominikeeshinii Aanaa Waadaraa yoo ta'an aanaa isaanii keessatti weerarriku erga ka'ee ji'a tokko akka guutefi namoonnillee du'aa jiraachuu dubbatu.

"Aanaa Waadaraatti [dhukkubni kun erga eegalee] amma ji'a tokkoof deemaa jira. Ganda Eebbaa Hiddaa jedhamurraa ka'ee yeroo ammaa kana gandoota anichaa guuttummaatti wal-ga'ee jira jechuu dandeenya."

"Hanga guyyaa kaleessatti [Ebla 9, 2023], odeeffannoo wajjira fayyaa aanichaarraa arganneen namoonni 666 qabamanii, kana keessaa namni 638 yaala argatee gara manaa galee jira. Buufata dhufee osoo yaalamaa jiruu hanga guyyaa kaleessaa namni 9 lubbuun isaa darbeera," jedhan Obbo Margaan.

Angawaan kun akka jedhanitti guutummaa aanaa Waadaraatti weerarri dhibee koleeraa babal'achuu kan danda'eef haalli nageenyaa rakkisaa ta'uun dhibicha to'achuuf danqaa godheera.

Inistitiyuutin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa gabaasa ji'a Bitootessaa keessa baaseen Itoophiyaatti namoonni 37 dhibee koleeran du'uu ibsee ture.

Weerara kanaan harki caalan kan miidhaman naannoo Oromiyaatti akka ta'es gabaasni kun ibsee ture.

Koleeraan baakteeriyaa vibiroo koleeraa jedhamuun kan dhufu yoo ta'u, yeroo baay'ee nyaata yookiin bishaan faalameen akka darbu ogeeyyiin himu.

Kana malees hanqina qulqullina dhunfaa fi naannoo mana fincaanitiin alatti qulqullaa'uu, akkasumas mana fincaaniitti haalaan fayyadamu dhabuu akka ta'e, ragaan Inistitiyutii Fayyaa Ummata Itoophiyaa ni mul'isa.

Akka ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) agarsiisutti sababa weerara dhibee koleeran waggaatti namoonni 21,000 hanga 143,000 ni du'u.