'Weerarri koleeraa aanaalee Oromiyaa jalqaba itti mul'ate keessaa badeera' - Biiroo Fayyaa Oromiyaa

Bishaan bombaa fi harka bishaan jala qabame

Madda suuraa, Getty Images

Naannoolee Oromiyaafi Somaalee keessatti dhibeen koleeraa walumaagalatti namoota 1,055 irratti argamuu fi 28 kan ta'an sababa kanaan du'uu UN gabaaseera.

Godinaalee Oromiyaa sadii keessatti weerarri dhukkuba koleeraa mula’chuu, Itti aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa fi qindeessaan Balaa Fayyaa Hawaasaa Obbo Tasfaayee Kabbaba BBC'f mirkaneessaniiru.

Baalee, Gujii fi Arsiin Lixaa godinaalee weerarri dhukkuba kanaa itti mul’atedha.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Jaarmiyaan deeggarsa namoomaa qindeessu- OCHA akka gabaasetti, hanga Amajjii 30, 2023tti gandoota 66 aanaalee Godina baalee, Gujii fi Arsii Lixaa 8 jala jiran fi Aanaalee Naannoo Somaalee Godina Liiban 2 keessatti dhibeen kun mul'ateera jedhe.

''Dhukkubni kun yeroo jalqabaaf kan gabaafame ALI Hagayya 22, 2014tti aanaalee ollaa Oromiyaa daangeessan keessatti,’’ jedhan Obbo Tasfaayeen.

Hamma yoonaa dhukkuba kanaan namoonni 856 qabamuu mirkaneessuu himan ogeessi kun.

''Namoonni baayyeen weerara kanaaf saaxilaman immoo kanneen godina Baalee keessa jiraatanidha,’’ jedhan.

Weerarri kun godina Baalee aanaalee ja’a keessatti argamuufi godinaalee Gujii fi Arsii Lixaa keessatti immoo aanaalee isaanii tokko, tokko keessatti mul’achuunsaa gaabafameera jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka hogganaan kun jedhanitti, dhukkubichi, dafee gabaafamuu dhaburraan kan ka’ee, aanaalee saddeet keessatti hamma yoonaa walumaagalatti, ''lubbuun namoota 13 darbeera.’’

Dhukkubni kooleeraa dhibee baakteeriyaa irraan dhufuufi namaa namatti daddarbudha.

Akka Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti koleeraan ammallee yaaddoo fayyaa hawaasaati, akkasumas hanqina guddina hawaasaa agarsiisa jedha.

Akka addunyaattii waggaa, waggaa namoonni miiliyoona 1.3 hanga 4.0 ta'an dhukkuba koleearaan qabamu.

Namoonni 21,000 hanga 143,000 ta'anis sababuma dhukkuba kanaa lubbuun isaanii darba jedha dhaabbatichi.

''Bishaan qulqulluu hin taane dhuguu, mana fincaanii qulqullinnisaa hin eegamnetti fayyadamuun baakteeriyaan bobbaa namaarraa afaan yoo gale fa’i dhukkuba kanaaf nama saaxila,’’ jedhan.

Hogganaan kuni, dhukkubni kun darbee, darbee yeroo hongeen mudatuufi waqtii arfaasaarra babal’ata jedhu.

''Yeroo goginsi mudatu namoonni bishaan barbaacha bakka tokkoo gara biraatti deemuun waan qubataniifi, laga tokko fa’irraa dhuguu, bobbaa naannoo wal-fakkaataatti bahuu, kunimmoo dhukkubichi takkaa mudateera taanaan akka daddarbu godha,’’ jedhan.

''Weerarri dhukkuba kanaa erga eegalee kaasee hojii qindoominaa kara Biiroo Fayyaa Oromiyaan hojjetameen aanaalee dhukkubichi jalqabe keessatti argametti, ammatti namni haaraa qabame gabaafame hin jiru,'' jedhan.

Aanaalee sadiin alatti kanneen hafan shanan yeroo ammaa kanatti nama haaraa qabame hin gabaasne jedhan.

''Iddoowwan dhukkubichi jalqaba mul'ate keessatti immoo yeroo ammaa namni haaraa qabame hin jiru,'' jedhan.

''Biiroo Bishaanii fi qaamota eegumsa qulqullinaa irratti hojjetan biroo wajjin tahuun dhukkuba kana irratti hojiin guddaa hojjtameera,'' jedhan.

Gama biraan, ''dhukkubni kuni waan yeroo hunda hin dhalanne gatii taheef ogeessota namoota dhukkubicha yaalaniif leenjii dhiyeessuu, kanneen dhukkubichaaf saaxilaman faana dhahuufi hojiiwwan kanaan wal-qabatan irratti duula gaggeessuu fi hubannoo kennuu irratti hojjetameera,’’ jedhan.

Otoo hojiin kuni bal’inaan hin dalagamne taheetii silaa weerarri kuni erga jalqabee kaasee kana caalaa babal’achuu danda’a tures jedhan.

Weerarri dhukkuba koleeraa dhalate kuni hangam yaaddeessa dha jechuun gaaffiii dhiyeessineefii turre.

Dhukkubni kamiyyuu nyaataa fi dhugaatii wal-qabatee daddarbu yaaddoo tahuu danda’a, jedhan.

''Kanaaf dhukkubni kooleeraas salphumatti nagaa wal-gaafachuu, waliin nyaachuu fa’iin waan daddarbuuf yaaddoo tahuunsaa gaaffii mitii,’’ jedhan.

Tahus dhaaboti idila addunyaa kannnen akka UNICEF fi Dhaabbati Fayyaa Addunyaa hojii 'ittisaa' irratti bobba'uun godinaalee dhukkubichi dhalterratti hojjechaa jiruu jedhan.