Akka idil-adduunyaatti Koleeraa balleessuuf waadaa yeroo jalqabaaf galame

Madda suuraa, EPA
Angawoonni fayyaa biyyoota adduunyaarraa walitti dhufan, du'a dhukkuba Koleeraan dhufu bara 2030 A.L.A tti %90'n ittisuun haala danda'amu irratti Firaansitti mari'achaa jiru.
Dhukkubni bishaan faalameen daddarbu kun, waggaatti namoota 100,000 ta'an ajjeesa. Duuti kuma 10 ol Itoophiyaa keessatti yoo ta'u, kunis addunyaarraa sadarkaa 2ffaa dha.
Mootummoonni, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa, eejansiiwwan gargaarsaa fi dhaabbileen arjoomaa waadaa akkasii yoo galan kun yeroo jalqabaafi.
Kunis yeroo Yaman weerara Koleeraa hamaa kan yeroo kamiiyyuu caaluun rakkachaa jirtu keessatti kan dhufe dha.
Biyya waraanaan barbadaa'aa jirtu kana keessatti hanqina eegumsa fayyaa fi hir'ina dhiyeessii bishaaniin walqabatee Koleeraan tamsa'aa tureera.
Namoonni 770,000 ol dhukkuba salphaatti yaalamuu danda'u kanaan kan qabaman yoo ta'u, 2,000 ol ammoo du'aniiru. Baay'een isaaniis daa'immani.
Weerarri gurguddoon akkasii xiyyeeffannoo miidiyaa kan argatan ta'us, iddoowwan ijoo koleeraan irra deddeebiin itti ka'us ni jiru.
Dhukkuba hiyyeeyyii!
Koleeraan dhukkuba daddarbaa sababa nyaata ykn bishaan baakteeriyaa 'Vaaybiriyoo Koleeraa' jedhamuun faalameen dhufu dha.
Bakka balfi jiruu fi namoonni baay'inaan jiraatanitti, koleeraan salphaatti tamsa'uu danda'a.
Dhukkubni daddarbaan kun bishaan ashaboo rakasa ta'een kan wal'aanamu fi namoonni yoo bishaan qulqulluu fi mana fincaanii gaarii qabaatan salphaatti baduu kan danda'udha.
Garuu adduunyaarratti namoonni biiliyoona 2 ta'an tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu kan hin qabne fi balaa Koleeraaf kan saaxilaman ta'uu ragaan Dhaabbata Fayyaa Adduunyaa ni hima.
Eejansiin fayyaa UN, sirnoonni fayyaa laafoo ta'anii fi weerarri dhukkubaa dafee hin to'atamne, tatamsa'ina dhukkubootaa ariifataaf sababa ta'uu mala jedha.

Madda suuraa, Getty Images
'Mallattoo Qaanii'
Dhaabbanni gargaarsaa 'Wateraid' namni dhuunfaatti eegumsa fayyaa gahaa akka argatuuf $40 baasisa jedha.
Kun ammoo humnaa ol miti jedhu hoogganaan dhaabbatichaa Tiim Wayinraayit.
''Yeroo adduunyaa ilaaltu, kaartaan weerara koleeraa kaartaa hiyyummaa fi rakkoon itti baay'atuun sirriitti wal fakkaata.
''Dhukkubni ittisuun danda'amu kun ammas waggaatti namoota miiliyoona 2.9 faaluu fi kuma 95 ol ajjeesuun isaa mallattoo qaaniiti.''
Talaalliin Koleeraa afaaniin kennamu yaalii dhukkubicha balleessuuf taasifamu keessatti gahee guddaa qaba.
Waggoota 3'f qofa ittisuu danda'a. Garuu bakka weerarri dhukkubichaa itti ka'uu malutti, lubbuu kumaatamaan lakkaa'amu hambisuu danda'a.
Awurooppaan Kaabaa fi Ameerikaan waggoota 150 dura dhukkubicha balleessani.
Tilamaama baay'ina dhukkuba koleeraa adduunyaa kan waggaa:
- Hindii: kan dhukkubsatan, 675,188, kan du'an, 20,2666
- Itoophiyaa: kan dhukkubsatan, 275,221, kan du'an, 10,458
- Naayijeeriyaa: kan dhukkubsatan, 220,397, kan du'an, 8,375
- Heeyitii: kan dhukkubsatan, 210,589, kan du'an, 2,584
Madda: Yunivarsiitii Joons Hoopkiins












